bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
Esther 2
Esther 2
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 1
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 3 →
1
Waan kanaan maayessa mootichi Arxeeksis haga aariin isaa qabbanaaye Asxiiniin, waan isiin hojjattee fi waan isi'itti murteessellee qaabate.
2
Kanaaf tajaajiltoonni mooticha tajaajilan mootichaan, «durba babbareeddan mootichaa haa barbaadamanii,
3
bulchiinsa mootummaa keetii keessatti biyyoota gara garaa keessatti worra baallii qaban muudu'uun isaan dubartoota babbareeddan fila'aa qachaa guddoo Suusa'aa keessatti manniin dubartoota babbareeddan keessa jiraachisu'uuf filatametti akka isaan fidan haa taasifamuu; Heegee baallii qabu ka akka mana kana eeguuf ati filatteen haa eeggamanii; isaan akka bareedan haa taasifamanii.
4
Intalti bareedduun mooticha gammachiiftu bikka Asxiinii haa mootuu» jedhaniin. Wonti kun mooticha hin gammachiise; innillee akkasuma godhe.
5
Ilmi Qiisii Ayihuudichi, ilmi Saame'ii, ilmi Iyyaa'irii ka Mardokiyoos jedhamu Biiniyaamtichi gimbii Suusa'aa keessa ture.
6
Innillee nama mootiin Baabiloonii Nabukadanatsoor Yerusaalemiin keessaa mootii Yihuuda'aa Ikooniyaaniin woliin, worra booji'aman booji'amtoota woliin booji'ame ture.
7
Inni Asteerii afaan ibraayisxiitiin Hadaasaa jedhamtu ta abba'aa fi haadha hin qabne intala eessuma ufii guddifatee ture. Isiin hojjaamettii guddiftee bareeddu turte. Haga haatinii fi abbaan isi'ii du'aniin maayessa Mardokiyoos akka mucattii ufii godhee guddifatee ture.
8
Haga ajanyinii fi labsiin mootichaa dhagayame, babbareeddonni baay'een gara gimbii Suusa'aa harka Heege'eetitti haga wolitti qabaman, Asteeriin gara mana mootichaa gara Heegee eedduu dubartootaa fidaniin.
9
Asteer Heegee hin gammachiifte; isa afo'otti gaachena argatte. Uduu yeroon hin dhumanne nyaanni mishaan akka kennamuuf, nafti isi'ii sukkuumamee akka qajeelu godhu'uu fi bareeddinni isi'ii kunuunfamee akka eeggamu murteesse, «Mana dubartoota filatamanii keessaa kutaa maraa caalaa woyya'aa filee kennu'uun dubartoota torbaa mana mootumma'aa keessaa filaman akka isii tajaajilan ramadeef.
10
Waan Mardokiyoos akka waan kana hin dubbanne isii ajajee tureef Asteer banii ufiitii fi gosa ufii hin himanne.
11
Mardokiyoos nageenna Asteeriitii fi waan isi'ii ta'u beeku'uuf guyya guyya'aan kolba mana dubartoota filatamaniitiin asii fi achi deddeebi'a'aa ture.
12
Dubartoota babbareeddan ji'oota kudha lamaaf kunuunsan; kunillee dhaaba nafa isaanii qajeelchu'uuf ji'oota jahaa ka jalqabaa dhadha'aa fi beensoo ansha'aatiin, ji'oota jahan hafetti urgoo urgaaya'aa fi waan qulqulleessu ka gara garaatiin raawwatama ture, akkasuma haga godhameefiif maayessa gara mootichaa gara Arxeeksisii seenu'uuf koreen babbareeddanii hennaa gaye hin kunuunsan ture;
13
akka aadaa kanaatiin bareedduun gara mootichaa seenti ture. Mana dubartootaatii gara mana mootichaa fidu'uuf waan isiin barbaaddu maraa kennaniif turte.
14
Galgala gala'aa turte; hennaa bari'u deebitee gara mana dubartootaa ka biraa ka lammeesso'oo gara tajaajilaa mootichaa ka mata galtoota eeguu gara Sha'ashgaazii dhufa'aa turte. Yoo mootichi ka hin jaalanne ta'e, yoo ka maqaa isi'iitiin hin waamne ta'e, sanii achi gara mootichaa hin deebitu turte.
15
Gara mootichaa akka seentuuf koreen Asteerii mucattii Abikaa'elii ta eessumni isi'ii Mardokiyoosii hennaa gaye, waan Heegeen eedduun dubartootaa hojjataan mootichaa jedhuu achi isiin womaa hin barbaanne ture; Asteer ka isii laalu maraa afo'otti gaachena argattee turte.
16
Kanaafuu Arxeeksis mooyee woggaa torbeesso'oo ji'a kudha lammeesso'oo ka Adaar jedhamutti Asteeriin gara mana mootichaa fidan.
17
Mootichi durba maraa caalaa Asteeriin jaalate. Isiin ija isaa afo'otti durba maraa caalaa gaachenaa fi jaalala argatte. Gulloo ulfinnaa ka mootummaa ufii mataa isi'iititti gonfee bikka Asxiinii isii moosise.
18
Achiin maayessa mootichi ulfinna Asteeriitiif gorsitootaa fi tajaajiltoota ufii ka baallii qaban maraaf guyyaa torbaaf affeerraa guddaa godhe. Biyyoota bulchiinsa isaa keessa jiran maraa keessatti ayyaanni gammachuu gudda'aa akka ayyaanteffamu labse; mootichi haguma arjummaa ufiitiin kennaa kenne.
19
Hennaa durbi lammeesso'oof wol gayan balbala mootichaa afo'otti Mardokiyoosii baalliin kennameefii ture.
20
Asteer nama Ayihuudi'ii akka taate uf hin himne turte. Mardokiyoos kana eennuttillee akka hin himne sirri'itti itti himee uf eeggachiisee waan tureef. Isiin hennaa daa'imumma'aa isa harka hennaa jirtu, akkuma waa maraanuu isaa ajajama'aa turte, ammallee waan kanaafillee hin ajajamteef.
21
Ji'oota sanniin keessa Mardokiyoos balbala mootichaatitti hujii irra uduu jiru, worra eeddota balbala mootichaa keessaa worri baallii qaban lamaan Gabata'aa fi Taaraan mooticha Mardokiyoositti diina ta'anii isa ajjeesu'uuf itti ka'anii turan.
22
Mardokiyoos akka isaan waan kana yaadan dhagayee mootittii Asteeritti hime; isiinillee dhossaa kana maqaa Mardokiyoosiitiin mootichatti himte.
23
Dubbiinillee qoratamee dhugaa ta'ee argame. Kanaafuu jara dhibduu sanniin lamaanuu muka irratti fannisanii ajjeesan. Mootichi akka wonti kun kitaaba seena'aa ka mootichaa keessatti barreeffamee taa'u ajaja dabarse.
← Chapter 1
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 3 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10