bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
1 Corinthians 9
1 Corinthians 9
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 8
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 10 →
1
Ani wolabaa mii? Ergama'aa mitii? Gooftaa keenna Yesuus Kiristoosiin hin arginee? Isinillee Goofta'aan hujii kiyyaa mitii?
2
Chaappaan ergamummaa kiyyaa Goofta'aan isin waan taataniif yoma kaawwaniifillee ergamaa hin taane, isiniif garuu dhugamaan ergama'a.
3
Worra «Mirga ergamumma'aa hin qabdu» jedhanii na qoraniifillee deebiin kiyya kana;
4
Nyaachu'uu fi dhuguu mirga hin qabnuu?
5
Akka ergamtoota kaawwanii akka obboleeyyan Goofta'aatii fi akka Keefa'aa haadha manaa teenna ta amante qabannee deemuu mirga hin qabnuu?
6
Moo namni waa argachu'uuf xaaru anumaa fi Barnaabaasiin calla'a?
7
Sirima namni birrii ufiitiin loltuu ta'ee tajaajilu eennu? Yookaan woyinii dhaabee ka daraaraa hin nyaanne eennu? Yookaan horii tissa'aa ka aannan hori'ii hin dhunne eennu?
8
Kana baallii namaa calla'aan jedhaa?
9
Seerrillee akkana hin dubbatuu? «Qotiyyoo midhaaniin dhooftu afaan hin hidhin» jedhamee Seera Muuse'ee keessatti barreeffameera. Wonti qotile'ee Rabbiin garaa hin nyaatuu?
10
Ka kana jedha'aaru sirima waan keennaafii mitii? ka qotu abdi'iin akka qotu, qotiyyoon qotullee ka qote irraa akka nyaatu kun maruu qooda midhaanii akka argatu abdata'aa haa hojjatuu.
11
Nu waan jireenna Ayyaanaa yoo isinii facaafne, waan jireenna fooniitiif ta'u isin irraa yoo arganne waan gudda'aa?
12
Yoo ka worri biraa isin irraa mirga gargaarsaa qoodaman ta'e, nu mirga kana caalu attamitti hin qabaanne ree? Waa maraa hin obsina malee mirga kanatti hin fayyadamne.
13
Worri mana woyyuu keessa tajaajilan hurbaataa ufii akka mana woyyuu irraa argatan worri mi'a kenna'aatitti kennaa dhiyeessan akka qooda kenna'aa argatan hin beettanii?
14
Akkasuma ammo worri Dubbii Nagayaa himan waan ittiin jiraatan hujii kana irraa akka argatan Gooftaan seera kaayeera.
15
Ani ammo kanniin maraa irraa womaa hin fayyadamne. Akkana akka naaf ta'uuf kana hin barreessu. Eennullee waan ani ittiin boonu ka duwwaa na jalaa godhee mannaa du'a naa woyya.
16
Yoo Dubbii Nagayaa lallabe waan ittiin uf jaju hin qabu. Kana wonti godhuuf waan giddii kiyya ta'eef; yoo Dubbii Nagayaa hin lallabne naa aanne'e!
17
Kana yoo fedha kiyyaan godhe ammo mindaa waan qabuuf. Fedha malee yoo godhe ammo, hujiin sooru'uu kun yaboo cima'atu natti kennameera.
18
Eeganaa mindaan kiyya maali'i? Dubbii Nagayaa lallaba'aa mirga Dubbii Nagayaa irraa qabu maraa akka hin fayyadamne Dubbii Nagayaa gatii malee dubbadha.
19
Ani nama maraa irra ka wolaba baye yoo ta'u, heddu fayyadu'uuf maraayyuu akka garbichaa ta'a.
20
Worra Yihuudotaallee fayyadu'uuf Yihuudii woliin akka worra Yihuudi'ii ta'e; worra seera jala jiran fayyadu'uuf, ani mataan kiyya seera jala uduu hin taane worra seera jala jiraniif akka nama seeraa gadi jiruu ta'e.
21
Worra seera hin qabne fayyadu'uuf, seera Rabbiitiin uduu hin jiraanne, haa ta'uu ammo seera Kiristoosii jala uduu jiru, worra seera hin qabneef akka waan seera hin qabnee ta'e.
22
Worra dadhaban fayyadu'uuf akka worra dadhaba'aa ta'e. Karaa maraanuu gari garii fayyisu'uuf maraa woliin waan maraanuu akka isaanii ta'e.
23
Dubbii Nagayaa keessatti hirmaataa ta'u'uuf, waan Dubbii Nagayaatiif maraa godha.
24
Hulee wol morkii fiigichaatitti namni maruu hin fiiga. Haa ta'uu ammo ka badhaafamu tokkicha akka ta'e hin beettanii? Isinillee akkasuma akka badhaasa argattan fiigaa'a.
25
Ka wondhaansa bayu maruu waan maraanuu nafa ufii hin eeggata. Kunniin kennaa badu argachu'uuf; nu ammo ka hin banne argachu'uuf.
26
Kanaaf ani akka worra kaayyoo malee fiiguutitti hin fiigu; akka nama qilleensa qabuu maraafuu akkanumaan hin dadhabu.
27
Haa ta'uu ammo kaawwanitti haga himeen maayii ufii nama gatame akka hin taane foon kiyya adaba'aa akka ajajamu godha.
← Chapter 8
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 10 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16