bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
1 Corinthians 7
1 Corinthians 7
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 6
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 8 →
1
Waan wonta naa barreessitanii san namaaf dubartii bira gayuu diduun misha'a.
2
Haa ta'uu ammo sababaa rakkoo seebaraatiif dhiirti maruu haadha manaa ufii haa qabaatuu. Akkasuma dubartiin martinuu abbaa manaa ufii haa qabaattuu.
3
Abbaan manaa haadha manaa ufiitiif waan isi'iif ta'u haa godhuufii; akkasuma ammo haati manaa abbaa manaa ufiitii.
4
Haati manaa qaama ufii irratti baallii hin qabdu; baalliin ka abbaa manaa isi'iiti. Akkasuma ammo abbaan manaa qaama ufii irratti baallii hin qabu; baalliin ka haadha manaa isaati.
5
Jabaattanii Rabbiin kadhachu'uuf jettanii wolii galtanii haga henna'aatiif yoo ta'e malee, wol hin dhooggatinaa'a. Uf qabuu dadhabdanii akka seexanni isin hin qorre woliin jiraadhaa'a.
6
Haa ta'uu ammo ani isin gorsu'uuf malee, isin ajaju'uufii miti.
7
Namni maruu uduu akka kiyya ta'ee hin jaaladha. Haa ta'uu ammo namni maruu kennaa badhaadha Rabbi isaaf kenne qaba. Isa tokkoo kennaa kana; isa kaaniif kennaa biraa kenne.
8
Amma worra hin fuunee fi worra hin heerumnee akkasuma haadha hiyyeessaa akka kiyya fuudhaa fi heeruma malee uduu taa'anii misha'a.
9
Haa ta'uu ammo dharra'aan gubachuu irra fuudhu'uu fi heerumuu woyya. Yoo uf qabuu dadhaban haa heerumanii; yookaan haa fuudhanii.
10
Haati manaallee abbaa manaa ufii irraa hin fooyamin. Yoo fooyamte ammo heeruma malee haa teettuu; yookaan abbaa manaa ufiitiin haa araaramtuu; abbaan manaallee haadha manaa ufii hin dhiisin jedhee worra wol fuudhe ajaja. Ajanyi kunillee ka Goofta'aati malee kiyyaa miti.
12
Ani kaawwaniinillee akkana jedha, Goofta'aa miti, worra dhiiraa keessaa ka haadha manaa hin amanne qabu yoo jiraate, isiinillee yoo isa woliin jiraatuu jaalatte, akka hin dhiifneen.
13
Ta abbaa manaa hin amanne qabduu yoo jiraatte inni sun yoo isii woliin taa'uu fedhe akka hin dhiifneen.
14
Abbaan manaa hin amanin haadha manaatiin woyyoomeera; haati manaa hin amannellee abbaa manaa ufiitiin woyyoomteerti; akkas ta'uu baannaan ijoolleen isaanii battoota; amma ammo woyyoota.
15
Ka hin amanne ammo yoo fooyame haa fooyamuu; dhiirti yookaan intalti waan kana keessatti hin hidhamin. Rabbi ammo nagayaaf nu waameera.
16
Ati dubartii nana! abbaa manaa kee uduu ka fayyiftu taatee beettaa? Yookaan ati namana! haadha manaa tee uduu ka fayyiftuutii beettaa?
17
Isin maruu akkuma kennaa Gooftaan isinii kenneetii fi akkuma hennaa Rabbi isin waamee jiraattaniititti jiraadhaa'a. Ajanyi ani tokkummaa woldaa Kiristaanaatii kennu kanuma.
18
Namni haga gadoomeen maayii yoo Rabbiin waamame akka nama gadoomee hin ta'in. Yoo uduu hin gadoomne Rabbiin waamamee jiraate, gadoomuun isa hin barbaachisu.
19
Gadoomu'uu fi gadoomuu dhabuun duwwa'a. Ajaja Rabbii eegu'u malee.
20
Namni martinuu akkuma itti waamame sanitti haa jiraatuu.
