bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
2 Corinthians 7
2 Corinthians 7
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 6
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 8 →
1
Eeganaa jaalatamtoota kiyya dubbii abdi'ii kana yoo qabaanne, sodaa Rabbiitiin woyyummaa guutuu godhu'uun waan nafa kennaaf ayyaana keenna batteessu maraa irraa uf haa qulqulleessinuu.
2
Isin garaa keessan nuu badhisaa'a; nu eennuunillee hin yakkine; eennuunillee hin miine; eennuunillee hin sobne.
3
Kana murti'iif hin jedhu; tokkumma'aan du'u'uuf; tokkumma'aan jiraachu'uuf; garaa keenna keessa akka jirtan dursee dubbadheera.
4
Waan keessaniif amantiin kiyya gudda'a, sababaa keessaniif guddisee boona; guddisee jajjabaadheera; rakkoo keenna maraa keessatti ani hin gammada.
5
Hennaa gara Maqedooniya'aa dhufne waa maraanuu rakko'otu nu irra gaye malee hara hin baafanne. Diida lolatu jira; keessa ammo soda'atu jira.
6
Haa ta'uu ammo Waandhi worra gaddan jajjabeessu dhufa Tiito'ootiin nu jajjabeesse.
7
Dhufuu isaa calla'aanii miti; nuu yaaduu keessaniif booyicha keessan waan kiyyaafillee ammo hinaafuu keessan hennaa inni nutti himu jajjabeenna nu isiniin jajjabaanneen akkasuma ka duraa caalaa gammanneerra.
8
Dhaamsi kiyya yoo isin gaddisiisee jiraate hin gaabbu; yoo gaabbellee dhaamsi sun hennama diqqo'oof akka isin gaddisiisee waan arga'aaruuf.
9
Amma ammo gammadeera, wonti gammadeef waan isin gaddisiiseef uduu hin taane sababaa gadda keessaniitiif aagii galtanii waan jijjiiramtaniif.
10
Gaddi akka fedha Rabbii ta'e, ka gaabbiin keessa hin jirre, waan aagii gara fayyinnaa nama geessu ta'eef. Gaddi adunyaa tanaa ammo du'a fida.
11
Gaddi akka fedha Rabbii ta'e kun jabaachuu attamii, deebii attamii, lola attamii, sodaa attamii, yaaduu attamii, hinaaffaa attamiitii fi gadoo bayuu attamii akka isin jiddu'utti godhe laalaa'a. Waan kanaan woyyoota ta'uu keessan raggaasiftaniirtan.
12
Eeganaa waan isinii barreessellee yoo ta'e, jabeenni waan keennaaf qabdan isin biraa Rabbiin afo'otti akka mudhatuuf malee, waan ka yakkeetii fi yookaan waan ka yakkamee hin barreessine.
13
Kanaaf jajjabaanneerra. Waan jajjabaachuu keennaatii fi waan gammachuu Tiito'ootiif guddifnee gammanne. Qalbiin isaa isinitti waan hara baafateef.
14
Isiniin boonuu kiyya isatti himee ture; isinillee na hin saalfachiifne; wonti isinitti hima'aa turre maruu akka dhugaa ta'e akkasuma dhaaduun waan keessan Tiito'otti hima'aa ture maruu akka dhugaa ta'e mirkanaayeera.
15
Kanaaf sodaachu'uu fi hollachu'uun attamitti akka isa simattan ajajamuu keessan maraa yaada'aa jaalalti inni isiniif qabu kana caalaa eda'ameera.
16
Waan maraanuu waan isin abdadheef guddisee gammadeera.
← Chapter 6
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 8 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13