bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
Esther 1
Esther 1
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 2 →
1
Mootichi Arxeeksis Hindiin irraa jalqabee haga Itoophiya'aa biyyoota dhibbaa fi diddamii torbaa bulcha'aa ture.
2
Bara san mootichi Arxeeksiis mootummaa Gimbii Suusa'aa keessatti teessoo ufii irra taa'ee uduu jiru,
3
Mootii ta'ee woggaa sadeesso'ootitti gorsitootaa fi worra baallii qaban maraaf affeerraa godhe. Gugurdoonni Faaresiitii fi Meedoonii maruu, worri ajajoota woraanaatii fi bulchoonni biyyaa achitti argaman.
4
Ulfinna qabeenna mootummaa ufiitii fi ulfinna guddaa gaachena ufii ji'a jahaaf isaanitti mudhise.
5
Achiin maayessa haga guyyaan kun raawwatame Gimbii Suusa'aa keessatti banii argame maraaf hiyyeessaa fi dureessa maraaf mootichi hulee biqiltuu mana mootichaa keessatti guyyaa torbaaf affeerraa biraa godhe.
6
Huleen biqiltu'uu golga fuuttaa bifa adi'ii fi bule'een bareechifamee ture; golgaawwan haada dhaddoo diimaa dhiilge'een hojjatame, utubaawwan dhagaa calalaqaa irraa hojjataman irratti fannifamaniiran; sireen gaggabaabaan birri'ii fi worqii irraa hojjatamanillee lafa dhagaa calalaqaa gatii gudda'aa ka bifa diima'aa fi adii, booraa fi bule'een bareechifametu afameera.
7
Wonti dhuganillee meeshaa worqi'ii ka adda addaatiin qoodama'aa ture; daadhiin woyini'ii ka mootichaa haguma kennaa mootichaatiin baay'ee guddaa ture.
8
Mootichi akkuma fedha nama maraa akka godhan ajajoota manaa waan ajajee tureef namni martinuu haga ufii barbaadu dhuguu hin danda'a ture.
9
Uduma kun akkanatti jiru mootittiin Asxiin mana mootummaa Arxeeksisii keessatti dubartootaaf affeerraa gootee turte.
10
Guyyaa torbeesso'ootitti mootichi Arxeeksis daadhii woyini'ii dhugee hennaa gammade tajaajiltoota ufii Mihumaaniin, Baazaaniin, Harboonaaniin, Gabataa, Zatoliyaaniin, Ziitaarii fi Karkasiin ufitti waamee,
11
«Mootittiin Asxiin uffata ufii ka mootumma'aa uffattee, gulloo ulfinnaa mata'atti godhattee akka as dhuftu godhaa» jedhee isaan ajaje; Mootichi mootittiin Asxiin guddiftee waan bareedduuf worra isaa ka baallii qabanii fi keessummoota isaa marattuu haa mudhattu'uuf barbaadee ture.
12
Garuu mootittiin Asxiin namoota ijoo mooticha tajaajilan ajaje dhufuu didde; wonti kun mooticha guddisee aarsee lolchiise.
13
Seeraa fi murtee laalchisee worra ogeeyyii qaroo gorsa kennan gaafachuun mooticha biratti waan baratame waan ta'eef hennaa san maal godhuu akka isa barbaachisu akka isa gorsaniif worra gorsa isaa kennan waamsise.
14
Worri hennaa maraa isa gorsan Arqeesiyoos, Sheetaar, Admaataa, Taarshiish, Meerees, Maaleesi'aar, Maamukaan jedhaman bulchiinsa mootummaa isaa keessatti worri baallii gugurdaa qaban torban worra baallii gugurdaa qaban ka Meedooniitii fi ka Faaresii turan.
15
Mootichi worra gorsa isaa kennu kanniiniin, «Ani mootichi Arxeeksis akka Asxiiniin fidaniif hojjattoota tiyya itti ergee isiin diddee hafteerti! kanaafuu waan tarkaanfii isii irratti fudhadhuu seerri maal jedha?» jedhee gaafate.
16
Meemukaanillee mootichaa fi banii biyya bulchaman afo'otti akkana jedhe, «Mootittiin Asxiin worra biyya bulchan maraa fi banii biyya mooticha Arxeeksisii keessa jiran maraa yakkite malee mooticha callaa hin yakkine.
17
Wonti mootittii tanaa gara dubartoota maraa waan gawuuf mootichi Arxeeksis mootittiin Asxiin gara isaa akka seentu ajaje. Garuu isiin hin seenne jedhamee haga itti himame dubartoonni waan mootittiin Asxiin goote kana yoo dhagayan abboota manaa ufiitiin ‹Mootichi Arxeeksis mootittii Asxiiniin akka isiin gara isaa dhuftu hennaa waamsise isiin diddee hin hafnee?› jedhan.
18
Worri baallii qaban ka mootummaa Faarisiitii fi Meedoonii dubartoonni waan mootittiin tun goote yoo dhagayan adhuma uduu aduun hin dhiine abbaa manaa ufii irratti uf jajuu jalqaban; dubartoonni biyya keessatti argaman abbaa manaa ufii kabajjuu hin dhiisan. Abboonni manaatii fi haawwonni manaa wol loluu isaaniiti.
19
Mootii kiyya! fedha kee mishaa yoo ta'e, murtii ammaa achi mootittiin Asxiin afoo kee dhiyaachu'uuf akka hin eeyyamamne mudhisu labsi'iin nuu dabarsi. Murtiin kunillee sirimaa ka hin jijjiiramne ta'ee bara baraaf akka jabaatu seera Faarisii fi Meedoonii keessatti akka barreeffamu ajaja nuu dabarsi. Ulfinna mootittii Asxiiniillee dubartii biraa ta isii irra woyya'aatii kenni.
20
Ajanyi mootichaallee badhinna mootummaa isaa maratti hennaa himame dubartoonni maruu abbaa manaa ufii dureessaa fi hiyyeessa uduu hin jenne kabajjan.» jedhe.
21
Gorsi kunillee mootichaa fi manguddoota hin gammachiise; Mootichi akkuma Meemukaan jedhe godhe.
22
Kanaafuu mootichi ajaja, «Abbaan manaa martinuu mana ufii irratti abbaa worraa ta'ee mirga mana ufii ajaju'uu haa qabaatuu!» jedhu afaan maraa fi akkuma seera bareeffamaatiin qophaayee gara biyya maraa akka ergamu godhe.
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 2 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10