bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
1 Corinthians 4
1 Corinthians 4
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 3
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 5 →
1
Akkasuma namni nu akka hojjataa Kiristoosiitii fi worra dhossaa Rabbii ibsu'uuf amaanaan itti kennameetitti nu haa laakkayuu.
2
Akkanallee yoo ta'e worra amaanaan itti kenname biratti amanamaa ta'ee argamu'utu barbaachisa.
3
Haa ta'uu ammo yoo isin biratti yookaan nama biraa biratti natti murtaaye, anaaf womaa miti; ani ufittuu hin murteessu.
4
Uf irratti womaa waan hin beenneef, Haa ta'uu ammo kanaan qajeellummaa hin argatu. Ka natti murteessu ammo Goofta'a.
5
Kanaafuu ka dukkana keessatti dhokate akkasuma Gooftaan gara ifaa baasu, ka gorsa onne'eellee ibsu haga dhufutti hennaan uduu hin geenne waan tokkollee hin murteessinaa'a. Hennaa san isaan maraafuu galanni Rabbiin biraa ta'a.
6
Obboleeyyan tiyya! Amma isiniif jedhee kana maraa ufii kiyyaan Aphiloosiinillee akka fakkeennaatitti dubbadheera; «waan barreeffamni woyyuun jedhe bira hin darbinaa'a» jedhamee akka isin jiddu'utti beekkamu nu irratti akka laaltaniif namni tokkollee kaan jajee nama biraa hin tuffatin.
7
Ati akka worra kaan caaltu eentu si taasise? wonti ati hin arganne maali'i? Eega isa irraa fudhatte amma maaf akka waan kee ta'eetitti uf jajja ree?
8
Amma quuftaniirtan; amma dureeyyii taataniirtan; nuun alatti mootii taataniirtan; nullee akkasuma isin woliin akka moonuuf uduu mootanii mishaa ta'a.
9
Adunyaa, Maleekkotaa fi namoota birattillee worra taphaa taaneerra. Rabbi nu ergamtoota akka namoota duuti itti murtaayee waan maraa caalaa duuba akka taanu waan nu taasisan natti fakkaata.
10
Nu Kiristoosiif jennee gowwoota; isin ammo Kiristoosiin worra qalbii qabu, nu dadhaboota, isin ammo jajjaboota, isin worra kabajjame, nu ammo worra salphate.
11
Haga sa'aatii kanaa hin beelofna, hin dheebonna, hin daarra, gad qabamna, hin xaarra
12
Harka keennaan hujja'aa dadhabna, yoo nu arrabsan hin eebbifna, yoo nu ari'an hin obsina,
13
Yoo hamaa nutti dubbatan Rabbiin isaanii kadhanna. Haga ammaa fishaa adunya'aatii fi xurii lafa tanaa taaneerra.
14
Akka ijoollee jaaladhuutitti isin gorsu'uuf malee, isin saalfachiisu'uuf kana isinii hin barreessu.
15
Isin Kiristoosiin irraan haga guddiftoota kuma hedduullee yoo qabaattan, abboota heddu qabdan. Ani Yesuus Kiristoosiin irraan Dubbii Nagayaa kanaan isin uumadheera.
16
Eegasuu worra na fakkaatu ta'aa'a jedhee isin kadhadha.
17
Kanaafuu Ximootewoosii jaaladhu amanamaa Goofta'aan ilma kiyya ta'e isinii ergeera. Akkuma ani hulee marattuu woldaa Kiristaanaa barsiisu, karaa kiyya ka Kiristoos Yesuusiin ta'u innillee isin qaabsisa.
18
Gariin ammo akka waan ani gara keessan hin dhufnee isaanitti fakkaatee worri uf jajan hin jiran.
19
Haa ta'uu ammo yoo Gooftaan jedhe dafee gara keessan dhufa. Hunna uf jajootaa hin beeka; dubbii isaanii calla'aa miti.
20
Jeennanni Rabbii hunnaan malee dubbii calla'aan waan hin taaneef.
21
Isin kam feetan? Ulee fudhee isinii dhufa mo'o jaalalaa fi Ayyaana gara laafumma'aatiin isinitti dhufuu woyya?
← Chapter 3
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 5 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16