bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
Ezra 4
Ezra 4
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 3
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 5 →
1
Diintonni Yihuuda'aatii fi diintonni Biiniyaamii akka booji'amtoonni Rabbii Waaqa Israa'eliitii mana woyyuu ijaaran dhagayanii
2
gara Zarubaabeliitii fi gara bulchoota gosa isaanii dhiyaatanii «Guyyaa mootiin Asoorii Asraddoon as nu fide irraa jalqabnee Waaqa keessanii ciincessa'aa turreerra; nullee mana woyyuu isin woliin haa hojjannuu» isaaniin jedhan.
3
Garuu Zarubaabelii fi Iyyaasuun, gofti Israa'elii worri hafanillee «Nuu fi isin mana Waaqa keennaa wolitti hin ijaarru; nu hojjuma keenna akka mootiin Faarisii Qiroos nu ajajetti mana Rabbii Waaqa Israa'elii ijaarra» isaaniin jedhan.
4
Achiin maayessa baniin biyya sanii banii biyya Yihuuda'aa dadhabsiisa'aa turan; isaan akka isaan hin hojjannellee isaan sodaachisan.
5
Marii isaaniillee isaan jalaa balleessu'uuf bara Qiroosii mootii Faarisiitii jalqabee haga mootummaa Daariyoosii worra waa gorsan isaanitti bitan.
6
Diintonni Yihuuda'aa bara mootichi Arxeeksis mooye bara jalqabaa worra biyya Yihuuda'aa jiraatanii fi worra Yerusaalemiin keessa jiraatanitti himannaa barreessan.
7
Bara mootichi Arxeeksis mooye Biishilaam, Mitiriidaaxu, Xaabi'eel worri yaadaan isaan gargaaranillee mootii Arxeeksisiif xalayaa barreessan; xalayaan sun afaan Aramaayikiitii fi qubee Aramaayikiitiin barreeffame.
8
Akkasuma Reehuumiin ajajaanii fi barreessaan isaa Siimsaayi Arxeeksisii mootii Yerusaalemiitiif xalayaa barreessan.
9
Ajajaa Reehuumii fi barreessaa isaa Siimsaayiin irraa, akkasuma worri isaaniin wolii galan, worri gosa Diinii, worri Afarsaatikootaa, worri Arkootaa, worri Xarfaalotaa, worri Baabiloonii, worri gosa Suusinaakotaa, worri Deehotaa, worri Eelaamotaa;
10
Worri Asnaafaariin guddaan hunna qabu biyya jiraatan keessaa isaan jijjiiree akka gara qachaa Samaariya'aatii fi laga gama jiraatan isaan taasise worri Yihuudii hin taane ka hafanillee akkana jedhanii xalayaa barreessan.
11
Yaanni xalayaa ani mootii Arxeeksisiif ergee kana; namoonni laga gama jiran tajaajiltoonni kee,
12
worri gosa Yihuudi'ii ka si biraa bayan gara keenna gara Yerusaalemii akka dhufan ati mootichi beeki; isaan qachaa hamtu'uu fi ta guddiftee baddu'uu deebisanii ijaara'aaran. Dallawa isi'iillee hin haarawoomsa'aaran; jalqaba isi'iillee jabeessaniiran.
13
Kanaafuu mootii keenna! yoo qachaan tun deebitee ta ijaaramtu taate, dalloofni isi'iillee yoo ka haarawoomu ta'e; baniin gibira, qaraxaa fi kennaallee akka hin kennine; galiin mooti'ii galu akka dhidhatu mootichi haa beekuu.
14
Nu waan mana mooti'iitii bu'aa argannuuf mootii yoo salphisan arguun waan nuu hin malleef xalayaa mootichatti erginee beessifneerra.
15
Kitaabni seenaa abboota keetii haa qoratamuu, kitaaba seenaa abbootaa kana keessatti qachattiin tun dhibduu akka taate, moototaa fi worra godina bulchanillee akka miite, shiftaa ta'uun dur isii irraa akka jalqabame hin beetta; hin argitalle'e; kanaaf qachaan tun diiggamtee turte.
16
Qachaan tun deebitee yoo ka ijaaramtu taate, dalloofni isi'iillee deebi'ee yoo ijaarame, laga Efraaxisii gamatti ati akka lafa hin qabne si mootichatti beessifna.»
17
Mootichillee «ajajaa Reehuumii fi barreessaa isaa Siimsaayii, Samaariya'aa fi worra laga gama jiraatan ka isaan wolii galan worra hafanitti deebii akkana jedhu erge.
18
«Xalayaan isin gara kiyya ergitan na afo'otti hiikkamee dubbifame.
19
Anillee akka kitaabni seenaa moototaa qoratamu cimsee ajajeera; qachattiin tun dur irraa jalqabdee mootota irratti hamtuu akka taatee fi isii keessatti shiftaa ta'uunii fi dhibuun argameera.
20
Yerusaalemiin keessallee mootota gugurda'atu ture. Isaan biyya laga gamaa maraa bulcha'aa turan; gibira, qaraxaa fi kennaallee fudhata'aa turan.
21
kanaafuu amma namoonni kunniin hujii akka dhiisan, haga ani ajaja biraa dabarsutti akka qachattiin tun hin ijaaramne isaan ajajaa'a.
22
Akka rakkoon woyiituu mootummaa keenna irra hin geennee fi isinillee akka hin gaafatamne lash akka hin jenne uf eegaa'a.»
23
Hennaa gara galchi xalayaa mooticha Arxeeksisii Reehuumii ajajaa, barreessaa isaa Siimsaayii fi worra isaan wolii galan afo'otti dubbifame, yoma san daddafanii gara biyya Yerusaalemiitii fi gara biyya Yihuuda'aa dhaqanii hunnaan giddi'iin hujii isaanii dhaabsisan.
24
Kanaaf hujiin mana Rabbii ka Yerusaalemiin keessa jiru dhaabate; mootii Faarisii irraa jalqabee haga mootummaa Daariyoosii haga woggaa lammeesso'oo duubatti harkifate.
← Chapter 3
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 5 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10