bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
Ezra 9
Ezra 9
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 8
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 10 →
1
Haga wonti kun maruu raawwatameen maayii bulchoonni Israa'elii gariin gara kiyya dhufanii akkana naan jedhan, «Baniinii fi gadoonni, worra Leewwotaallee eda'atee battummaa worra ollaa isaanii jiranii ka Amoonotaa, ka Mo'aabotaa, ka worra biyya Misirii keessa jiraataniitii fi akkasuma ka worra Kana'aanotaa, ka worra Keexotaa, ka worra Feerzotaa, ka worra Iyyaabusootaatii fi ka worra Amoorotaa irraa uf hin eenne; waan battii baniin sunniin hojjatan maraa hojjatan.
2
Worra sanniin irraa ijoollee intalaa ufii fi ijoollee ufiitittillee fuudhan; sanyii qulqulluu worra Yihuudota hin taane ka lafa irra jiraatan woliin wolitti makan; bulchoonni isaaniitii fi muudamtoonni isaanii badii kana hojjachu'uun worra jalqabaa ta'an»
3
Anillee hennaa kana dhagaye waan guddisee gaddeef uffataa fi kaabbaa kiyya tarsaasee, rifeensa kiyya ka mata'aatii fi areeda kiyyallee bubuqqisee taa'e.
4
Waan yakka worri booju'uu deebi'an hojjatanii ka Waandhi Israa'elii dubbateetiif worri nayan maruu na biratti wol gayan; anillee haga ciincaa galgalaa gaddee achuma taa'e.
5
Hennaan ciincaan galgalaa itti dhiyaatu geennaan akkuma uffanni kiyyaa fi kaabbaan kiyya na jalaa tarsa'etti bakka itti kufee ka'ee jilbiiffadhee gara Rabbii Waaqa kiyyaa harka kiyya badhisee
6
«Waaqa kiyya! cubbuun keenna waan nu irratti guddateef, yakki keennallee haga Sami'iititti waan ol guddateef, Waaqa kiyya! ani ol jedhee si laaluu hin uggu, hin sodaadhalle'e.
7
Bara abboota keennaatii jalqabnee haga adhaa guddifnee yakkineerra; sababa cubbuu keennaatiif nu'u, mootonni keenna, worri gadootaa keennallee lola, boojuu, saamamu'uu fi salphinnaan harka mootota lafaatitti kufne.
8
Amma ammo Rabbi Waaqa keenna! Ati akka hambaa nuu dhiiftu, hulee kee qulqullu'utti akka xiribbaa nuu kennitu, Ati Waandhi keenna akka ija keennallee nuu bantu, uduu garbummaa keessa jirru diqqoma jireenna keenna akka nuu haarawoomsitu, hennaa hago'oof Ati Rabbi Waandhi keenna gaachena nuu kenniteerta.
9
Nu'u garboota, Waandhi keenna ammo garbumma'atti nu hin dhiifne; jireenna keenna nuu haarawoomsu'uuf, mana Waaqa keennaa akka ijaarruuf, waan diiggamellee akka jajjabeessinu, Yihuuda'aa fi Yerusaalemiin jiddu'utti dallawa akka nuu ta'an mootota Faarisii afo'otti araara ufii nuu kenne.
10
Haa ta'uu ammo Waaqa keenna! waan haga ammaa ta'e kanaaf maal jechuu dandeenna? nu ammallee ajaja kee hin kabajjine,
11
ajajoonni kunniin ka karaa tajaajiltoota raattota teetiitiin ‹biyyi isin itti galtan tun battummaa worra biyya san jiraataniitiin battoofteerti, daanga'aa haga daanga'aa battummaa isaaniitii fi hujii isaanii ka coraa shugug nama godhuun guuttamteerti;
12
kanaafuu akka jabaattan, daraaraa biyya sanii akka nyaattan, lafa tana fiixaa keessanillee akka dhaalchiftan ijoollee teessan ta durbaa ijoollee isaanii ta dhiiraatii hin kenninaa'a; ijoollee teessan ta dhiiraatitti ijoollee isaanii ta durbaa hin fuudhinaa'a. Isaaniin wolitti hin firoominaa'a› jettee nu ajajje dhiifneerra,
13
Waan hujii keenna hama'aatii fi waan yakka keenna gudda'aatiin nu irra gayeen, Ati Waandhi keenna guddinna cubbuu keennaatiin nu hin balleessine; haa ta'uu ammo hambaa nuu keette.
14
Dhugamaanuu amma nu deebinee seera kee diigu'uuf, worra Yihuudota hin taane ka waan hamaa hojjatan sanniin woliin baanee galuu nu barbaachisaa? Ati nu worra hambaa hin qabnee fi worra si jalaa bawuu hin dandeenne haga taanutti nuun loltee nu hin balleessituu?
15
Yaa Waaqa Israa'elii! Ati qajeela'a. Akkuma adha ta'e kana nu'u jalaa baanee hafneerra. Nu'u amma kunoo yakkuma keennaan si afoo jirra. Kanaafuu ka si afoo dhaabatuu danda'u hin jiru.
← Chapter 8
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 10 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10