bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
2 Corinthians 4
2 Corinthians 4
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 3
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 5 →
1
Sababaa kanaaf haga araara nuu kennameetitti tajaajila kana waan qabnuuf hin dadhabnu.
2
Haa ta'uu ammo nu waan dhossa'aatii fi waan nama saalfachiisu ganneerra; dharaan hin deddeebinu. Dubbii Rabbii sobaan wolitti hin mannu. Dhugaa ibsu'uun waan sammuu nama maraatiif tolu Rabbiin afo'otti goona.
3
Dubbiin Nagayaa ka nu lallabne kun maal laataa yoo dhokate, worra badan jalaa dhokate.
4
Isaaniifillee ka fakkeenna Rabbii ta'e, ifni ulfinna Dubbii Nagayaa ka Kiristoosii akka isaanii hin ifine, seexanni waaqa adunyaa tanaa ta'e qalbii worra hin amannee jaamse.
5
Kiristoos Yesuusiin Gooftaa akka ta'e malee waan ufii waan hin himneef. Waan Yesuusiitiif jennee tajaajilaa keessan taaneerra.
6
Kiristoosiin afo'otti ulfinni beekkumsa Rabbii ifa akka kennu; garaa keenna keessatti ifni ifuun; dukkana keessatti ka ifiti haa ifu jedhe Rabbiin waan ta'eef.
7
Haa ta'uu ammo guddinna hunna Rabbii irraa malee nu irraa akka hin taane akka beekkamu waan kabajjamaa akka mi'a faaraa taanee galmee kana uf keessatti qabanneerra.
8
Karaa maraanuu hin dhiibamna malee hin dhiphannu; hin mamna malee abdii hin kutannu.
9
Hin ari'atamna malee hin gatamnu, hin kufna malee hin bannu.
10
Jireenni Yesuusii akkasuma foon keenna irratti akka mudhatuuf hennaa maraa du'uu Yesuusii nafa keenna irratti baadhannee deddeemna.
11
Jireenni Yesuusii ammo nafa keenna ka du'u irratti akka mudhatuuf nu worri jiraattota taane sababaa Yesuusiitiin hennaa maraa du'aaf dabarfamnee waan kennamneef.
12
Kanaafuu duuti isaa nu irratti; jireenni isaa ammo isin keessatti hojjata.
13
Haa ta'uu ammo «ani amanee dubbadhe» jedhamee akkuma barreeffame, Ayyaana amanti'ii sanuma waan qabnuuf; nullee akkasuma hin amanna; kanaaf dubbanna.
14
Ka Gooftaa Yesuusiin du'aa kaase nullee akkasuma Yesuusiin woliin akka du'aa nu kaasu isin woliinillee akka nu dhiyeessu hin beenna.
15
Karaa namoota hedduutiin badhaadha irraa hafaa; ulfinna Rabbiitiif galata akka guddisu maruu waan keessaniif.
16
Kanaafuu hin dadhabnu; haa ta'uu ammo nafti keenna ka gubba'aa yoo badellee nafti keenna ka keessaa guyyama guyya'aan haarawooma.
17
Waan hin mudhanne malee waan mudhatu yoo laaluu baanne rakkoon keenna salpha'a;
18
hennaa heddu ulfinna bara baraa maraa caalaa waan nuu godhamuuf. Wonti mudhatu haguma henna'aati. Wonti hin mudhanne ammo ka bara baraati.
← Chapter 3
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 5 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13