bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
2 Corinthians 5
2 Corinthians 5
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 4
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 6 →
1
Manni keenna ka ardii tanaa ka akka daase'eetitti keessa jiraannu yoo diiggamellee mana harka namaatiin hin ijaaramne ka Rabbii sami'iitiin ijaarame akka qabnu waan beennuuf.
2
Hagasiif ammo waan kana keessatti dhugamaan wixxifanna; mana keenna ka sami'ii san uffachuu dharraana. Dhugamaan yoo uffanne qullaa taanee hin argamnu.
3
Dhugamaan yoo ka hin duune uffanne qullaa taanee hin argamnu.
4
Haga daasee kana keessa jirru nutti ulfaatee wixxifanna. Sababaanillee ka du'aa ta'ee jireennaan akka liqimfamuuf nafa jireenna sami'iillee akka uffannuuf malee, akka qullaa taanuufii miti.
5
Ka kanaaf nu uume Rabbi. Innillee waan nuuf kennamu maraaf akka qabdii ta'uuf Ayyaana ufii nuu kenne.
6
Kanaafuu hennaa maraa amanamnee amanti'iin jiraanna malee, laalu'uun hin jiraannu.
7
Hennaa nafa fooniitiin jiraannu Gooftaa irraa fooyamnee baqa keessa akka jirru yoo ka beennu ta'e amanamneerra.
8
Keessattuu nafa akka mana keennaa ta'e kana irraa adda baanee baqa keessa jiraata'aa Gooftaa woliin jiraachu'utu nu gammachiisa.
9
Kanaafuu akkasuma nafaan jiraannee'e yookaan yoo jiraachuu baannellee, worra isa gammachiifnu ta'uu hawwina.
10
Namni martinuu nafa ufii irratti waan mishaa ta'ee'e, waan hamaa hojjatee, akkuma hujii ufiitiin waan gatii argatuuf nu maruu teessoo murtii Kiristoosii afoo dhaabanna.
11
Eeganaa sodaa Goofta'aa beennee namoota hubachiifna. Nullee maal akka taane Rabbi hin beeka. Sammuu keessaniinillee akkasuma akka ifa taane abdii godha.
12
Worra keessa isaaniitiin uduu hin ta'in waan diidaa mudhatuun uf jajaniif deebii isaanii deebiftan akka qabaattan akka nuun boontan sababaa isinitti himna malee, uf isinii galatoonfatu'uufii miti.
13
Yoo maraannellee Rabbiif jenneeti. Worra qalbii qabu yoo taane isiniif jenneeti.
14
Kana waan murteeffanneef jaalalli Kiristoosii nu giddisiisa. Tokkochi maraafuu du'e. Eegasuu namni maruu du'aniiran.
15
Worri lubbu'uun jiranillee ka isaaniif du'ee du'aa ka'eef malee, duranaa akka ufiif hin jiraanne maraafuu du'e.
16
Kanaafuu ammaa achi eennuttillee fuula laala'aa hin murteessinu; Akki Kiristoosiin itti laalle ija laalcha fooniitiinillee yoo ta'e, ammaa achi haala kanaan hin laallu.
17
Kanaafuu eennullee yoo Kiristoosiin keessa ta'e, uumama haarawa; wonti moofaan lufeera. Kunoo maruu haarawa ta'eera.
18
Wonti ta'e maruu Rabbii karaa Kiristoosiitiin ufiin wolitti nu araarsee fi tajaajila araarsu'uullee nuu kenneen;
19
Waan Rabbi Kiristoosiin keessaan adunyaa ufiin wolitti araarsa'aa tureef cubbuu isaaniillee isaanitti hin laakkayu ture; nu keessallee dubbii araaraa kaaye.
20
Eeganaa Rabbi waan karaa keennaan namoota waamuuf nu ergamtoota Kiristoosiiti. Nu kanaaf «Rabbiin araaramaa'a!» jennee maqaa Kiristoosiitiin isin kadhanna.
21
Nu isa keessa taanee akka Rabbiif qajeelaa taanu; Kiristoosii cubbuu hin qabne akka cubbuu keenna maraa baatu cubbamaa taasiseen.
← Chapter 4
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 6 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13