bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
Esther 4
Esther 4
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 3
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 5 →
1
Mardokiyoos waan godhame maraa haga beeke uffata ufii biinxee, uffata gaddaa uffatee, daaraa uf irratti firfirsee qachaa wodhakka'atti bayee guddisee mararamee booye.
2
Uffata gaddaa uffatee balbala mootichaatiin seenuun waan hin danda'amneef haguma balbalaa deeme.
3
Biyya ajanyinii fi labsiin mootichaa gaye maratti worra Ayihuudi'ii irratti gadda guddaa, booyichaa fi iyyatu ta'e. Namoonni hedduu soomanii, uffata gaddaa uffatanii daaraa ufitti firfirsanii taa'an.
4
Hojjattoonni Asteeriitii fi worri baalli qaban ka isii eegan dhaqanii Asteeritti himan. Mootittiinillee guddiftee gaddite. Uffata gaddaa mulqatee uffata biraa akka jijjiiratu Mardokiyoosii ergite. Inni ammo hin dide.
5
Kanaan maayessa Asteer worra ijoo mooticha tajaajilan ka baallii qaban keessaa ka mootichi akka isii tajaajiluuf ramade Hataakiin waamtee inni Mardokiyoosiin bira dhaqee maaltu akka isa irra gaye beeku'uuf ergite.
6
Hataakillee balbala seensa mootichaa ta gara baya balbala qachatti'iititti ta itti gad bayaniitiin gara Mardokiyoosii dhaqe.
7
Mardokiyoosillee waan godhame maraa, akka Haamaan Ayihuudota balleessu'uuf mana galmee qabeennaatitti godhu'uuf ta'u laakkobsa birri'iillee itti hime.
8
Garagalcha labsii barreeffamaa ka gimbii Suusa'aa keessattii himame, ka akka isaan dhuman ibsu akka Asteeritti mudhisu isatti kenne; Asteer waan banii ufiitiif gara mootichaa seentee akka kadhattuu fi worwaattu akka isi'itti himuu fi ajaju itti hime.
9
Hataakillee dhaqee waan Mardokiyoos dubbate Asteeritti hime.
10
Asteerillee Hataakiin akkana jettee Mardokiyoositti ergaa ergite,
11
«Worri baallii qaban ka mootichaatii fi baniin biyya keessa jiraatan maruu dhiirti yookaan intalti namni uduu hin waamamne gola mana mootichaa keessa ol seenu maruu yoo mootichi ulee worqi'ii itti hiixate malee akka ajjeefaman hin beekan. Ani garuu uduu hin waamamne kunoo guyyaan soddomaa lufeera.»
12
Hataakillee ergaa Asteerii Mardokiyoositti hime.
13
Mardokiyoos Hataakiin, deemiitii Asteeriin akkana jedhi jedheen. «Ati waan mana mootichaa keessa jiruuf Ayihuudota mara keessaa hafa jettee onnee tee keessatti hin yaadin.
14
Hennaa kanatti ati yoo mooji jette Ayihuudotaaf gargaarsinii fi fayyinni hulee biraatii hin dhufaaf. Atii fi manni abbaa keetii garuu hin baddan. Ati garuu wonti gara mootummaa kanaa dhufteef guyyaa akkanaa kanaaf yoo ta'e maaltu beeka?»
15
Asteerillee akka inni akkana jedhee Mardokiyoosii deebisu ajajjeen.
16
«Deemii Ayihuudota Suusaa keessa jiran maraa wolitti qabi, naaf soomaa'a, kadhadhaa'a, guyyaa sadihiif halkanii fi guyyaa hin nyaatinaa'a, hin dhuginaa'a, anii fi hojjattoonni tiyyallee akkasuma hin soomna. Yoma seeraan alallee ta'e mooticha bira hin seena; yoo badellee hin bada.»
17
Mardokiyoosillee deemee akka Asteer isa ajajje maraa godhe.
← Chapter 3
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 5 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10