bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
Romans 8
Romans 8
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 7
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 9 →
1
Eegasuu worri Kiristoos Yesuusiin keessa jiran amma murtii yakkaa jala hin jiran.
2
Seerri Ayyaana Woyyu'uu ka Kiristoos Yesuusiin keessaa seera cubbu'uutii fi du'a jalaa wolabummaa waan nu baaseeruuf.
3
Namummaan namaa waan dadhabaa ta'eef, waan seerri godhuu dadhabe Rabbi godhe; Rabbi Ilma ufii ka fakkeenna namummaa keennaa cubbamaa fakkaate ergee akka cubbuu haqu godheera.
4
Akka fedha Ayyaanaa malee, akka fedha fooniititti nu worra jiraanneef nuun seerri ajaja akka raawwatamuuf fooniin cubbuu irratti yakka mure.
5
Worri akka fedha fooniititti jiraatan waan foonii yaadan; worri akka fedha Ayyaanaatitti jiraatan ammo waan Ayyaanaa yaadan.
6
Waan foonii yaaduun du'a waan ta'eef; waan Ayyaana yaaduun ammo jireennaa fi nagaya.
7
Waan foonii yaaduun Rabbiin wol nama dhabsiisa; seera Rabbiitiif waan hin ajajamneef, ajajamuullee dadhabeera.
8
Worri fooniin jiraatan Rabbiin gammachiisuu hin danda'an.
9
Isin ammo yoo Ayyaanni Rabbii isin keessa jiraate, Ayyaanaan malee fooniin hin jiraattan; ka Ayyaana Kiristoosii hin qabne ammo fira isaatii miti.
10
Yoo Kiristoos isin keessa jiraate hagamillee nafti keessan sababaa cubbu'uutiif yoo ka du'e ta'ellee; sababaa qajeellumma'aatiif ammo Ayyaanni jireenna isinii kenna.
11
Ayyaanni Rabbii ka Yesuusiin du'aa kaase yoo isin keessa jiraate, ka Yesuus Kiristoosiin du'a keessaa kaase karaa Ayyaana ufiitiin nafa keessan ka du'uufillee jireenna kenna.
12
Eegasuu obboleeyyan tiyya! Waan jireenna keennaa waan nu irra barbaadamutu jira. Kunillee akka fedha fooniititti jiraachu'uufii miti.
13
Akka fedha fooniititti yoo jiraattan hin duutan; hujii Ayyaanaatiin hujii fedhii foonii yoo ajjeeftan hin jiraattan.
14
Worri Ayyaana Rabbiitiin masakkaman maruu, isaan ijoollee Rabbiiti.
15
Isinillee Ayyaana ilmumma'aa ka Aabba! Aabbaa! jennee ittiin waamnu argattan malee deebitanii Ayyaana soda'aatii fi garbumma'aa hin arganne.
16
Ijoollee Rabbii ta'uu keenna Ayyaanni sunuu hafuura keenna woliin ragaa baya.
17
Nu eega ijoollee Rabbii taane worra waa mara argatu; nu waa maraa Rabbiin biraa arganna. Eega Kiristoosiin woliin rakkinni nu irra gaye, nullee isa woliin ulfinnaa fi waan Kiristoos argatu maraa isa woliin arganna.
18
Rakkinni bara kanaa kun ulfinna durana dhufee mudhatu woliin yoo wol bira qabamee laallamu womaa akka hin taane yaada.
19
Uumamni mudhatuu ijoollee Rabbii hawwi'iin waan eeggataniif.
20
Uumamni maruu ka gatii hin qabne akka ta'uuf itti murameera. Kun fedhii ufiitiin uduu hin ta'in fedhii Rabbiitiin; haa ta'uu ammo uumamni maruu akka abdi'iin eeggatu taasiseera.
21
Abdiin sunillee uumamni garbummaa badi'ii jalaa bilisa bayee gara ulfinna ijoollee Rabbiitiif ta'u gara wolabumma'aa akka gayuuf.
22
Uumamni maruu haga ammaa jigaan, worwaataa fi ciiniinsu'uun jiraatuu isaanii hin beenna.
23
Kana calla'aallee miti; nu worri kennaa Ayyaanaa ka ijoo ta'e qabnu ka akka ilmaatitti nu guddisee fi ka bakka bu'ee nu fure abdi'iin eeggata'aa keessa keennatti wixxifata'aarra.
24
Abdi'iin fayyineerra; haa ta'uu ammo wonti abdii godhatan sun yoo argame abdi'ii miti, waan arge eentu abdii godhataa?
25
Waan arga'aa hin jirre yoo abdii godhanne obsaan eegganna.
26
Akkasuma Ayyaanni dadhabbii keenna nu gargaara; attamitti akka kadhannu nu waan hin beenneef haa ta'uu ammo Ayyaanninuu worwaata himamuu hin dandeenneen nuu kadhata.
27
Rabbi yaada Ayyaanaa ka garaa namaa qoratu maal akka ta'e hin beeka; akka fedha Rabbii waan woyyootaatiif kadhata.
28
Worra Rabbiin jaalataniif, worra akka fedha isaatiin waamamaniif wonti maruu mishumma'aaf akka ta'u hin beenna.
29
Ilmi isaa obboleewwan hedduu jiddu'utti hangafa akka ta'u, duraan dursee ka beeke bifa ilma isaa akka fakkaatan dursee murteesseera.
30
Dursee ka murteesse kanniin ammo hin waameen; worra waame kanniin ammo qajeellota taasise, worra qajeellota taasise kanniin ammo hin kabajje.
31
Eegasuu waan kanaaf maal jenna? Yoo Rabbi nu woliin ta'e eentu nu morma?
32
Ilma ufiitiif uduu garaa hin laafne, eega waan nu maraatiif dabarsee isa kenne, akkasuma isa woliin waan maraa attamitti akkanumaan nuu hin kennine ree?
33
Worra Rabbi filate eentu isaan himata? ka qajeelchu Rabbi.
34
Ka itti murteessu eennu? Ka du'e, caala'atti ka worra du'an keessaa ka'ee ka mirga Rabbii jiru akkasuma waan keenna ka nuu kadhatu Yesuus Kiristoos.
35
Jaalala Kiristoosii irraa eentu nu fooya? Rakko'oo dhiphinnaa, ari'amu'uu, beelaa, yookaan daaru'uu, soda'a mo'o guraade'e?
36
Akkana jedhamee akkuma barreeffame, «Waan keetiif guyyaa maraa hin ajjeefamna; akka hoolota qalamaniititti laakkayamne»
37
Kana maraa keessatti ammo ka nu jaalate saniin mooyattoota hin caalla.
38
Du'a yookaan jireenna, Maleekkota, bulchiinsa, ka waa qabu, ka dhufullee yoo ta'e,
39
hunna qabeeyyii ol gubba'aa gad bu'u uumama addaallee yoo ta'e, jaalala Rabbii ka karaa Gooftaa keenna Yesuus Kiristoosiin keessaan arganne keessaa akka nu baasuu hin dandeenne hubadheera.
← Chapter 7
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 9 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16