bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
Romans 16
Romans 16
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 15
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
1
Obboleettii teenna Feebeen tajaajiltuu woldaa Keenkiroos keessa jirtu yaboo isiniin jedheera.
2
Simannaa Goofta'aa ka qulqulloota maraa barbaachisuun simadha'aanii. Isiin namoota hedduuf akkasuma anaafillee gargaartuu waan turteef, waan isiin isin irraa barbaaddu maraanuu gargaara'aanii.
3
Worra hujii Yesuus Kiristoosii na woliin hojjatan Phirisqilla'aa fi Aqila'aatti nagaya naa himaa'a.
4
Isaanillee lubbuu tiyyaaf jedhanii lubbuu ufii dabarsanii du'aaf kennaniiru. Woldaan worra Yihuudota hin taanee martinuu isaan galatoonfatan malee, na calla'aa miti.
5
Woldaa mana isaanii keessa jirtutti nagaya kiyya naa himaa'a. Isiyaa irraallee Kiristoosiif ka hangafa ta'e, Axeenexoonii jaaladhuuf nagaya kiyya naa himaa'a.
6
Maariyaamii waan keessaniif guddiftee dadhabdetti nagaya naa himaa'a.
7
Worri ergamtoota jiddu'utti maqaa mishaa qabaniif akkasuma worri Kiristoositti amanu'uun na dursan fira kiyya ka na woliin hidhaman Andiraaniqoonii fi Yuliiyaanitti nagaya naa himaa'a.
8
Philiyaaxoonii jaalalloo kiyya jaalatamaa Goofta'aan jaaladhutti nagaya naa himaa'a.
9
Urbaanoonni hujii Kiristoosii na woliin hojjatuuf, Siinxaakisii jaaladhutti nagaya naa himaa'a.
10
Exeleenii ka Kiristoosii ta'u'uun qoratamee galatoonfametti nagaya naa himaa'a; worra maatii Ariisxabaluu ta'anitti nagaya naa himaa'a.
11
Heeroduunaa fira kiyyatti nagaya naa himaa'a; worra maatii mana Niirqaasu'uu keessaa worra Goofta'aan jiranitti nagaya naa himaa'a.
12
Porofiimoona'aa fi Xiroofimoosa'atti worra hujii Goofta'aa huju'uuf dadhabanitti nagaya naa himaa'a. Xarsiidaa jaalatamtuu Goofta'aaf jettee guddiftee dadhabdetti nagaya naa himaa'a.
13
Ruufoonii haadha isaa ta naallee haadha taate ta tajaajilu'uun guddiftee beekkamtetti nagaya naa himaa'a.
14
Asqariixoo, Afaliisophee, Heroomeenii, Pheexiroobamii, Heermaanii fi obboleeyyan worra isaan woliin jiran marattuu nagaya naa himaa'a.
15
Felegoonii, Yuuliyaa, Neerii fi obboleettii isi'ii Alixoonii woliin woyyoota jiran marattuu nagaya naa himaa'a.
16
Dhungoo obbolumma'aa woyyitti'iin nagaya wol gaafadhaa'a; tokkummaan woldaa Kiristaanaa ta Kiristoosii martinuu nagaya isinii dhaamaniiran.
17
Haa ta'uu ammo Obboleeyyan tiyya! worra barumsa isin barattan mormanii fi gar gar bayiinsa uumanii namootatti gufuu ta'an, addaan baaftanii akka laaltaniif irraallee akka fagaattan isin kadhadha.
18
Worri akkana jiran kunniin garaa ufiitiif malee, Gooftaa keenna Yesuus Kiristoosiif waan hin bitamneef. Waan misha'aaf dubbii shele'eetiin qalbii namoota dhara hin qabnee soban.
19
Ajajamuun keessan nama maraa biratti waan dhagayameeruuf isinitti hin gammada; haa ta'uu ammo waan misha'aaf ogeeyyii ta'aa'a; wonti hamaan ammo akka isin hin qabne barbaada.
20
Waandhi nagayaa seexana luka keessan jalatti gadi dhaya. Badhaani Gooftaa keenna Yesuus Kiristoosii isin woliin haa ta'u.
21
Ximootewoosii na woliin hojjatu, akkasuma worri firtoota kiyya ta'an Luuqiyoos, Iyyaasoonii fi Susiphaxiroosillee nagaya isiniin jedhaniiran.
22
Ergaa kana ka barreesse ani Xeerxiyoos maqaa Goofta'aatiin nagaya isinii dhaama.
23
Kanaaf Gaayiyoos ka woldaa Kirstaanaa mara keessummeessu nagaya isinii dhaameera. Namichi birriin bira teettu ka qachaa Ersiisxoosii obboleessii keenna Qu'aasxiroosillee nagaya isinii dhaamaniiran.
24
Badhaani Gooftaa keennaa ka Yesuus Kiristoosii isin maraa woliin haa ta'u! Amiin.
25
Eegasuu Dubbii Nagayaa waan Gooftaa Yesuus Kiristoosii himame, ka woggaa bara dheeraa dhokate; amma ammo ka mudhate ka kitaaba Raattotaatiinillee himame;
26
Rabbi baraa haga bara baraa ajaje; amantii ajajamu'uun akka ta'u haga dhossaan worra Yihuudota hin taane maratti beekkame; haga isinitti mudhate ka isin jajjabeessuu danda'u,
27
Rabbii ufumatti ogummaa qabuu maqaa Yesuus Kiristoosiitiin baraa haga bara baraa ulfinni haa ta'u! Amiin.
← Chapter 15
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16