bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
2 Corinthians 8
2 Corinthians 8
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 7
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 9 →
1
Obboleeyyan tiyya! badhaadha Rabbi woldoota Kiristaana Maqedooniya'aatiif kenne isin beessifna.
2
Uduu rakkinna gudda'aan qoramanii jiran, guddinni gammachuu isaaniitii fi hiyyummaa isaanii guddisee baay'atullee kennaa isaaniitiin duroomaniiran.
3
Haga hunna isaaniitiin waan hunna isaanii caalu akka fedhaan kennan waan isaanii isinii raga.
4
Tajaajila woyyootaa ta'uun akka hirmaattan, arjummaa kana kadhaa gudda'aan nu kadhata'aa turan.
5
Dura dursanii haga nu isaan eennee olitti Goofta'aaf uf kennan; itti aansu'uun fedha Rabbiitiin uf nuu kennan.
6
Kanaaf Tiitoon akkuma firrisa jalqabeen akkasuma hujii arjumma'aa kana isin biratti akka raawwatuuf isa kadhanne.
7
Haa ta'uu ammo waa maraanuu amanti'ii fi dubbi'iin, beekkumsaan, ciminna maraan, nuufillee jaalala keessaniin akkuma bu'aa qabdan hujii arjumma'aa kanaanillee akkasuma bu'aa qabaadhaa'a.
8
Akka nama ajaja kennuu kana hin jedhu; haa ta'uu ammo karaa ciminna worra biraatiin dhugaa jaalala keessanillee akkasuma qoru'uuf kana jedha.
9
Kennaa arjummaa Gooftaa keenna Yesuus Kiristoosii waan beettaniirtaniif, dureessa uduu ta'u isin hiyyummaa isaatiin akka dureeyyii taatan waan keessaniif hiyyeessa ta'e.
10
Waan kana irratti gorsa isinii kenna: Bara dheengaddaatii jalqabdanii hujuu callaa uduu hin taane, akkasuma yaadu'uufillee ka firriftanii jalqabdan kun waan isin fayyaduuf.
11
Kanaaf yaanni fedhi'iin kennuu keessanii hujii irra oolee akka raawwatamu haguma dandeettaniin waan yaaddan san ammuma raawwadhaa'a.
12
Yoo fedhiin mishaan jiraate haguma qabuun ka jaalatame ta'a malee, haga hin qabneenii miti.
13
Kaawwaniif hara baafannaa; isiniif rakkinna akka ta'uufii miti; sirrii akka ta'uuf malee.
14
Bu'aan isaanii akkasuma hanqinna keessan akka guutu, hennaa tana bu'aan keessan dhidhinna isaanii haa guutuu; sirri'itti akka ta'u akkuma akkana jedhamee barreeffame.
15
«Ka guddaa kuufate, bu'aa hin buufanne. Ka diqqoo kuufatellee womaa jalaa hin dhidhanne.»
16
Waandhi onnee Tiito'oo keessa waan keessaniif jabeenna kaaye haa galatoomu.
17
Inni gorsa keenna waan fudhateeruuf ciminni ammo waan itti baay'ateef fedhii ufiitiin ka'ee gara keessan dhufa.
18
Waan Dubbii Nagayaa lallabu'uutiif obboleessa keenna jaalatamaa woliin gara woldaa Kiristaanaa maraa hin ergina.
19
Kana calla'aa miti. Haa ta'uu ammo ulfinnuma Goofta'aatiif kama jaalala fedha keenna mudhisu'uuf hujii arjumma'aa ka tajaajilu'uu kana nu woliin akka qoodamu woldaa tokkumma Kiristaanaatittillee filameera.
20
Kennaa akkanumaan tajaajillu kanaaf eennullee akka nu hin tuffanne uf eegganna.
21
Afoo Goofta'aa calla'atti uduu hin ta'in akkasuma nama afo'ottillee waan mishaa waan yaannuuf.
22
Hennaa heddu waan hedduun isa qoree, akka inni cimaa ta'e waan argineef ammallee guddisee waan isin hedatuuf; obboleessa keenna Tiitoo fa'a woliin hin ergina; inni ta duraa caalaa guddisee jaba'a.
23
Waan Tiito'oo ka isin gaafatu yoo jiraate, inni goshoo kiyya ka na woliin hojjatu; waan obboleeyyan teennaallee ka gaafatu yoo jiraate, isaan ergamtoota woldaa Kiristaanaatiif ulfinna Kiristoosiiti.
24
Eeganaa waan jaalala keessaniitiif waan boona nu isiniin boonnuu, tokkummaa woldaa Kiristaanaa afo'otti isaanii ibsaa'a.
← Chapter 7
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 9 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13