bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
Romans 4
Romans 4
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 3
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 5 →
1
Eegasuu Abrahaamiin fooniin abbaa keenna ta'e maal argate jenna?
2
Abrahaam uduu huji'iin qajeelaa ta'ee, waan ittiin dhaadatu qaba. Haa ta'uu ammo Rabbiin biraa miti.
3
Kitaabni maal jedha? «Abrahaamillee Rabbitti amanee, akka nama qajeela'aatitti isaa laakkayame»
4
Namni tokko yoo hujii hojjate mindaan isaa akka gati'iititti malee akka badhaadhaatitti hin laakkayamuuf.
5
Haa ta'uu ammo nama hin hojjannee fi nama cubbamaa qajeelchutti amanu, amantiin isaa akka nama qajeela'aatitti isaa laakkayama.
6
Namni Rabbi uduu inni hujii mishaa hin hojjatin qajeelaa taasisuun sun ka eebbifame akka ta'e Daawiti akkana jedhee dubbate,
7
«Worri yakki isaanii dhiifameef, worri cubbuun isaaniillee haqameef, worra eebbifame!
8
Namni Gooftaan cubbuu isaa itti hin laakkoofne ka eebbifame!»
9
Eegasuu eebbi kun waan gadoomu'uu dubbatee? Moo waan gadoomuu dhabu'uuti? «Abrahaam waan Rabbitti amaneef amantiin isaa akka qajeellumma'aatitti laakkayameeraaf» waan jenneerruuf.
10
Attamitti laakkayameef? Haga gadoomee as moo? Yookaan uduu hin gadoomneen dura? Haga gadoomee miti; uduu hin gadoominiin dura malee.
11
Amantii uduu hin gadoomneen dura qabuun chaapaa woyyumma'aa malkata gadoomu'uu argate; kanaafuu worra amanan ufii ammo worra hin gadoomneef qajeellummaan akka isaaniif laakkayamuuf abbaa nama maraatiiyyu.
12
Worra gadoomaniif abbaa akka ta'u, akkasuma worra gadooman calla'aafii miti, Haa ta'uu ammo abbaan keenna Abrahaam uduu hin gadoomin amantii soquun isaaf callaa uduu hin ta'in worra duukaa bu'aniifille'e.
13
Inni nama ardii tana dhaalu akka ta'u Abrahamii fi fiixaa isaatii dubbii abdi'ii ka kenname qajeellummaa amanti'iiti malee seeraanii miti.
14
Worri seeraan jiraatan yoo ka dhaalan ta'e amantiin duwwaa ta'eera; abdiin dubbi'iillee diiggameera.
15
Seerri waan balaa fida; Haa ta'uu ammo hulee seerri hin jirretti cubbuu hujuun hin jiru.
16
Kanaafuu abdiin amanti'iin dhufeera; abdiin kunillee badhaadhaan akka ta'u sanyii Abrahaamii maraaf akka wobii ta'uuf; seerri kun worra ka isaa ta'an calla'aaf uduu hin taane worra amanti'iin ka Arahaamii ta'aniifille'e.
17
Kun, «Abbaa banii maraa si taasiseera» jedhamee akkuma barreeffame; Inni ka worra du'ee jireenna kennu; ka waan hin jirre akka jiraatu godhee waamu; Waaqa itti amane afo'otti abbaa nu maraati.
18
Fiixaan keellee akkanuma ta'u'uuf ta'a akkuma jedhame, haga abdiin ta'uu dhabellee abbaa worra Yihuudii hin taanee maraa ta'u'uuf «Abdii qabatee amane»
19
Inni waan jaarsa woggaa dhibbaa ta'eef, qaama isaa ka akka waan du'ee ta'eef hormaanni Saara'aa akka du'e haga arge amanti'iin uduu hin dadhabne,
20
Rabbiillee ulfinna kenna'aa, abdii kenname raawwachuu akka danda'u jabeessee hubatee laale. Amanti'iin jabaatee laale malee, amanuu dhabu'uun abdii dubbii Rabbii hin mamne.
22
Kanaafuu akka qajeellumma'aatitti laakkayameef.
23
Haa ta'uu ammo laakkayameeraaf dubbiin jedhu waan isaa calla'aaf ka barreeffamee miti.
24
Ka waan cubbuu keennaatiif dabarfamee kenname ka qajeelaa nu taasisu'uuf du'aa ka'e, Gooftaa keenna Yesuus Kiristoosiin ka du'aa kaaseetti worra amannuullee hin laakkayama jedheen.
← Chapter 3
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 5 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16