bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
2 Corinthians 6
2 Corinthians 6
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 5
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 7 →
1
Nu worra Rabbiin woliin hojjata waan taaneef badhaani Rabbii ka fudhattan akka duwwaa hin taane yaboo isiniin jenna.
2
Rabbi, «Hennaa malutti ani si dhagayeera; guyyaa fayyinnaallee, ani si gargaareera!» waan jedhuuf; Kunoo hennaan malu amma; guyyaan fayyinnaallee amma.
3
Akka tajaajilli keenna mudaa hin qabaanne waan tokkottillee gufuu hin taanu.
4
Haa ta'uu ammo waa maraanuu akka tajaajiltoota Rabbiititti uf dhiyeessina. Jabaannee dhaabachu'uun, rakkinnaan, miidhamu'uun, dhiphachu'uun,
5
Tumamu'uun, hidhamu'uun, raafamu'uun, dadhabbi'iin, hirriba dhabu'uun, soomu'uun,
6
Qulqullinnaan, beekkumsaan, obsaan, arjumma'aan, Ayyaana woyyu'uun, jaalala fakkeessaa hin qabneen,
7
Dubbii dhuga'aatiin, hunna Rabbiitiin, meeshaa woraana qajeellumma'aa harka mirgaatii fi harka bita'aatitti qabachu'uun,
8
Ulfinnaa fi salphinnaan, maqaa badu'uu fi maqaa tolu'uun jiraanneerra. Nu worra dhuga'aa taanee uduu jiru dogoggorsitoota jedhamne.
9
Worra hin beekkamne uduu jedhamnu nu ammo worra beekkame. Uduu waan duunu fakkaannu nu ammo jiraattota; hin adabamna malee hin ajjeefamnu.
10
Uduu worra gaddu taanu hennaa maraa hin gammanna. Hiyyeeyyii taanee namoota hedduu dureeyyii goona, worra womaa hin qabne fakkaannullee wonti maruu keenna.
11
Isin namoota Qorontoosii! maraa addaata'atti isinitti himneerra; garaan keennallee isiniif badhateera.
12
Isintu garaa nu dhoffate malee, nu garaa isin hin dhoffanne.
13
Isin ijoollee tiyya waan taataniif akkana isiniin jedha. Akkuma nu garaa keenna isinii banne, isinillee garaa keessan nuu banaa'a.
14
Worra hin amanne woliin deemsa hin tolleen wolitti hin hidhaminaa'a. Qajeellummaan dhara woliin firooma maal qaba? Ifnillee dukkana woliin tokkummaa maal qaba?
15
Kiristoos daabiloosiin woliin wolii galtee maal qaba? Yookaan ka amanu ka hin amanne woliin tokkummaa maal qaba?
16
Manni Rabbii woyyuun waaqa tolfamaa woliin firooma maal qaba? «Nu mana woyyuu Rabbii maraa olii waan taaneef, akkasuma Rabbi akkana jedhee dubbate; «Ani isaan keessa jiraadha, isaan wodhakkaa deddeebi'a; Waaqallee isaanii ta'a. isaanillee banii kiyya ta'an»
17
Kanaafuu Gooftaan, «Isaan keessaa baya'aa gargar fooyamaa'a; waan battii hin tuqinaa'a. anillee isin simadhaa;
18
Abbaallee isinii ta'a; isinillee ijoollee dhiiraatii fi ijoollee intalaa naa taatan» jedha Gooftaan maraa bulchu
← Chapter 5
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 7 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13