bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
2 Corinthians 2
2 Corinthians 2
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 1
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 3 →
1
Eeganaa ani gaddaan gara keessan akka hin dhufne kutadheera.
2
Anillee yoo isin gaddisiise eegasuu ka sababaa kiyyaaf gaddu malee, ka na gammachiisu eennu?
3
Wonti akkasitti isinii barreesseef hennaa gara keessan dhufe worri na gammachiisuun isaan barbaachisu akka na hin gaddisiifneef jedhee gammachuun kiyya gammachuu isin maraati jedhee isin maraa waan hedadheef.
4
Rakkinna gudda'aa fi dhiphachuu yaadaatiin, imimmaan gudda'aan isinii barreessee waan tureef; kunillee guddisee jaalala isin jaaladhu akka beettaniif malee isin gaddisiisu'uufii miti.
5
Haa ta'uu ammo eennullee yoo gaddee jiraate akka isinitti hin ulfaanne gama tokkoon nu maraa gaddisiisa malee ana callaa hin gaddisiifne.
6
Nama akkana jiru, ka isin hedduun keessan adabdaniin adabbiin kun hin gayaan.
7
Namni akkana jiru akka hagaa olitti gaddee abdii hin kutanne dhiifamsa gootaniifii isa jajjabeessuu isin arbaachisa.
8
Kanaaf isin isa woliin jaalala akka jabeessitan isin kadhadha.
9
Wonti isinii barreesseef qormaata isin irra gaye akka injifattanii fi waa maraanuu worra ajajamu akka taatan beeku'uuf ture.
10
Ka isin dhiifamsa gootaniif anille akkasuma dhiifamsa godhaaf; anillee dhiifamsa yoo godheef dhiifamsa ka godheef waan keessaniif afoo Kiristoosiititti dhiifamsa godheeraaf.
11
Nu yaada isaa waan hin dogoggorreef Seexanaan akka hin sobamne.
12
Hennaa waan Dubbii Nagayaa Kiristoosiitiif gara Xiro'aada'aa dhufe hujii Rabbiitiif hagamillee balbalti yoo naa baname,
13
Tiitoo obboleessa kiyya waan hin arganneef yaanni kiyya hara hin baafanne; kanaafuu nagaya isaanitti dhaamadhee gara Maqedooniya'aa ol baye.
14
Haa ta'uu ammo Waaqa karaa Kiristoosiitiin hennaa maraa mooyanna'aan asii fi achi nu naannessu, ka nuun hulee marattuu urgaa beekkumsaa ibsuu galanni haa ta'u.
15
Worra fayyanii fi worra badan biratti nu Rabbiif urgaa Kiristoosii waan taaneef.
16
Isaan kanniiniif urgaa du'aaf ta'u; isaan sanniiniif ammo nu jireenna urga'aa ka jireennaaf ta'u; waan kanaaf gayaan eennu?
17
Nu akka worra hedduu ka dubbii Rabbii wolitti mammaka'aa gurguratuutii miti. Qajeellummaa san waan hin taaneef; ammo Rabbiin biraa akka ergamne Kiristoosiin keessa taanee Rabbiin afo'otti dubbanna.
← Chapter 1
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 3 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13