bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
2 Corinthians 9
2 Corinthians 9
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 8
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 10 →
1
Waan tajaajila woyyootaatiif ta'u isinii barreessuu na hin barbaachisu.
2
Fedha keessan mishaa waan beekuuf, jajjabeenni keessanillee kaawwan kakkaase, «Waan Worri Akaayiyya'aa bara dheengaddaa irraa jalqabee godheef» worra Maqedooniya'aa biratti isiniin boona.
3
Haa ta'uu ammo akkuma isaaniin jedhe worra qophooftan akka taatan waan kanaanillee booni ani isiniin boonu akka duwwaa hin taane obbooleewwan erga.
4
Maal laataa namoonni Maqedooniya'aa na woliin dhufan uduu isin hin qophoofne yoo isin argan isin callaa uduu hin ta'in nu worri isin abdannellee hin saalfanna.
5
Obboleewwan naan dura gara keessan dhufanii gargaarsa arjoomu'uuf waadaa galtan dura keessan akka qopheessitan akka isin qaabsisaniif isaan gara keessan erguun barbaachisaa akka ta'e yaadeera.
6
Kanallee akkana jedha, «Ka diqqoo facaasu diqqoma haamata; ka guddisee facaasu akkasuma guddisee haamata»
7
Rabbi ka gammachu'uun kennu waan jaalatuuf marti isaaniituu akkuma garaa ufiititti yaadeen haa kennu; gaddaan yookaan giddi'iin akka hin taane.
8
«Bittinneesse, hiyyeeyyi'ii kenne, qajeellummaan isaa baraa haga bara baraa jiraata» jedhamee akkuma barreeffame.
9
Rabbi hennaa maraa waan maraanuu dandeettii maraa argattanii hujii misha'aan akka baay'attan badhaadhummaa maraan isin guddisuu danda'a.
10
Ka facaasuu sanyii, ka nyaatuufillee xoroshoo guddisee ka kennu sanyii facaaftan isinii kenna; isinii barakachiisa; daraaraa qajeellumma'aa keessanillee isinii baay'eessa.
11
Karaa keennaan nu'u kennaa galata Rabbiitiif sababa ta'u mara akka mudhiftaniif waa maraanuu dureeyyii akka taataniif.
12
Tajaajilli gargaarsaa kun woyyoota jalaa waan hanqatu marumaa ka guutu callaa uduu hin taane, Rabbiifillee galata guddaa akka dhiyeessan godha.
13
Tajaajila kanaan waan qoramtaniif Dubbii Nagayaa Kiristoosii amantanii ajajamuu keessaniin isaanii fi worra biraallee gargaarsa arjumma'aa kanaan Rabbiin kabajjan.
14
Isaan hennaa Rabbiin isinii kadhatan badhaadhummaa waa maraa caalu saniif isin yaadan.
15
Kennaa isaa ka hagana hin jedhamneef Rabbiin galanni haa gawu.
← Chapter 8
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 10 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13