bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
Ezra 8
Ezra 8
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 7
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 9 →
1
Bara Mootummaa Arxeeksisii bulchoonni manniin abbootaa worri Baabilooniin keessaa na woliin bayan kanniin; horteen isaaniillee kana.
2
Fiixaa Finihaasii keessaa Geersoon, fiixaa Itaamirii keessaa Daani'eel, fiixaa Daawitii keessaa Haxuus,
3
innillee fiixaa Sekeniya'aa keessa, fiixaa Faaroosii keessaa Zakkaariyaas; isa woliin fiixaa isaanii keessatti dhiirri 150 galmaayanii turan.
4
Fiixaa Foohaat Moo'aabii keessaa Ilma Zaraa'iyya'aa Elihoo'enaayii fi isaan woliinillee ijoollee dhiiraa 200
5
Fiixaa Zaatu'uu keessaa ilma Yahizi'eelii; isa woliin dhiira 300
6
Fiixaa Aadinii keessaa ilma Yoonaataanii Eebeedii fi isa woliinillee dhiira 50
7
Fiixaa Eelaamii keessaa ilma Gotoliya'aa Yaashaya'aa fi isa woliinillee dhiira 70
8
Fiixaa Safaaxiyaasii keessaa ilma Mikaa'elii, Zibaadiya'aatii fi isa woliinillee dhiira 80
9
Fiixaa Iyyo'aabii keessaa ilma Yihi'eelii Abdiyyu'u fi isa woliinillee dhiira 280
10
Fiixaa Baani'ii keessaa Saloomitii ilma Yoosifiya'aatii fi isa woliinillee dhiira 160
11
Fiixaa Beebaaayii keessaa ilma Beebaayii Zakkaariyaas; Isa woliinillee dhiira 28
12
Fiixaa Azgaadii keessaa ilma Haqaaxaanii Yohaana'aa fi isa woliinillee dhiira 110
13
Fiixaa Adooniqaamii keessaa maqaan worra maayessaa Eelfaalaati, Yi'u'eelii fi Shamaaya'a. Isaan woliinillee dhiira 60.
14
Fiixaa Baguwaayii keessaa Utaayina'aa fi Zabuud; Isaan woliinillee dhiira 70.
15
Ani Izraan laga gara Ahawwa'aa yaa'u biratti banii wolitti qabe. Hulee san guyyaa sadihii teenne. Achitti bani'ii fi gadoota yoo laakkayu, ijoollee Leewwi'ii keessaa eennuunillee hin argine.
16
Gara bulchoota isaanii gara Alaazarii, gara Ari'eelii, gara Shamaaya'aa, gara Eelnaataanii, gara Yaariibii, gara Eelnaataanii, gara Naataanii, gara Zakkaariyaasiitii fi gara Meesulaamii, akkasuma gara Beettota isaanii gara Yooyaaribiitii fi gara Eelnaataanii erge.
17
Isaan gara Adoo bulchaa banii Kasifiyaa keessa jiraatanii ergu'uun Ado'oo fi hojjattoonni Mana Qulqulluu keessatti isa gargaaran namoota Mana Qulqulluu keessatti tajaajilan akka nuu ergan akka isaanitti himanii nuu ergisiisan godhe.
18
Hunni Waaqa keennaa guddaan waan nu woliin jiruuf ijoollee Israa'elii keessaa, ka Leewwi'ii keessaa fi gosa ijoollee Mohoolii keessaallee nama ogeessa Sarraabiyaaniin, Isa woliinillee ijoollee isaa kudha saddeetii fi obboleewwan isaa nuu fidan.
19
Akkasuma Hashabiyaa, isa woliinillee gosa ijoollee Meeraarii keessaa Shaayanii fi obboleewwan isaa diddamaa fi ijoollee ufii nuu fidan;
20
akkasuma Daawitii fi worri baallii qaban garee tajaajiltoota mana woyyu'uu gargaaran hundeessan keessaa nama 220 fidan; kunniin maruu maqama ufiitiin galmaayan.
