bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
Ezra 3
Ezra 3
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 2
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 4 →
1
Hennaa jiini torbeesso'oo gaye ijoolleen Israa'elii uduu qachoota isaanii keessa jiraatan baniin yaada tokko ta'anii Yerusaalemitti wol gayan.
2
Ilmi Iyyooseedeeqii Iyyaasuunii fi hiriyyoonni isaa gadoonni, ilmi Salaatiyaalii zarubaabeel obboleewwan ufii woliin ka'anii akkuma Seera Muusee nama Rabbiitiin barreeffametti ciincaa ciincawu irratti dhiyeessu'uuf hulee ciincaa irratti dhiyeessan Rabbii Waaqa Israa'eliitii hojjatan.
3
Waan banii biyyaa sodaataniif waan ciincaa irratti dhiyeessan san achuma kaayanii ganamaa fi galgala ciincaa ciincawu Rabbii irratti dhiyeessan.
4
Akkuma seerri ajajutti ayyaana daase'ee ayyaanteeffatan; ciincaa ciincawullee ka guyya'aaf barbaachisu maraa laakkobsaan dhiyeessan.
5
Achiin maayii hennaa maraa ciincaa ciincawu, ciincaa jalqaba ji'aa ciincawu, ciincaa qulqulluu ayyaannan Rabbiitiif ciincawu, waan namni maruu fedha ufiitiin Rabbii kenne maraa dhiyeessan.
6
Ji'a torbeesso'oo guyyaa jalqabaa uduu bu'uurri mana woyyu'uu hin hundeeffamin ciincaa ciincawu Rabbiif dhiyeessuu jalqaban.
7
Worra muka bocuu fi worra mana ijaaruu birrii kennan; akkuma mootiin Faarisii isaan ajajetti muka hindheessaa biyya libaanoosiitii galaana gubba'aan gara Iyyoophe'ee akka fidan namoota biyya Siidoona'aatii fi namoota biyya Xiroosiitii waan nyaataa, waan dhuganii fi sayitiillee kennaniif.
8
Gara mana Rabbii ka Yerusaalemiin keessa jiruu haga dhufan woggaa lammeesso'oo keessa ji'a lammeesso'ootitti ilmi Salaatiyaalii Zarubaabeel, ilmi Iyyooseedeeqii Iyyaasuun, hiriyyoonni isaanii worri hafan gadoonninii fi worri Leewwotaa, worri booji'amee gara Yerusaalemii dhufan maruu ijaaruu jalqaban; worra umuriin isaanii woggaa diddamaatii fi ka achii olii hujii mana Rabbii akka hojjachiisaniif worra Leewwotaa muudan.
9
Iyyaasuunii fi ijoolleen isaa, obboleewwan isaa, ijoolleen Yihuuda'aa, Qadimi'eelii fi ijoolleen isaa, ijoolleen Hoodaadiya'aa, ijoolleen isaaniitii fi worri Leewwotaa obboleewwan isaanii worra mana Rabbii hojjatan akka hojjachiisaniif wol ta'anii dhaabatan.
10
Hennaa worri mana qulqulluu Rabbii ijaaran jalqaba ijaarsaa dhaaban; gadoonni uffata ufii uffatanii, xurumbaa ufii qabatanii ijoolleen Asaafii Leewwonni sibiila shaka shaka jedhu qabatanii akka seera Daawitii mootii Israa'eliititti Rabbiin galatoonfachu'uuf dhaabatan.
11
«Rabbi arjaa waan ta'eef; Israa'eliifillee dhiifamsi isaa ka bara baraa waan ta'eef» jedha'aa wol jalaa qaba'aa Rabbiin galatoonfata'aa; ulfeeffata'aa turan; baniin maruu waan manni Rabbii jalqabameef qoonqa gudda'aan ililfatanii Rabbiin galatoonfatan.
12
Manguddoonni mana woyyuu duraa argan, worri gadootaa hedduu fi worri Leewwotaa bulchoonni manni abboota isaanii hennaa isaan afo'otti manni kun jalqabame guddisanii booyan; namoonni hedduu gammadanii iyya'aa turan.
13
Worra laagaa gammachu'uutiin wocanii fi laagaa worra booyanii banii keessaa ka gargar baasuu danda'e hin jiru. Baniin waan guddisee woca'aa tureef laagaan isaanii fago'oo dhagayama ture.
← Chapter 2
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 4 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10