bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
1 Corinthians 15
1 Corinthians 15
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 14
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 16 →
1
Obboleeyyan tiyya! Ka ani isinitti lallabe, ka isinillee fudhattanii ittiin dhaabattan, akkasuma dubbii Rabbii ka fayyitaniin isin yaadachiisa.
2
Yoo duwwaa amantan malee dubbii attamiitiin akka isinitti lallabe isin qaabsisa.
3
Ani waan fudhadhe waan maraa dura dabarsee isinii kenne, akkuma kitaabni jedhu; Kiristoos waan cubbuu keennaatiif du'ee awwaalame;
4
akka kitaabni jedhe guyyaa sadeesso'ootitti ka'ee,
5
Keefa'atti mudhate; achiin maayii kudha lamaanittuu mudhate.
6
Achiin maayiillee obboleeyyan dhibba shanii caalanitti hennaa tokkoon mudhate. Isaan keessaallee garri caalu haga ammaa hin jiran. Gari gariin ammo du'aniiran.
7
Achiin maayii Yaaqoobii fi ergamtoota marattuu mudhate.
8
Maraayyuu maayessa ammo, ana ka akka nama hennaa malee dhalateetitti laakkayamutti mudhate.
9
Ani ergamtoota maraayyuu gadi waan ta'eef, Woldaa Kiristaanaa ta Rabbii waan ari'eef, ergamaa jedhamee waamamuun naaf hin ta'u.
10
Haa ta'uu ammo, ani ka badhaadha Rabbiitiin ergame. Badhaadhummaan naa kennamellee duwwaa hin turre; isaan maraa caalaa ammo natu dadhabe; Haa ta'uu ammo badhaadhummaa Rabbii ka na woliin jiru malee anaa miti.
11
Eegasuu anii fi isaanillee sanuma lallabna; isinillee ka amantan sanuma.
12
Kiristoos du'aa akka ka'e yoo ka himamu ta'e, isin keessaa gari gariin du'aa ka'uun hin jiru attamitti jedhan?
13
Du'aa ka'uun worra du'ee yoo hin jiraanne Kiristoosillee du'aa hin kaane kaa?
14
Kiristoosillee du'aa yoo hin kaanee, eeganaa lallabni keenna duwwa'a. Akkasuma amantiin keessanillee duwwa'a. Akkasuma maruu Kiristoosiin jiraattota waan ta'aniif.
15
Akkasuma Kiristoosiin du'aa kaaseera jennee Rabbii waan ranneef, sobdoota ragaa Rabbii taanee argamneerra. Worri du'an yoo ka du'aa hin kaane ta'e, isa hin kaafneen.
16
Worri du'an yoo ka hin kaane ta'e, Kiristoos hin kaane kaa?
17
Kiristoosillee yoo hin kaanee amantiin keessan duwwa'a. Isinillee haga ammaa cubbu'uun jiraattan.
18
Eegasuu worri Kiristoositti amanee du'e badeera jechu'u.
19
Jireennuma tana calla'aan yoo Kiristoosiin abdii godhanneerra ta'e, namoota maraa caalaa nu nama womaa hin beenne ka gaddaniif.
20
Amma ammo Kiristoos worra du'anii hangafa ta'ee du'aa ka'eera.
21
Duuti karaa namaatiin waan dhufteef du'aa ka'iinsi worra du'ee karaa nama tokkootiin dhufte.
22
Akkuma namni maruu karaa Aadamiitiin du'an; akkasuma maruu Kiristoosiin jiraattota waan ta'aniif.
23
Haa ta'uu ammo maruu kore kore'een ta'a. jalqaba Kiristoosii hangafticha, achiin maayessa yoo Inni dhufe worra ka Kiristoosii ta'an.
24
Henna'aan maayii jeennata isaa Rabbi Abbaa isaatii dabarsee hennaa kenne, bulchiinsaa fi baallii maraa haga diigeen maayessa dhuma baraa ta'a.
25
Haga diintota isaa maraa luka isaa jala godhuufiif jeennanni ta isaati.
26
Diinni maayii diiggamu du'a.
27
«Maraa waan luka isaa jala godheeruuf» Haa ta'uu ammo, «Godheera yoo jedhu; Rabbii waan maraa luka isaa jala godhe san akka hin eda'anne kun addaata'a.
28
Wonti maruu haga baallii Kiristoosii jala ta'een maayii, Ilmillee Rabbii waa maraa isa jala godhe san jala uf taasisa. Rabbillee waa maraa guutumatti bulcha.
29
Kana yoo ta'uu dhabaate, waan worra du'eetiif jedhanii worri cuuphaman bu'aan isaanii maali'i? Worri du'ellee sirima yoo ka hin kaane ta'e, bikka isaaniitiif worri cuuphaman maali'iif?
30
Nullee hennaa maraa maaf jireenna nama sodaachisu keessa jiraanna ree?
