bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
Esther 7
Esther 7
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 6
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 8 →
1
Mootichinii fi Haamaan gara nyaachisa mootittiin Asteer qopheessitee dhaqan.
2
Guyyaa lammeesso'ootitti mootichi uduu affeerraa daadhii woyini'ii irra jiru Asteeriin, «Mootittii Asteer! maal na kadhatta? sii kennamaa wonti feetu maali'i? wodhakkaa mootummaa kiyyaallee yoo ta'e sii godhamaa» isi'iin jedhe.
3
Mootittiin Asteer deebiftee mootichaan, «Mootii kiyya! si biratti yoo gaachena argadhee jiraadhe, yoo mooticha gammachiisa ta'e ani akka jiraadhu; baniin kiyyallee akka jiraatan haa ta'u,
4
Anii fi baniin kiyya garbumma'atti gurguramuun keenna hanqatee badi'ii fi dhumti nutti murteeffameera, uduu garbumma'atti gurguramuu callaa ta'ee silaa hin cadhisa, sillee hin rakkisu ture» jette.
5
Mootichi Arxeeksis mootittii Asteeriin, «Ka waan kana godhu'uuf gara'aan ugge eennu? eessa jiralle'e?» jedhee isi'itti dubbate.
6
Asteerillee, «Haamaa diintichaa dharticha san» jette. Haamaan mootichaa fi mootittii afo'otti hin naye.
7
Mootichillee aaree daadhii woyini'ii ka dhuga'aaru dhiisee ka'ee gara dawoo biqiltuu mana mootichaa keessa deeme. Haamaanillee mooticha biraa akka wonti hamaan itti yaadame waan beekeef lubbuu ufii hambisu'uuf mootittii Asteeriin kadhachu'uuf achumatti hafe.
8
Mootichi dawoo biqiltu'uu keessaa gara affeerraa daadhii woyini'ii hennaa deebi'u, Haamaan siree Asteer irra jirtu irratti kufee ture. Mootichi, «Namni kun mana mootumma'aa kiyya keessatti, uduu ijji tiyya argitu, mootittii ugguu barbaadaa?» jedhee itti iyye. Akkuma wonti kun afaan mootichaatii bayeen yoma san worri qaamni uumataniin hin hojjanneef fuula Haama'aa dhossan.
9
Isaan keessaa tokkochi hojjataan mootichaa ijoon ka Harboonaa jedhamu mootichaan, «Mootii'i! Haamaan bee Mardokiyoosii nama asiin dura du'a irraa si hambise fannisee du'aan adabu'uuf jirma dheerinni ciqilee shantamaa ta'u mana ufii keessatti qopheesseera.» jedhee dubbate. Mootichillee, «Haamaa fida'aa jirma san irratti fannisaa'a» jedhee ajaje.
10
Kanaaf jirma Haamaan Mardokiyoosiin irratti fannisu'uuf qopheesse irratti fannifame; achiin maayessa aariin mootichaa hin qabbanaaye.
← Chapter 6
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 8 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10