bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
Ezra 10
Ezra 10
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 9
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
1
Izraan hennaa mana Rabbii afo'otti kufa'aa booya'aa Waaqa kadhata'aa yakka ufii himatu Israa'eliin keessaa gumiin dhiiraa, ka dubarti'iitii fi ka daa'immanii baay'een isa biratti wol gayan; baniinillee guddisee booye.
2
Gosa Eelaamii keessaa ilmi Yihi'eelii Sekeniyaan Izra'atti akkana jedhee dubbate «Waaqa keenna yakkineerra; worra nyaaphaa worra Yihuudii hin taane keessaa dubartii fuuneerra; haa ta'uu ammo ammallee worri Israa'elii waan kanaaf abdii qaba.
3
Amma akka ajaja Gooftaa kiyyaatii fi akka gorsa worra Waaqa keennaa sodaatuutitti dubaraa fi daa'imman isaan irraa dhalatanillee maraa uf biraa galchu'uuf Waaqa keenna woliin waadaa haa galluu; wonti kun akka seeraatitti haa raawwatamuu.
4
Waan kana maraa raawwachiisu'uuf kun waan si laallatuuf ka'i; nullee si woliin jirraa jabaadhuu raawwadhu.»
5
Izraanillee ka'ee bulchoota ufii, gadoota, Leewwotaa fi worra Israa'elii maraa akka dubbii kanaatitti waan kana akka raawwatan kakachiise; isaanillee hin kakatan.
6
Izraan mana Rabbii afo'oo ka'ee gara gola mana Yohaanaanii ilma Eeliyaaseebii seenee waan cubbuu worra booji'amtootaatiif booya'aa tureef mana seenee waa hin nyaanne, hin dhunnelle'e.
7
Worri booji'aman maruu akka Yerusaalemitti wol gawu, akka gorsa jaarsotaatii fi bulchootaatitti worri guyyaa sadihii keessatti hin dhufne maruu wonti isaan qaban maruu akka isaan jalaa fudhatamu, gumii worra booji'amee keessaa akka fooyamu biyya Yihuuda'aatii fi Yerusaalemiititti labsii labsan.
9
Uduu guyyaan sadihii hin lufin ji'a sagaleesso'oo guyyaa diddameesso'ootitti worri Yihuuda'aatii fi worri Biiniyaamii maruu Yerusaalemitti wol gayan; baniin maruu waan kanaa fi sababaa Rooba gudda'aatiif hollata'aa hulee itti gad bayan ka mana Rabbii afoo jiru taa'an.
10
Izraan gadichillee ka'ee «Isin yakkitaniirtan, Israa'eliin irratti yakka guddisu'uuf dubartoota nyaaphaa fuutaniirtan.
11
Amma Rabbii Waaqa abboota keessanii afo'otti cubbuu keessan maraa himadhaa'a; waan isa gammachiisu hojjadhaa'a; banii naannaya keessan jiranii fi dubartoota nyaaphaa irraa fooyamaa'a.» isaaniin jedhe.
12
Baniin maruu laagaa gudda'aan deebisanii «Waan ati nutti himte kana godhuu nu barbaachisa.
13
Haa ta'uu ammo baniin baay'e'e; hennaan kun hennaa roobni guddatu, raasaa kana dhaabannee hin dandeennu; nu waan kanaan guddifnee waan yakkineerruuf, hujiin kunillee hujii guyyaa tokkoo fi lamaatii miti;
14
kanaafuu bulchoonni keenna bikka bani'ii Waaqa afoo haa dhaabatanii; sababaa kanaaf lolli Waaqa keennaa akka nu irraa deebi'u, worri dubbartoota nyaaphaa fuudhan ka qachaa keenna keessa jiran maruu guyyaa haaganaan itti qabametti haa dhufanii; jaarsonni qachaa keessa jiranii fi abboonni murti'ii isaan woliin haa dhufanii.» jedhaniin.
15
Haa ta'uu ammo ilmi Asaahelii Yoonaataanii fi ilmi Teequwwa'aa Yahiziyaan waan kana hin morman, Meesulaamii fi Saabaataayiin Leewwichillee isaan gargaaran.
