bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
1 Corinthians 2
1 Corinthians 2
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 1
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 3 →
1
Ani obboleeyyan tiyya! Hennaa gara keessan dhufe, namoota biraa caalaa dubbachu'uun yookaan ogumma'aan ragaa waan Rabbii isinitti hima'aa hin dhufne.
2
Hennaa isin jidduu jiru Yesuus Kiristoosii fannifame san callaa akka beeku waan murteeffadhee tureef.
3
Hennaa gara keessan dhufe dadhabbi'ii fi soda'aan akkasuma holluu gudda'aan ture.
4
Dubbiin kiyya, lallabni kiyyallee hunna Ayyaanaa ibsu'uun malee dubbii ogumma'aa ka shele'eetiin hin turre.
5
Kunillee amantiin keessan hunna Rabbii malee ogummaa namaa irratti akka hin hundoofneef.
6
Worra bilchaatan wodhakka'atti ammo ogummaa dubbanna; haa ta'uu ammo, Ogummaa worra adunyaa tanaati miti. Ogummaa adunyaa tanaa ta diiggamtu ta akka ogummaa bulchoota saniitii miti.
7
Haa ta'uu ammo Rabbi firrisa barootaan duratti ulfinna keennaaf waan murteesse, ka dhokatee ture dhossaa ogummaa Rabbii dubbanna.
8
Bulchoota biyya kanaa keessaa tokkollee ogummaa kana hin beenne. Uduu beekanii, Gooftaa ulfinnaa silaa hin fannisan.
9
Haa ta'uu ammo, «Ka ijji hin argine, ka gurri hin dhageenne; waan qalbii namaatitti hin yaadamne, waan Rabbi worra isa jaalataniif qopheesse» jedhamee akkuma barreeffame akkasuma dubbanna.
10
Rabbi Ayyaana ufiitiin wonti gadi fago'oollee uduu hin hafin maraa waan qoruuf, Rabbi karaa Ayyaana ufiitiin nutti uf ibse.
11
Waan nama tokko keessa jiru, Ayyaana isa keessa jiru san malee, ka biraa ka beeku eennu? Akkasuma ammo Ayyaana Rabbii malee ka Rabbiin beeku eennullee hin jiru.
12
Nu ammo waan Rabbiin irraa akkanumaan nuu kenname akka beennuuf, Ayyaana Rabbiin irraa ta'e fudhanne malee, Ayyaana adunyaa tanaa hin fudhanne.
13
Waan Ayyaanaa wol bira qabnee waan dubbii Ayyaanni nu barsiisuun akkasuma dubbanna malee dubbii ogummaan namaa nu barsiisuunii miti.
14
Nama akka uumameen jiru, wonti Ayyaana Rabbii waan gowwummaa ta'eef hin fudhatu; dubbiin Ayyaanaa waan Ayyaana Rabbiitiin qoramuuf namni foonii beeku hin danda'u.
15
Namni Ayyaana Rabbii qabu ammo maraa qora; inni ammo eennuunuu hin qoramu.
16
Barreeffamni Woyyuun, «Ka yaada Goofta'aa beeku eennu? ka gorsa isaa kennu eennu» Nu ammo qalbii Kiristoosii qabna.
← Chapter 1
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 3 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16