bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
Ezra 6
Ezra 6
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 5
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 7 →
1
Hennaa san mootichi Daariyoos kitaabonni mana galmee Baabilooniin keessa jiru maruu akka qoratamu ajaje.
2
Qachaa «Ahimtaa» jedhamtu ta godina Meedooniititti mana mootichaa keessatti kitaabni marame argame; wonti isa keessatti barreeffame kanatti aaneera.
3
Mootichi Qiroos mooyee woggaa jalqabaatitti «Huleen ciinca'aa ka mana Rabbii ka Yerusaalemiin keessa jiruu itti dhiyeessan haa hojjatamuu, bu'uura jaba'aan haa jalqabamuu, dheerinni isaa ciqilee jahaatama, dalgi isaallee ciqilee jahaatama haa ta'uu.
4
Naannaya isaa sadiin dhagaa gugurda'aan haa ijaaramuu; naannofni tokko ammo mukaan haa ijaaramuu; birrii mana kana ijaaru'uuf bawu mootichi haa kennuu.
5
Akkasuma meeshaan mana Rabbii ka worqi'iitii fi ka birri'ii ka mootichi Nabukadanatsoor Mana Qulqulluu Yerusaalemiin keessa jiruu fuudhee mana qulqulluu Baabilooniin keessa jiru keessa kaaye gara Mana Qulqulluu Yerusaalemii keessa jiruu gara hulee ufii deebi'ee manuma Rabbii keessa haa jiraatuu.» jedhee ajaje.
6
Kanaan maayessa mootichi Daariyoos ajaja akkana jedhu dabarse « Tantinaayi bulchaa biyyaa ka laga Efraaxisii gama jirtu; akkasuma Satarbuzinaayii fi gargaartoonni keessan ka laga Efraaxisii gama jiran worri Afarsikaawotaallee Mana Qulqulluu biraa fagaadhaa'a;
7
Manni Rabbii kunillee haa ijaaramuu dhiisaa'a. Bulchoonni biyya Ayihuudi'iitii fi jaarsonni biyya Ayihuudi'ii mana Rabbii hulee isaatitti haa ijaaranii isaan dhiisaa'a.
8
Mana Rabbii kana akka ijaaraniif wonti isin jaarsota biyya Ayihuudi'iitiif gootan gibira biyya laga Efraaxisii gamaa dhufu, birrii mooti'ii keessaa baasii akka isaanii gootan, hujii kana jabaatanii akka hojjatan hujii akka isaan hin hiissifne ajajeera.
9
Ciincaa Waaqa Sami'iitiif ciincawu, jiboole'ee fi korbeeyyii hoola'aa, korbeeyyii darmii akkuma fedha gadoota Yerusaalemiin keessa jiraataniititti qamadii, sooqidda, daadhii woyini'iitii fi Sayitii ejersaa guyyama guyya'aan uduu addaan hin kunne isaanii kennaa'a.
10
Kunillee akka ciincaa urgaawaa Waaqa sami'iitiif dhiyeessanii fi akka ana mootichaa fi umurii ijoollee tiyyaatiifillee kadhataniif.
11
nama ajaja kana jijjiire maraa utubaan mana isaa buqqa'ee inni itti haa fannifamuu, mana isaa ammo kosii itti gataa'a jedhee ajajeera.
12
Waandhi maqaa ufii achi keessa kaayellee, mootota waan kana jijjiiru'uuf harka ufii badhisanii mana Rabbii ka Yerusaalemiin jiru diigu'uuf ta'an haa balleessu; ani Daariyoos manni kun hojjatamee akka raawwatamu ajajeera. Kun jabeennaan haa hojjatamuu.»
13
Asiin maayessa akkuma dubbii mootichi Daariyoos ergeetitti bulchaan laga Efraaxisii gama jiru Tantinaayi, Satarbuzinaayi, akkasuma worri isaan gargaaranillee jabaatanii hojjatan.
14
Jaarsonni biyya Ayihuudi'ii raaga raatticha Hage'eetii fi raaga raatticha fiixaa Ado'oo Zakkaariyaasiitiin ijaaran, isaanii qajeelelle'e. Akka ajaja Waaqa Israa'elii, akka mootota Faarisii, akka mooticha Qiroosii, akka ajaja Daariyoosiitii fi akka mooticha Arxeeksisiititti ijaaranii raawwatan.
15
Manni kun bara mootichi Daariyoos mooye woggaa jaheesso'oo ji'a Adaar jedhamu guyyaa sadeesso'ootitti raawwatame.
16
Ijoolleen Israa'elii gadoonninii fi Leewwonni, booji'amtoonni hafanillee ayyaana eebba mana Rabbii kana gammachu'uun kabajjan.
17
Isaan eebba mana Rabbii kanaaf jiboolee dhibbaa, Korbeeyyii hoola'aa dhibba lamaa fi korbeeyyii hoola'aa darmii dhibba afur fidan; ciincaa cubbu'uutiif akka laakkobsa gosa Israa'eliititti isaan maraafuu korbeeyyii Re'iinii kudha lama fidan.
18
Akkuma kitaaba Muuse'ee keessatti barreeffame tajaajila mana Rabbii ka Yerusaalemiin keessa jiru irratti worra gadootaa akka ballii isaaniititti, worra leewwotaallee akkuma garee isaaniitiin dhaabsisan.
19
Worri booju'uu deebi'anillee ji'a jalqabaa guyyaa kudha arfaffa'aatitti ayyaana faasika'aa ayyaanteeffatan.
20
Gadoonninii fi worri Leewwotaa akkuma seeraatitti uf qulqulleessan; worri Leewwotaallee ayyana faasika'aatitti banii booju'uu deebi'anii fi gadootaaf akkasuma ufiifillee horii dhiyeeffatan qalan.
21
Ijoolleen Israa'elii ta booju'uu deebite worri Rabbii Waaqa Israa'elii waaqeffatu'uuf jedhanii waan battii irraa uf eegan maruu waan Rabbi isaan gammachiiseef woliin hin nyaatan.
22
Mootichi biyya Asoorii akka manni Rabbii ijaaramuuf isaan haa jajjabeessu'uuf Rabbi onnee isaa gara isaanii deebisee waan isaan gammachiiseef ayyaana xorosho'oo haga guyyaa torbaa gammachu'uun ayyaanteeffatan.
← Chapter 5
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 7 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10