21
Uduu garbicha taatee jirtu yoo waamamte, womaa miti. Wolaba bayuun yoo sii danda'ame ammo wolabummaa fudhadhu.
22
Garbicha ta'ee ka Goofta'aan waamame, Goofta'aan bilisa; akkasuma bilisa ta'ee ka waamame garbicha Kirstoosiiti.
23
Gati'iin bitamtaniirtan; garbicha namaa hin ta'inaa'a.
24
Obboleeyyan tiyya! Martinuu akkuma itti waamametti akkasuma ta'ee Rabbiin woliin haa jiraatuu.
25
Waan qeerro'ootii fi qeerritti'ii Gooftaan ajaja natti hin kennine. Ani ammo akka nama araara Goofta'aa argatee abdatameetitti gorsa kana isin gorsa.
26
Eeganaa rakkoo ammaatiif kun mishaa natti fakkaata. Namni akkana ta'e yoo jiraate misha'a
27
Yoo haadha manaa fuutee jiraatte hiikuu hin hawwin; haadha manaa yoo hin fuune fuudhuu hin hawwin.
28
Qeerrichi yoo fuudhe cubbuu hin hojjatu. Qeerrittiinillee yoo heerumte cubbuu hin hojjattu. Haa ta'uu ammo adunyaa tana irratti worri fuudhanii fi worri heeruman jireenna isaanii keessatti rakkoo heddu qaban. Ani ammo akka rakkinna kana jalaa baataniif jedhee isin gorsa.
29
Haa ta'uu ammo obboleeyyan tiyya! wonti ani isiniin jedhu kana. Barri gabaabaa ta'eeraa; ammaa achi worri haadha manaa qaban akka waan hin qabnee haa ta'anii.
30
Worri booyanillee akka waan hin boonnee; ka gammadanillee akka waan hin gammannee; worri bitanillee akka waan womaa hin qabnee haa ta'anii.
31
Worri adunyaa tanattillee fayyadaman maruu akka waan hin fayyadamnee haa ta'an. Bifti adunyaa tanaa waan luftuuf.
32
Haa ta'uu ammo akka yaada malee jiraattan jaaladha. Ka hin fuune, Gooftaa attamitti akka gammachiisu waan Goofta'aa yaada.
33
Ka fuudhe ammo attamitti akka haadha manaa ufii gammachiisu waan adunyaa tanaa yaada. Yaanni isaallee qoodameera.
34
Dubartiin hin heerumne yookaan durbii duudaan fooniinillee Ayyaanaan akka woyyoomaniif waan Goofta'aa yaadan. Ta heerumte ammo attamitti akka abbaa manaa ufii gammachiiftu waan adunyaa tanaa yaaddi.
35
Kanallee bu'aa keessaniif jedha; akka ta'utti akka jiraattan uduu hin saatofne Goofta'aan akka dhaabattaniif malee isinitti jabeessu'uuf jedheetii miti.
36
Haa ta'uu ammo namni tokko qaadhima ufii irratti waan mishaa akka hin goone yoo yaade; ta inni qaadhimate sun yoo umuriin isi'ii heerumaaf gaye; fuudhu'uuf yoo murteesse waan jaalate haa godhuu; cubbuu waan hin taaneef wol haa fuudhanii.
37
Uduu hin raafamne yoo kutate ammo waan isa giddisiisu hin qabu; waan jaalate akka godhu eeyyamameeraaf, ta qaadhimate san fuudhuu dhiisu'uuf yoo murteeffate mishaa godhe.
38
Akkasuma ka durba duudaa fuudhe waan mishaa godhe; ka hin fuunellee ka caalu godhe.
39
Dubartiin hennaa abbaa manaa ufii woliin jirtu isaan wolitti hidhamteerti; yoo abbaan manaa isi'ii du'e ammo, Gooftaa haa qabaatuu malee, ka jaalattetti heerumu'uuf wolaba.
40
Akka gorsa kiyyaatitti ammo akkuma jirtutti uduu teettee gammachuu qabdi; anillee waan Ayyaana Rabbii uf keessaa qabu seeya.
← Chapter 6
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 8 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16