bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
1 Corinthians 16
1 Corinthians 16
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 15
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
1
Woyyoota Rabbiitii birrii wolitti fuudhuu akkuma Woldaa Kiristaanaa ka Galaatiya'aatii seera baase, isinillee akkasuma godhaa'a.
2
Birrii wolitti guuruun hennaa ani dhufe akka hin taane, isin keessaa gari gariin keessan jalqaba torbaanii akkuma ta'etti ka qabu irraa hambisa'aa mana ufii haa kaayuu.
3
Eennuunillee yoo ta'e, worra amanaman namoota isinitti fakkaatan, waan isin arjoomtan san gara Yerusaalemii akka geessan xalayaa itti kennee isaan erga.
4
Akkasuma ani yoo ka deemuu na woliin deeman.
5
Hennaa deemu Maqedooniyaa keessa waan lufuuf, gara keessan dhufa.
6
Isinillee hulee ani dhaqu maraa deemsa kiyyaaf akka na gargaartan, maal laataa isin bira tura yookaan hin bubbula ta'a.
7
Amma ammo hennaa karaa saniin lufu isinitti goruu waan hin barbaanneef yoo Gooftaan jedhe haga hennaa dheera'aa isin bira turu'uuf abdii godha.
8
Efesoonitti ammo haga Ayyaana shantameesso'oo tura.
9
Balballi guddaan huji'ii naa banameera; worri na morman ammo heddu.
10
Yoo Ximootewoos isin bira dhufe, inni sodaa malee akka isin woliin taa'u godhaa'a. Inni akkasuma akkuma kiyya hujii Goofta'aa waan hojjatuuf; kanaafuu eennullee akka isa hin tuffanne.
11
Haa ta'uu ammo obboleeyyan isaa woliin waan isa eeguuf nagayaan gara kiyya akka dhufu waan imala isaatii ta'uun gargaara'aan.
12
Waan obboleessa keenna Aphiloosii ammo obboleeyyan isaa woliin gara keessan akka deemuuf guddisee kadheenii ture, Inni ammo amma dhufuu hin barbaadu, yoo toleef ammo hin dhufa.
13
Dammaqaa'a; amanti'iin jabaadha'aa dhaabadhaa'a, guddadhaa'a.
14
Isin biratti wonti maruu jaalalaan haa ta'u.
15
Obboleeyyan tiyya! Maatiin Isxifaanosii hangafa Akaayiyya'aa akka ta'an woyyootallee tajaajilu'uuf akka uf kennan hin beettan.
16
Worra akka isaanii jiraniif isa woliin hojjatu, worra dadhaban maraaf isinillee akka ajajamtaniif isin kadhadha.
17
Isxifaanos, Fardonaxisii fi Akaayiqosi garana dhufuun isaanii na gammachiisa. Waan hennaa isin na woliin hin jirre na jalaa dhidhate naa guutaniiraniif.
18
Garaa kiyyaa fi garaa keessan gab waan godhaniif, eegasuu namoota akkana jiran kanniin beeka'aan.
19
Woldeenni Kiristaanaa ta Isiya'aa nagaya isinii dhaamaniiran. Aqilaa, Phirisqilla'aa fi woldeenni Kiristaanaa ta mana isaanii jirtu woliin maqaa Goofta'aatiin nagaya guddaa isinii dhaamaniiran.
20
Obboleeyyan maruu nagaya isinii dhaamaniiran. Dhungoo woyyu'uun nagaya wol gaafadhaa'a.
21
Ani Phaawuloos nagaya kana harkuma kiyyaan barreesse.
22
Ka Gooftaa Yesuus Kiristoosiin hin jaalanne yoo jiraate ka abaarame haa ta'u. Gooftaa keenna koottu!
23
Badhaani Gooftaa keenna Yesuus Kiristoosii isin maraa woliin haa ta'u.
24
Jaalalli kiyya karaa Yesuus Kiristoosiitiin isin maraa woliin haa ta'u! Amiin!
← Chapter 15
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16