bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
1 Corinthians 5
1 Corinthians 5
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 4
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 6 →
1
Dubbii gabaaba'aan isin jidduu seebaruun akka jiru hin odeeffama; seebaruun akkanaa kun worra hin amanne worra Yihuudii hin taane keessattuu waan hin argamne; waan namni haadha manaa abbaa ufii fuudhe jiruuf.
2
Isin uf jajjaniirtan, guddiftanii gadduu isin hin barbaachisuu? ka hujii kana hojjate uf keessaa baasaa'a.
3
Ani yoma fooniin isin woliin hin taanellee ayyaanaan isin woliin jira;
4
Isin woliin akkuma waan jiruu ta'ee nama waan kana hojjate irratti maqaa Gooftaa keenna Yesuus Kiristoosiitiin amma itti murteesseera.
5
Ayyaana isaatiin guyyaa gaafa Gooftaan Yesuus dhufu akka fayyitu, balleessaa foonii ka akkanaa kana seexanaaf kennuun murtii kiyya.
6
Uf jajuun keessan misha'aa miti, raacitiin diqqoon bukoo maraa akka bukeessu hin beettanii?
7
Eeganaa raacitii malee akka jirtan, bukoo haarawa akka taatan, raacitii moofaa uf keessaa balleessaa'a. Faasikaan keenna Kiristoos waan qalameeruuf.
8
Kanaaf qajeellumma'aa fi dhuga'aan Ayyaana xorosho'oo haa goonuu malee raacitii moofaa dharaa fi dhiibba'aatiinii miti.
9
Seebartoota woliin akka wol hin taane dhaamsa kiyya isinii barreesseera.
10
Wolumaagalatti seebartoota adunyaa tanaa yookaan worra horii dharra'an, saamtota yookaan worra waaqa tolfamaa waaqeffatan woliin wolii hin galinaa'a hin jenne; kana jechu'uu miti. Uduu akkana ta'ee, sirima adunyaa kana keessaa bayu'utu isin barbaachisa.
11
Haa ta'uu ammo worra obboloota jedhaman keessaa tokko seebaraa, yookaan ka horii dharra'u, yookaan ka waaqa tolfamaa waaqeffatu, yookaan ka nama arrabsu, yookaan machaayaa, yookaan saamaa yoo ta'e isa woliin akka wolii hin galle isinii barreessa. Nama akkanaa kanniin woliin nyaatumallee hin nyaatinaa'a.
12
Namoota diida jiran irratti eentu murteessuu na dhoogge? Namoota keessa jiran irratti isin hin murteessitanii?
13
Worra ala jiranitti ka murteessu Rabbi. «Dhara jidduu keessanii baasaa'a.»
← Chapter 4
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 6 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16