bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
Romans 7
Romans 7
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 6
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 8 →
1
Obboleeyyan tiyya! Worra seera beekanitti dubbadha. Namni bara jireenna isaa maraa seerri akka isa bitu hin beettanii?
2
Dubartiin heerumte hennaa abbaan manaa lubbu'uun jiru isa woliin seeraan hidhamteerti; abbaan manaa isi'ii yoo du'e ammo seera isiin abbaa manaa isi'ii san woliin hidhamte irraa hiikkamteerti.
3
Kanaafuu uduu abbaan manaa lubbu'uun jiru dhiira biraatitti yoo heerumte ta seebarte jedhamti. Abbaan manaa yoo du'e ammo seera jalaa bilisa waan baateertuuf dhiira biraatitti yoo heerumte, seebartu'uu miti.
4
Akkasuma obboleeyyan tiyya! Isin ammo foon Kiristoosiitiin seeraaf ajjeefamtaniirtu; Rabbiif daraaraa akka daraarru isin kaawwaniif ka du'oota keessaa ka'eef akka jiraattan.
5
Fooniin hennaa jirru, hawwiin cubbu'uu ka seeraaf ta'e daraaraa du'aa daraaru'uuf qaama keenna keessatti waan hojjata'aa tureef.
6
Amma ammo isaa ka itti hidhamnee fi waan seera nu hidheeru jalaa duuneef, seera san irraa hiikkamneerra. Kanaafuu jireenna Ayyaana haarawaatiif bitamna malee, jireenna moofaa qube'eetiinii miti.
7
Eegasuu maal jenna? Seerri cubbu'uu? miti. Haa ta'uu ammo uduu seeraan ta'uu dhabaatee cubbuullee hin beeku; seerri, «Hin hawwin» uduu jedhuu dhabaatee, silaa hawwiillee hin beeku.
8
Cubbuun ammo sababa argatee hawwii maraa ajajaan na irratti hojjate cubbuun seeraan alaa du'a waan ta'eef.
9
Anillee dur seeraan ala jiraata'aa ture. Hennaa ajanyi dhufe ammoo cubbuun jiraattuu taate; anillee hin du'e.
10
Ajanyi jireennaaf kennamte, isiinillee du'aaf akka taate arge.
11
Cubbuun sababaa argattee ajajaan waan na sobdeef, isiinillee na ajjeefteerti.
12
Kanaafuu seerri woyyu'u. Ajanyillee woyyitti'i, qajeeltu'uu fi michu'ulle'e.
13
Eegasuu wonti mishaa ta'e anaaf du'a ta'ee? miti! Haa ta'uu ammo cubbuu ta'e; cubbuunillee sababa ajajaatiif hagaa ol cubbamaa akka ta'u cubbuun karaa waan mishaa ta'e saniin du'a natti fide.
14
Seerri ayyaanticha akka ta'e hin beenna. Ani ammo nama foonii ka cubbu'uu gadii ta'u'uuf gurgurame.
15
Waan godhu waan hin beenneef woma jibbu san godha; ta'ullee ka jaaladhu san hin godhu.
16
Waan hin jaalanne ammo yoo ka godhu ta'e, garuu seerri mishaa akka ta'e raga'aara.
17
Akkana yoo ta'e san ka godhu amma anaa miti; cubbuu ana keessa jiru san malee.
18
Na keessa jechuun namummaa kiyya ka foonii keessa wonti mishaan akka hin jirre hin beeka. Halcha uf keessaa qaba. Haa ta'uu ammo waan mishaa godhuu hin danda'u.
19
Ani waan mishaa godhuu fedhe hin godhu, waan hamaa godhu'uuf hin feene san godha.
20
Waan hin jaalanne yoo ka godhu ta'e ammo, san ka godhu amma anaa miti, cubbuu ana keessa jiru san malee.
21
Eegasuu uduu waan mishaa godhuu jaaladhu, seerri namumma'aa akka ani waan hamaa huju na taasisa.
22
Nafti kiyya ka keessaa seera Rabbiitiin gammada.
23
Haa ta'uu ammo qaama nafa kiyyaatiin seera sammuu kiyyaa woliin ka wol woraanuuf cubbuu nafa kiyya keessa seerri biraa akka na booji'u arga'aara.
24
Ani nama rakkataa attamiiti! nafa du'aaf kenname kana jalaa eentu na hambisa?
25
Karaa Gooftaa keenna Yesuus Kiristoosiitiin galanni Rabbiif haa ta'u; eegasuu ani sammuu kiyyaan seera Rabbiitiif; foon kiyyaan ammo seera cubbu'uutiif bitama.
← Chapter 6
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 8 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16