bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
1 Corinthians 12
1 Corinthians 12
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 11
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 13 →
1
Obboleeyyan tiyya! Waan Ayyaana Woyyu'uu akka beettan fedha.
2
Akkuma hennaa worra Yihuudota hin taane turtan, gara waaqa tolfamaa laagaa hin qabnee masakkama'aa turuu keessan hin beettan.
3
Kanaafuu eennullee Ayyaana Rabbiitiin yoo dubbatu, Yesuus ka abaarame ka jedhu tokkollee akka hin jirre; Ayyaana Woyyu'uun yoo ta'e malee tokkollee, «Yesuus Goofta'a» jechuu akka hin dandeenne isin beessisa.
4
Kennaan badhaadhaa adda adda; Ayyaanni ammo tokko.
5
Tajaajilli adda adda; Gooftaan tokko.
6
Akkaataan hujii isaa adda adda; Rabbiin maraa godhu ammo tokko.
7
Haa ta'uu ammo kennaan Ayyaanaa ka nama maraa keessatti mudhatu bu'aa nama maraatiif kennama.
8
Tokkoo ogummaa dubbachuu Ayyaanaan kennamaaf; tokkoollee Ayyaanuma saniin beekkumsaan dubbachuun kennamaaf.
9
Tokkoo Ayyaanuma saniin amantaa, tokkoollee Ayyaanuma tokko saniin kennaa fayyisu'uu,
10
Tokkoo maalalee godhuu'u, tokkoo raaga dubbachuu, tokkoo ayyaana hamaa adda baasuu, tokkoo laagaa adda addaa dubbachuu, tokkoo ka laagaa addaatiin dubbatame hiikuun kennamaaf.
11
Kana maraa ammo Ayyaanni tokko sun akka fedha ufiititti qooda'aa hojjata.
12
Akkuma nafti tokko qaama heddu qabu, qaamonni nafaa maruu uduu heddu ta'aniiran qaama tokko akka ta'an; Kiristoosillee akkasuma.
13
Yihuudii yoo taane, namoota Giriikii yoo taane, garboota yoo taane, wolabootallee yoo taane, nu maruu Ayyaana tokkoon qaama tokko akka taanu waan cuuphamneerruuf; nu maruu Ayyaana tokko keessaa dhunneerra.
14
Nafti qaama heddu malee qaama tokko waan hin taaneef.
15
Lutti yoo harkaan, «Ani harka miti; qaama nafaatiillee miti» jette; akkas jette'eef kutaa nafaa ta'uun isi'ii hin hafaa?
16
Gurrillee, «Ani ija waan hin taaneef, qaama nafaatii miti» uduu jedhee, kana jedhe'eef kutaa nafaa ta'uun isaa hin hafaa?
17
Nafti maruu uduu ija ta'ee silaa dhagayuun eessa jira? Maruu uduu gurra ta'ee, silaa maali'iin ulanna?
18
Amma ammo Rabbi akka fedha ufiititti qaamolee san adduma addaan nafa irra godheera.
19
Maruu uduu qaama tokko ta'ee, nafti silaa eessaa argamaa?
20
Haa ta'uu ammo amma qaamoleen heddu; nafti ammo tokko.
21
Ijji harkaan «na hin barbaachiftu» jechuu hin dandeettu; yookaan mataan akkasuma lukaan, «na hin barbaachiftan» jechuu hin danda'u.
22
Haa ta'uu ammo qaamni namaa ka dadhabaa fakkaatan nafa caalaa barbaachisan.
23
Qaamolee nafaa worra hin kabajjamne ka nutti fakkaatan, ulfinna caalu isaanitti uwwifna. Qaama keenna ka ittiin saalfannu ammo ulfinnatu isaanii eda'ama.
24
Qaamoleen keenna ka ulfinna qaban ammo isaan hin barbaachisu.
25
Haa ta'uu ammo qaamoleen ufii sirri'itti akka wolii yaadaniif malee, nafaan akka gargar hin baaneef qaama kanniinii waan hanqate ulfinna caalu kenna'aa Rabbi akkanaan nafa wolitti qamashe.
26
Qaamni tokkollee uduu rakkatee qaamni maruu isa woliin rakkatan; qaamni tokko yoo ulfinna argate qaamni maruu isa woliin gammada.
27
Isinillee nafa Kiristoosiiti; isin maruu qaama isaati.
28
Kanaafuu Rabbi namni maruu woldaa Kiristaanaa keessatti akka tajaajila gara garaatiin tajaajilu godhe; akka kanaan jalqaba ergamtoota, lammeessoo raattota, sadeessoo Barsiisota muudeera; kanatti aansee worra maalalee godhu, kennaa fayyisu'uu, worra gargaaru, bulchiinsaa fi laagaa adda addaa kenneera.
29
Maruu ergamootaa? Maruu raattotaa? Maruu barsiisotaa? Maruu maalalee hujanii?
30
Maruu keennaa fayyisu'uu qabanii? Maruu laagaa addaatiin dubbatanii? Maruu hin hiikanii?
31
Haa ta'uu ammo kennaa badhaadhumma'aa ka maraa caalu jabaadha'aa barbaadaa'a; Akkasuma karaa waa maraa caalu isinitti mudhisaa.
← Chapter 11
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 13 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16