bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
Ezra 1
Ezra 1
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 2 →
1
Qiroos mooyee bara jalqabaatitti dubbiin Rabbii ka afaan Ermiyaasii raattichaan dubbatame akka raawwatamuuf Rabbi mootii Faarisii Qiroosiin kaase; inni biyya ufii bulchu marattuu labsii labsisiise; barreeffamaanillee akkana jedhe.
2
Mootiin Faarisii Qiroos akkana jedha «Rabbi Waandhi sami'ii mootota biyya lafaa maraa naa kenneera; Yerusaalemii biyya Yihuuda'aa jirtu keessatti akka mana isaa ijaaru na ajajeera.
3
Isin keessaa worri banii Rabbii taatan eennuunillee yoo ta'e Waandhi isa woliin haa jiraatu; namni sun gara Yerusaalemii biyya Yihuuda'aa keessa jirtuu dhaqee Waaqa Yerusaalemiin keessa jiraatuuf mana haa ijaaruu;
4
Namoonni du'a irraa hafan kunniin hennaa deebi'an namoonni naannoo isaaniititti isaan woliin jiraatan maruu birrii, worqii, meesha'aa fi horii fe'a'aatiinillee isaan haa gargaaranii; kun kennaa addaa ka fedha ufiitiin mana Rabbii ka Yerusaalemiin keessa jiruu kennan haa ta'uu.»
5
Achiin maayessa bulchoonni manniin abboota Yihuuda'aatii fi ka Biiniyaamii, gadoonni, worri Leewwotaa, mana Rabbii ka Yerusaalemiin keessa jiru ijaaru'uuf akka bayan worri Rabbi onnee isaanii kakkaase maruu ka'an.
6
Worri naannoo isaanii jiraatan maruu waan fedha ufiitiin dhiyeessan maraa keessaa kennaa biraallee meeshaa birri'iitii fi meeshaa worqi'ii, birrii isaaniitii fi horii isaaniitiin, kennaa biraatiinillee isaan gargaaran.
7
Mootiin Qiroos meeshaa mana Rabbii ka Nabukadanatsoor mana Rabbii ka Yerusaalemiin keessa jiru keessaa fudhatee mana Waaqa tolfamaa ufii keessa kaaye maraa hin baase.
8
Motiin Faarisii Qiroos meeshaa mana qulqulluu keessa jiru sanniin bulchaa meeshaa mana mootumma'aa ka Mitiridaaxuu jedhamuun laakkobsisee Sheshabazaarii mootii biyya Yihuuda'aatitti kenne.
9
Laakkobsi meesha'aallee; gabateen keennaa itti dhiyeessan ka worqii irraa hojjataman soddoma, gabateen kennaa itti dhiyeessan ka birrii irraa hojjataman kuma tokko, billoofni diddamii sagal, qoriin dhaga'aa ka
10
worqii irraa hojjataman soddoma, qoriin gara garaa dhibba afurii fi kudhan, meeshaan biraallee kuma tokkotu jira.
11
Meeshaan worqi'iitii fi ka birri'ii wolumatti qabaa kuma shanii fi dhibba afur. Meeshaa kanniin maraa Sheshbazaar booji'amtoota biyya Baabilooniitii gara Yerusaalemii dhufan woliin fudhate.
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 2 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10