21
Akka Rabbi karaa keenna nuu qajeelchu, nu'uu fi ijoolleen teenna akkasuma wonti nu qabnu maruu akka nuu eeggamu, nullee gad uf deebifnee akka isa kadhannu, laguma Ahawwa'aa san biratti sooma labse.
22
Mootichaan «Hunni Waaqa keennaa worra isa soqu maraafuu mishumma'aaf; lolli isaatii fi hunni isaa garuu worra isa dhiisan irratti.» jennee waan dubbannee turreef diina karaa irra jiru jalaa akka nu hambisaniif loltootaa fi worra fardaan lolan mooticha kadhachuu saalfadhe.
23
Waan kanaaf Soomnee Rabbiin kadhanne; Innillee kadhaa nuu dhagaye.
24
Bulchoota gadootaa keessaa namoota kudha lamaa, Sarraabiyaanii fi Hashaabiyaaniin, isaan woliinillee obboleewwan isaanii kudhan fooye.
25
Mootichinii fi worri isa gorsan, bulchoonni birri'ii fi worqii worri Israa'elii ka achitti argaman maruu mana Waaqa keennaatiif dhiyeessan maraa meeshaallee madaalee isaanitti kenne.
26
Meeshaan mana woyyu'uu ka isaanitti kennellee; Birrii saqilii 22,000, meeshaa birrii irraa hojjatame ka kiiloo 70 tti bikkaman; worqii saqilii 3,400 Xuwwee diddamaa ka kiiloo 8 fi giraama 400 tti bikkamu ka worqii irraa hojjataman; xuwwee lamaa ka worqii irraa hojjataman ka gatiin isaanii wol qixaa woliin xuwwee lamaa ka sibiila diimaa irraa hojjataman bikkee isaanitti kenne.
28
Anillee akkana isaaniin jedhe, «Rabbiif qulqullooftaniirtan, meeshaanillee qulqullu'u; birriinii fi worqiinillee ka fedhaan Rabbii Waaqa abboota keennaatiif dhiyaatan.
29
Bulchoota gadootaatii fi ka Leewwotaa, bulchoota manniin abboota Israa'elii afo'otti gola mana Rabbii ka Yerusaalemii keessa jiru keessatti haga madaaltanitti jabaadha'aa eegaa'a»
30
Gadoonninii fi worri Leewwotaa birrii, worqi'ii fi meeshaa gara mana Waaqa keennaa ka Yerusaalemii fidu'uuf madaalanii fudhatan.
31
Ji'a jalqabaa guyyaa kudha lammeesso'ootitti gara Yerusaalemii deemu'uuf laga Ahawwa'aa biraa kaane. Hunni Waaqa keennaallee waan nu woliin tureef diinaa fi ka dhokatee nama miidhu jalaa nu hambise.
32
Yerusaalemiin geennee guyyaa sadihiif achi teenne.
33
Kanaan maayessa guyyaa arfaffa'aatitti birrii, worqi'ii fi meeshaallee mana Waaqa keennaatitti madaallee gadicha ilma Ooriyo'oo Meeraaritti kennine. Ilmi Finihaasii Alaazar, Leewwonni ilmi Iyyaasu'uu Yoozaabaatii fi ilmi Biiniiwii Noo'aadiyaan fa'allee isa woliin turan.
34
Meeshaan maruu laakkobsaa fi madaalaan bikkamee wonti madaalame maruu yoma san galmeeffame.
35
Kanatti aansee booji'amtoonni booju'uu deebi'an ciincaa ciincawu Waaqa Israa'eliitii fi waan Israa'elii maraafuu jiboolee kudha lama, korbeeyyii hoola'aa sagaltamii jaha, korbeeyyii darmii hoola'aa torbaatamii torba, ciincaa cubbu'uutiif korbeeyyii re'iinii kudha lama dhiyeessan. Kun maruu ciincaa Rabbiif ciincawu ture.
36
Ajaja mootichaallee muudamtoota mootichaa worra laga Efraaxisii gama jiran bulchanitti kennan; isaanillee bani'ii fi hujii mana Rabbii gargaaran.
← Chapter 7
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 9 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10