bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
Romans 5
Romans 5
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 4
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 6 →
1
Eegasuu amanti'iin yoo qajeellota taane, karaa Gooftaa Yesuus Kiristoosiitiin Rabbiin woliin nagaya haa qabaannuu.
2
Nullee akkasuma isaan gara badhaadha kanaa amanti'iin galuu arganneerra. Kanaaf nullee abdii ulfinna Rabbiitiin boonna.
3
Kana calla'aa miti, haa ta'uu ammo rakkinni obsa, obsillee ataabee, ataabeenillee abdii akka namaa godhu beeka'aa rakkinna keennaanillee uf janya.
5
Ayyaana Woyyuu nuu kennameen jaalalli Rabbii waan qalbii kenna keessa guuteef abdiin kun nu hin saalfachiisu.
6
Uduu nu dadhabdoota taaneerru, hennaa barri gaye Kiristoos cubbamtootaaf du'eera.
7
Waan nama qajeela'aatiif ka du'u arguun guddaa rakkisa. Nama arja'aaf ka du'uu uggu maal laataa hin argama ta'a.
8
Haa ta'uu ammo uduma nu cubbamtoota taaneerru Kiristoos waan keennaaf waan du'eeruuf; kun jaalala Rabbi nuuf qabu mudhisa.
9
Eega dhiiga isaatiin qajeellota taane, karaa isaatiin dheekkamsa Rabbii jalaa hin baana.
10
Nu uduu diintota Rabbii taaneerru, du'a Ilma ufiitiin Rabbiin wolitti yoo araaramne, caala'atti ammo haga araaramneen maayii jireenna isaatiin hin fayyina.
11
Kana calla'aa miti; araara amma arganne ammo karaa Gooftaa Yesuus Kiristoosiitiin Rabbiin uf janya.
12
Sababaa kanaaf cubbuun karaa nama tokkootiin gara ardii tanaa dhufte. Cubbuunii fi duutillee akkasuma maruu cubbuu waan hojjataniif cubbuun nama maraa irra geette.
13
Seerri uduu hin dhufneen duratti, cubbuun biyya lafaa irra waan jirtuuf. Haa ta'uu ammo hennaa seerri hin jirree cubbuun hin laakkayamu.
14
Fakkeenna cubbuu Aadam hojjateetiif worra cubbuu hin hojjanne irrattuu, Aadamiin irraa jalqabee haga Muuse'eetitti duuti moote. Aadam ka dhufu'uuf ta'u saniif fakkeenna waan ta'eef.
15
Haa ta'uu ammo kennaan isaa haga yakka namaatii miti; sababaa cubbuu nama tokkootiif namoonni hedduu waan du'aniiraniif, Haa ta'uu ammo badhaadhummaa Rabbiitiif kennaan badhaadhumma'aa ka Yesuus Kiristoosii ka nama tokkoof ta'e sanniin caalaa namoota hedduuf baay'ateera.
16
Kennaan haga cubbuu namni tokko hojjateetiinii miti. Murtiin nama tokko irraa cubbu'uuf waan dhufeeruuf kennaan ammo namoota hedduu qajeelaa taasisu'uuf dhufe.
17
Duuti sababaa cubbuu nama tokkootiin moote; kana caalaa worri kennaa badhaadhinnaa argatan karaa Yesuus Kiristoosiitiin mooyanii jiraatan.
18
Eegasuu sababa cubbuun murti'iin gara nama maraatuu dhufte; akkasuma sababaa qajeellummaa nama tokkootiin kennaan jireenna namaa qajeelchu gara nama maraa dhufe.
19
Akkuma ajajamuu dhabuu nama tokkootiin hedduun isaanii cubbamtoota ta'an, akkasuma ammo ajajamuu nama tokkootiin hedduun isaanii qajeellota ta'an.
20
Dhufuu seeraatiin balleessaan baay'ate, Haa ta'uu ammo cubbuu baay'ateef akkuma cubbuun du'a irratti mooye, akkasuma ammo sababaa badhaadhummaa Gooftaa Yesuusiitiin sababa qajeellumma'aatiif jireenna bara baraatiin akka mooyuuf badhaadhinni maraa caale.
← Chapter 4
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 6 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16