bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
Romans 14
Romans 14
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 13
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 15 →
1
Nama amanti'iin dadhabellee ufitti qabaa'a; yaada isaa irratti hin murteessinaa'a.
2
Waan maraa nyaachuun akka eeyyamameef ka amanu hin jira.
3
Dadhabaan ammo ashaakiltii nyaata; Ka nyaatu ka hin nyaanne hin tuffatin; ka hin nyaannellee ka nyaatu irratti hin murteessin; Rabbi waan isa ufitti qabeeruuf.
4
Ati ka garbicha biraa irratti murteessitu eennu? Inni yoo dhaabate yookaan yoo kufellee ka itti murteessu Gooftaa isaati. Haa ta'uu ammo Rabbi waan isa dhaabuu danda'uuf hin dhaabata.
5
Namni kun guyyaan tokko guyyaa biraa irra woyyaa akka ta'e hin yaada. Kuun ammo guyyaan maruu tokko akka ta'e yaada; maruu qalbii ufiitiin jabeessee haa hubatuu.
6
Ka Guyyaa kabajju Goofta'aaf jedhee kabajja; ka nyaatullee waan Rabbiin galatoonfatuuf Goofta'aaf jedhee nyaata; ka hin nyaannellee Goofta'aaf jedhee hin nyaatu. Rabbiinillee hin galatoonfata.
7
Nu keessaa tokkollee ufiif jedhee ka jiraatu waan hin jirreef ka ufiif du'ullee hin jiru.
8
Yoo jiraanne Goofta'aaf jiraanna. Yoo duunellee Goofta'aaf duuna. Eegasuu yoo jiraanne yookaan yoo duune nu ka Goofta'aati.
9
Sababa kanaaf Kiristoos Gooftaa worra du'aniitii fi worra jiraatanii ta'u'uuf du'ee deebi'ee ka'e.
10
Atillee maaf obboleessa kee irratti murteessitaa? Yookaan akkasuma obboleessa kee maaf tuffatta? Nu maruu teessoo murtii Kiristoosii afoo waan dhaabannuuf.
11
«Ani jiraata'a! jedha Gooftaan; Jilbi maruu anaaf jilbiiffata; arrabni maruu Rabbiin galatoonfata» jedhamee waan barreeffameeruuf.
12
Eeganaa nu maruu waan keennaaf Rabbii deebii kennina.
13
Eeganaa adha irraa jalqabee nu maruu akka wol irratti hin murteessine caala'atti ammo eennullee obboleessa ufiititti gufuu yookaan sakaallaa akka hin taane kana murteeffadhaa'a.
14
Wonti battii ta'e akka hin jirre, ani Gooftaa Yesuusiin keessa ta'ee beekeera, hubadheeralle'e. Haa ta'uu ammo wonti kamuu battii akka ta'e ka laakkayuuf isaa battima.
15
Sababaa nyaataatiif jettee Obboleessa kee yoo ka gaddisiiftu taate eegasuu jaalalaan hin jiraanne. Nama Kiristoos du'eef nyaataaf jettee hin balleessin.
16
Eegasuu wonti mishaan isin keessa jiru hin arrabamin.
17
Jeennanni Rabbii qajeellumma'aa fi nagaya gammachuu Ayyaana Woyyu'uuti malee, nyaataa fi dhuddoo waan hin taaneef.
18
Akka kanaan ka Kiristoositti bulu Rabbiin waan gammachiisuuf; nama birattillee inni ka galataati.
19
Eegasuu karaa nagaya nuu argamsiisuuf waan nu jajjabeessu maraa haa goonuu.
20
Sababaa nyaataatiif hujii Rabbii hin diigin; maruu qulqullu'u; mama'aa yoo nyaatan ammo nama saniif bada'a.
21
Waan obboleessa kee gufachiisu foon nyaatuu yookaan daadhii woyini'ii dhuguu dhiisuu, waan biraallee yoo ta'e dhiisuun misha'a.
22
Eeganaa amantiin kee kun siif Rabbii kee wadhakka'atti haa ta'uu. Namni waan itti amane hennaa godhu ka sammuun isaa isa hin qorre ka galataati.
23
Namni mama'aa nyaate ammo waan godhe san amanee waan hin gooneef itti murteeffama. Wonti amanti'iin hin goone maruu cubbu'u.
← Chapter 13
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 15 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16