bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
Romans 6
Romans 6
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 5
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 7 →
1
Eegasuu maal jenna ree? Badhaadhumaan Rabbii akka baay'atu cubbuu keessa haa jiraannuu?
2
Wa'a! hin ta'u; nu worri cubbuu jalaa duune, ammaa achi attamitti cubbuu jala jiraanna ree?
3
Mo'o Kiristoos Yesuusiin woliin tokko akka taanu nu worri cuuphamne maruu du'a isaa woliin tokko ta'u'uuf akka cuuphamne hin beettanii?
4
Eegasuu Kiristoos akkuma ulfinna Abba'aatiin du'aa ka'e nullee akkasuma jireenna haarawa keessa akka jiraannu, du'aan isa woliin tokko akka taanu cuuphamu'uun isa woliin awwaalamneerra.
5
Du'a du'a isaatiin wol fakkaatuun isa woliin yoo wol taane, akkasuma du'aa ka'iinsa du'aa ka'uu isaa fakkaatuunillee tokko taana.
6
Haalli jireenna keennaa cubbamaan akka baduuf garboota cubbu'uu ta'uun keenna akka hafuu, nafti keenna moofaan Kiristoosiin woliin akka fannifame hin beenna;
7
Namni du'e cubbu'uu bitamuu jalaa bilisa.
8
Eegasuu yoo Kiristoosiin woliin duune isa woliin akka jiraannu hin amanna.
9
Kiristoos du'aa ka'ee duranaa akka hin duune, duutillee uf afoo akka isa irratti mirga hin qabne waan beennuuf.
10
Du'a hennaa tokko raawwatee, cubbu'uuf waan du'eef ka jireennaan jiraatu ammo Rabbiif jiraata.
11
Isinillee ammo akkasuma cubbuu jalaa duutanii karaa Gooftaa keenna Yesuus Kiristoosiitiin Rabbiif worra jiraatan akka taatanitti uf laakkayaa'a.
12
Eegasuu akka hawwii isaatii ajajamtan, foon keessan ka du'u irratti cubbuun hin mooyin.
13
Nafa keessan keessaa hulee tokkollee mi'a hammeennaa gootanii cubbu'uuf hin dhiyeessinaa'a, haa ta'uu ammo du'oota keessaa baatanii jireennaan akka jiraattan Rabbiif uf dhiyeessaa'a, nafa keessan maraa mi'a lolaa ka qajeellumma'aa taasisa'aatii Rabbiif dhiyeessaa'a.
14
Isin Ayaannaa gadi malee seeraa gadii miti. Cubbuun waan isin hin binneef.
15
Eegasuu maal haa ta'u? Nu badhaadhummaa Rabbiitii gadi malee seeraa gadi waan hin taaneef cubbuu haa hojjannuu? Wa'a!
16
Ajajamu'uuf garboota akka taatan ka itti uf dhiyeessitaniif isaafillee akka ajajamtaniif garboota isaa akka taatan hin beettanii? Yookaan du'aaf garboota cubbu'uuti moo garboota qajeellumma'aaf ajajamtan.
17
Haa ta'uu ammo dursitanii yoo garboota cubbu'uu taatan, barumsa kennamtaniitiif qalbii teessan keessaa waan ajajamtaniif cubbuu jalaa bilisa baatan.
18
Qajeellumma'aaf waan bitamtaniif Rabbiin galanni haa gayu.
19
Waan dadhabbii foon keessanii akkuma namni jedhu jedha; qaamni keessan akka hammeenna raawwatu, battumma'aa fi hammeennaaf garboota gootanii akkuma dhiyeessitan, akkasuma qaamni keessan akka woyyoomuuf qajeellumma'aaf garbicha godha'aatii dhiyeessaa'a.
20
Hennaa garboota cubbu'uu taataniirtan qajeellummaa irraa bilisa waan turtaniif.
21
Eegasuu dubbii adha itti saalfattan irraa hennaa san bu'aa maal argattan? Dhumti waan kanaa du'a waan ta'eef.
22
Amma ammo cubbuu jalaa bilisa baatanii Rabbiif ajajamtanii, worra daraaraa woyyumma'aa qabu. Innillee dhuma jireenna bara baraati.
23
Gatiin cubbu'uu du'a waan ta'eef, kennaan badhaadhummaa Rabbii ammo karaa Gooftaa Yesuus Kiristoosiitiin jiruu bara baraati.
← Chapter 5
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 7 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16