16
Worri booji'amanii deebi'an woma kana godhu'uuf wolii galan; kanaafuu Izraan gadichinii fi bulchoonni manniin abboota isaanii keessaa namoota filatan. Maruu maqaa ufii galmeeffatanii ji'a kudhaneesso'oo guyyaa jalqabaatitti waan kana qorachu'uuf taa'an.
17
Haga ji'a jalqabaa guyyaa jalqabaatitti hojjatanii worra dubartoota nyaaphaa fuudhan qoratanii raawwatan.
18
Ijoollee gosa gadootaa keessaallee worri dubartoota isaanii fuudhan hin jiran. Ijoollee Iyyaasuu ilma Iyyooseedeeqiitii fi obbooleewwan isaa, Ma'iseeyaa, Al'aazar, Yaariibii fi Godoliyaas.
19
Haawwota manaa ufii baasu'uuf harka kennatan, sababaa cubbuu ufiitiif tika horii ufii keessaa korbeessa hoola'aa tokko tokko ciinca'aaf dhiyeessan.
20
Fiixaa Imeerii keessaa, Anaanii fi Zibaadiya'a.
21
Fiixaa Kaarimii keessaa Ma'iseeyaa, Eliyaas, Shamaayaa, Yihi'eelii fi Ooziya'a.
22
Fiixaa Faaskurii keessaa Eeliyoo'enaayi, Ma'iseeyaa, Yismaa'el, Naatinaa'el, Yoozaabaatii fi Eeli'aasa'a.
23
Worra Leewwotaa keessaa Yoozaabaat, Saamee'i, Qoliyaa Qolixaas jedhamu, Fataayaa, Yihuuda'aa fi Al'aazar.
24
Worra faarfattootaa keessaa Eeliyaaseeb. Worra balbala eegu keessaa Saloom, Xeeleem, Uuri.
25
Worra Israa'elii kaawwan keessaallee fiixaa Faaroosii Raamiyaa, Yiiziyaa, Malkiyaa, Miyaamin, Al'aazar, Malkiya'aa fi Baanaayaas.
26
Fiixaa Eela'aa keessaa Mataaniyaa, Zakkaariyaas, Yihi'eel, Abdi, Yireemootii fi Eeliya'a.
27
Fiixaa Zaatu'ii keessaa Eeliyo'eenaayi, Eeliyaaseeb, Mataaniyaa, Yireemoot, Zabaadii fi Aziiza'a.
28
Fiixaa Beebaayii keessaa Yihohanaan, Hanaaniyaa, Zabsaayii fi Axilaayi.
29
Fiixaa Baani'ii keessaallee Meesulaam, Maluuk, Addaayaa, Yaasuub, Sha'aalii fi Raamoot.
30
Fiixaa Fahaatii nama Moo'aabii keessaa Adinaa, Kilaal, Banayaas, Ma'iseeyaa, Mataaniyaa, Baasili'eel, Biniwii fi Minaase'e.
31
Fiixaa Kaarimii keessaa Al'aazar, Yishiyaa, Malkiyaa,
32
Shamaayaa, Simoon, Biiniyaam, Maluukii fi Samaaraya'a.
33
Fiixaa Hasuumii keessaa Matinaayi, Matataa, Zaabaad, Elifaalaat, Yireemaayi, Minaase'ee fi Saame'i.
34
Fiixaa Baani'ii keessaa Maa'idaayi, Amraam, Uu'eel,
35
Banaayaas, Beediyaa, Kelqiyaa,
36
Waaniyaa, Meerimoot, Eelyaaseeb,
37
Mataaniyaa, Matinaayii fi Yaa'isu.
38
Fiixaa Biiniwii keessaa, Saame'i,
39
Saleemiyaa, Naataan, Aadaayaa,
40
Makinadibaayi, Seeseeyi, Shaaraayi,
41
Eziri'eel, Saleemiyaa, Samaarayaa,
42
Saloom, Amaariya'aa fi Yooseef.
43
Fiixaa Naaba'awuu keessaallee Yi'i'eel, Matiitiyaa, Zaabaad, Zabiinaa, Yaadaayi, Iyyo'eelii fi Banayaas.
44
Namoonni kunniin maruu dubartoota nyaaphaa fuudhanii turan; dubartoonni isaan fuudhan tunniin ijoollee baay'ee dayaniif.
← Chapter 9
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10