31
Boona Gooftaa kenna Yesuus Kiristoosii fi isiniin qabuun kakata'aa, obboleeyyan tiyya ani guyyaa guyyaan du'a.
32
Akka namaatitti Efesoonitti bineensa woliin yoo wondhaansa baye, yoo ka worri du'e hin kaane maal na fayyada? «Boru waan duunuuf haa nyaannee dhunnuu?»
33
Hin wollaalinaa'a! «Goshoon hamaan amala mishaa namaa balleessa»
34
Qajeellumma'aan dammaqaa'a. Cubbuullee hin hujinaa'a; worri Rabbiin hin beenne waan jiraniif, isin saalfachiisu'uuf kana jedha.
35
Haa ta'uu ammo, «Worri du'e attamitti ka'an; nafa attamiitiin dhufan?» Ka jedhu hin jiraata ta'a.
36
Ati gowwaa, sanyiin ati facaaftu uduu hin duune jiraataa hin ta'u.
37
Qamadii facaafta yoo ta'e, ka bifa biraa irraa tokko yoo ta'e, ka facaaftu diqqo'o malee, ka facaaftu ka nafa ta'uu miti.
38
Rabbi ammo akkuma jaalate nafa keenna maraa isaan ittisuu akkuma gosa isaaniititti sanyii nafa ufii isaanii kenna.
39
Foon maruu tokkoo miti. Foon namaa ammo tokko; foon hori'ii ka biraati; foon simbiraa ka biraati; foon qurxummi'iillee ka biraati.
40
Akkasuma nafti sami'iillee jira, nafti lafaa jira; haa ta'uu ammo ulfinni nafa sami'ii adda; ulfinni nafa biyya lafaallee adda.
41
Ulfinni adu'uu tokko, ulfinni ji'aa ka biraati, ulfinni urjiiwwanii ka biraati, ulfinni urjii tokkoo urjii biraa irraa adda.
42
Du'aa ka'uun worra du'aniillee akkanuma, shamnanaan facaafama; qaama hin shamneen ka'a. Salphinnaan facaafama; ulfinnaan ka'a.
43
Dadhabbi'iin facaafama; jabeennaan ka'a.
44
Nafa uumamaatiin facaafama, nafa ayyaanaatiin ka'a. Nafti uumamaa yoo jiraate; nafti ayyaanaallee akkasuma hin jira.
45
Akkasuma ammo, «Namni duraa Aadam lubbu'uun jiraataa ta'e» jedhamee barreeffameera, Aadamiin maayessaa ammo Ayyaana jireenna kennu ta'e.
46
Haa ta'uu ammo firrisee ka uumamaa, itti aannee ka Ayyaanaati malee dura ka Ayyaanaatii miti.
47
Namni dura lafa irraa waan uumameef ka lafaati, namni lammeesso'oo ammo samii irraa dhufe.
48
Worri lafa irraa akkuma nama biyya lafaa san; worri samii irraa dhufan akkasuma nama samii irraa dhufe san.
49
Akkuma bifa nama lafa irraa uumamee san uffanne, akkasuma nafa nama sami'iillee hin uffanna.
50
Haa ta'uu ammo obboleeyyan tiyya! Akkana jedha; foonii fi dhiinni jeennata Rabbii dhaaluu hin danda'an; ka shamullee ka hin shamne hin dhaalu.
51
Mee dhossaa tokko isinitti hima. Nu maruu hin duunu; haa ta'uu ammo yoo xurumbaan maayessaa afuufame nu maruu akkuma tasaa haga limsuu ijaatitti hin jijjiiramna,
52
xurmbaan waan afuufamuuf worri du'ellee ka hin shamne ta'anii ka'an; nullee hin jijjiiramna.
53
Kun ka shamu, ka hin shamne uffachu'uuf, ka du'u kunillee ka hin duune uffata.
54
Haa ta'uu ammo ka shamu kun ka hin shamne yoo uffatu, ka du'u kunillee ka hin duune yoo uffatu hennaa san dubbiin, «Duuti mooyatamu'uun liqimfame» jedhamee barreeffame hin raawwatama.
55
Akkasuma, «Du'a! woraanni kee meeti? Du'a! Mooyachuun kee meeti?» jedhamee dubbiin barreeffame hin raawwatama.
56
Woraanni cubbu'uu du'a; hunni cubbu'uu seera.
57
Haa ta'uu ammo Rabbii karaa Gooftaa kenna Yesuus Kiristoosiitiin mooyannaa nuu kennuu galanni haa ta'u!
58
Kanaaf obboleeyyan tiyya jaalatamtoota! dadhabbiin keessan, Goofta'aan duwwaa akka hin taane waan beettaniirtaniif, worra midhaaffatan ka hin sochoone worra hujiin Goofta'aa hennaa maraa isinii baay'ate ta'aa'a.
← Chapter 14
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 16 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16