bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
1 Corinthians 14
1 Corinthians 14
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 13
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 15 →
1
Jaalala faanaa deemaa'a; kennaa Ayyaanaa keessattuu raaga dubbachuu jabaadha'aa barbaadaa'a.
2
Ka afaan haarawa dubbatu Rabbiif malee namaaf hin dubbatu; ka hubatu hin jiru, Ayyaanaan ammo dhossaa dubbata.
3
Ka raaga dubbatu ammo ijaaru'uuf, gorsu'uuf, jajjabeessu'uuf namatti dubbata.
4
Ka afaan haarawa dubbatu uf ijaara. Ka raaga dubbatu ammo woldaa Kiristaanaa ijaara.
5
Isin maruu akka afaan haarawaan dubbattan fedha; Kana caalaa uduu raaga dubbattanii fedha; akka woldaan Kiristaanaa ijaaramutti yoo dubbii hin hiinne afaan haarawaan ka dubbate irra ka raaga dubbatutu caala.
6
Amma ammo obboleeyyan tiyya! Gara keessan dhufee uduu afaan haarawa dubbadhee, mudhata, yookaan beekkumsa, yookaan raaga, yookaan barumsa yoo isinitti hin himne maal isin fayyada.
7
Wontoonni akka booba'aa, kiraari'ii ka lubbuu hin qabne laagaa dhageessisee garaagarummaa sagalee isaanii attamiin beekuu danda'ama?
8
Akkasuma xurumbaan laagaan isaa addaan bayee yoo hin beekkamne eentu lolaaf qophaaya ree?
9
Akkasuma isin ammo dubbii hubatamaa afaaniin yoo hin dubbanne namoonni waan isin dubbata'aartan attam godhanii hubatan? Nama qilleensatti dubbate waan taataniif.
10
Adunyaa irra maal laataa afaan laakkobsaa oliititu jira. Afaan hiikkaa hin qabne hin jiru.
11
Eeganaa yoo ani hiikkaa afaan sanii hin beenne, namicha itti dubbata'aarutti keessummaa ta'a. Anaa dubbadhuullee keessumma'a.
12
Akkasuma ammo isin worra kennaa Ayyaana woyyu'uu jabeessitanii barbaaddan yoo taatan woldaa Kiristaanaa jabeessu'uuf akka isinii badhatu barbaadaa'a.
13
Kanaaf ka afaan haarawa dubbatu akka hiiku Rabbiin haa kadhatuu.
14
Ani afaan haarawaan yoo Rabbiin kadhadhu Ayyaana kiyyatu kadhata; sammuun kiyya ammo womaa hin qabu.
15
Eeganaa maal godhuu? Ayyaanaan Rabbiin kadhadha; Akkasuma sammu'uunillee Rabbiin kadhadha; Ayyaanaan hin faarfadha; akkasuma sammu'uunillee hin faarfadha.
16
Akkana yoo hin taane, yoo ati Ayyaanaan eebbiftu, namni hin baranne taa'ee waan ati jedha'aartu yoo hin beenne, «Attam godhee galata keetii Amiin» jedha?
17
Ati akka misha'atti galatoonfatta; ka biraa ammo waan kanniiniin hin jajjabaatu.
18
Ani isin maraa caalaa afaan haarawaan waan dubbadhuuf Rabbii kiyya hin galatoonfadha.
19
Haa ta'uu ammo kaawwan akkasuma barsiisu'uuf woldaa Kiristaanaa keessatti dubbii hagaa olii afaan haarawaan dubbachu'uu mannaa dubbii shanii sammuu kiyyaan dubbachuu jaaladha.
20
Obboleeyyan tiyya! Sammu'uun daa'imman hin ta'inaa'a. Waan dharaatiif daa'imman ta'aa'a; worra sammu'uun bilchaattan ta'aa'a.
21
Akkana jedhamee seera keessatti barreeffameera. «‹Afaan haarawa namoota dubbataniif, afaan biraatiin banii kanatti hin dubbadha; akkanallee ta'ee naa hin dhagayan› jedhe Gooftaan.»
22
Eeganaa afaan haarawaan dubbachuun worra hin amanneef malkata malee, worra amananiifii miti. Raaga dubbachuun ammo worra amaneef malee worra hin amanneefii miti.
23
Eeganaa woldeenni Kiristaanaa maruu wol gayanii yoo afaan haarawaan dubbatan namoonni hin baranne, yookaan hin amanne uduu seenanii, «Maraataniiran» hin jedhanii?
24
Uduu maruu raaga dubbatanii ammo ka hin amanne, yookaan namni hin baranne uduu seenee maruu cubbuu ufii hubatee gaabba; waan maraa hin qorata.
25
Waan garaa isaatitti dhokkatellee hin ibsa; akkasuma, «Dhugamaan Rabbi isaan jidduu jira» jedhee dubbata'aa afo'otti kufee Rabbii sagada.
26
Eeganaa obboleeyyan tiyya! maali'i? Hennaa wol geettan maraafuu faaruu, barumsa, mudhata, afaan haarawaan dubbatu'uu fi ka hiikullee maruu ijaaru'uuf haa ta'u.
27
Ka afaan haarawa dubbatu yoo jiraate, lama yookaan yoo guddate sadihi ta'ee kore koree haa dubbatanii; tokko ammo haa hiikuu.
28
Yoo ka hiiku hin jiraanne ammo woldaa Kiristaanaa wodhakka'atti cadhisee ufii Rabbiin woliin haa dubbatuu.
29
Raattonni lama yookaan sadihi ta'anii haa dubbatanii, kuuwwan ammo adda isaanii haa baasanii.
30
Worra achi taa'an ka biraatitti wonti tokko yoo isaa ifeef ka duraa haa cadhisuu.
31
Maruu akka baratuuf, maruu akka gorfamuuf raaga dubbachuu hin dandeettan.
32
Ayyaanni raattotaa raattotaaf ajajama;
33
Rabbii Waaqa nagayaati malee Waaqa wocaa waan hin taaneef. Woldaa Woyyuu Kiristaanaa marattuu akkanuma.
34
Dubartoonni woldaa Kiristaanaa keessatti haa cadhisanii. Seerri akkasuma akka jedhu akka ajajamtaniif malee akka dubbatan waan isaanii hin eeyyamamneef.
35
Dubarti'iif woldaa Kiristaanaa wodhakka'atti dubbachuun fokkuu waan ta'eef yoo woma kamuu baratuu fedhan mana ufiititti abbaa manaa ufii haa gaafatanii.
36
Maali'i? Dubbiin Rabbii isin biraa dhufee? Yookaan gara keessan callaa gayee?
37
Eennullee raaga yookaan nama Ayyaanaa waan ta'e yoo itti fakkaate ka isinii barreesse kun ajaja Goofta'aa akka ta'e haa beekuu.
38
Eennullee namni kana hin beenne yoo jiraate inninuu hin beekin.
39
Kanaaf obboleeyyan tiyya! Raaga dubbachu'uuf jabeessa'aa barbaadaa'a; afaan haarawaan dubbachuu hin dhoogginaa'a.
40
Haa ta'uu ammo maruu haalaa fi seeraan haa ta'uu.
← Chapter 13
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 15 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16