bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
Esther 3
Esther 3
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 2
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 4 →
1
Waan kanaan maayessa mootichi Arxeeksis Hagaagichi ilma Hamadaatu'uu Haamaa hin kabajjeen; ulfinna kenneef. Teessoo isaallee worra baallii qaban ka isa woliin jiran maraayyuu ol godheef.
2
Mootichi waan isaatiif waan ajajeeruuf worri baallii qaban ka mootichaa worri balbala mootichaa irra jiran maruu kufanii Haama'aa sagada'aa turan; Mardokiyoos garuu kufee hin saganneef.
3
hojjattoonni mootichaa worri balbala mootichaa irra jiran maruu Mardokiyoosiin, «ajaja mootichaa maaf diidda?» jedhaniin.
4
Waan kana guyyama guyya'aan isatti himan, inni garuu isaan hin dhageenne; inni nama Ayihuudi'ii akka ta'e waan isaanitti himee tureef kanaafuu amalli Mardokiyoosii haga yoomii akka itti fufu laalu'uuf isaan waan kana Haama'atti himan.
5
Haamaan akka Mardokiyoos kufee isaa hin saganne haga arge guddisee lole.
6
Gosa Mardokiyoosii waan itti himanii turaniif Mardokiyoosiin ajjeessuun qofaan akka gayaa hin taane hubate. Haamaan banii Mardokiyoosii ka mootummaa Arxeeksisii keessa jiran Ayihuudota maraa balleessuu barbaade.
7
Arxeeksis mooyee woggaa kudha lammeesso'oo ji'a jalqabaa ka Niisaan jedhamuu jalqabee guyya guyya'aa fi ji'a ji'aan haga ji'a kudha lammeesso'oo ka Adaar jedhamuu Haamaa afo'otti hixaa fuur jedhamu ka akka Ayihuudonni badaniif buusan hujii irra oolchu'uuf guyyaanii fi jiini mijaayan kamiin akka ta'e akka beekkamuuf ajaja kenne; akkaatama hixa'aatiin ji'a kudha lammeesso'oo ka Adaar jedhamu guyyaa kudha sadeesso'ootitti akka ta'u murteeffame.
8
Haamaanillee mootii Arxeeksisiin, «Bulchiinsa mootummaa keetii keessa banii tokko ka biyyoota gara garaa keessa bittinnaayanii jiraatantu jira; Seerri isaanii seera banii maraa irraa adda. Seera mootichaa hin eegan; mootichillee isaan dhiisuu hin qabu,
9
yoo mootichi tole jedhe akka badu haa barreeffamuu; anillee gara mana galme'ee akka seensisan kennaa birri'ii kuma kudhan worra hujii mootichaa hojjatanii kenna» jedheen.
10
Mootichillee qubee harkaa baafatee Haamaa diina Ayihuudotaa hagaagicha ilma Hamadaatu'uutii kenne.
11
Mootichi Haama'aan, «Waan si gammachiisu akka isaan irratti gootu birri'ii fi baniinillee sii kennameera» jedheen.
12
Ji'a jalqabaa guyyaa kudha sadeesso'ootitti barreessitoonni mootichaa waamaman. Hindii jalqabee haga Itoophiya'aa biyyoota dhibba tokkoo fi diddamii torbaa marattuu, gara banii Yihuudota hin taane marattuu, gara bulchoota biyya maraatittuu akkuma afaan isaaniitiin jecha mootii Arxeeksisii akkuma Haamaan jedhe barreeffamee qubeen mootichaa irratti chaappeeffame.
13
Ji'a kudha lammeesso'oo ka Adaar jedhamu guyyaa kudha sadeesso'ootitti Ayihuudota maraa ijoollee, manguddoota, daa'immanii fi dubartoota guyyaa tokkotti akka balleessanii fi akka ajjeesan, akka barbadeessan, boojuu isaaniillee akka saaman xalayaan harka ergamtootaatiin gara biyyoota mootichaa maratti ergaman.
14
Guyyaan haagana'aa sun hennaa gaye namni maruu akka qophaayu, xalayoota dubbisu'uuf hulee namaa tolutti bulchiinsa mootii moototaa maraa irratti akka maxxanfamu mootichi hin ajaje.
15
Ajaja mootichaatiin ariifata'aa deeman. Labsiinillee gimbii Suusa'aatitti himame; qachattiin Suusa'aa raafama guddaa keessa uduu jirtu mootichinii fi Haamaan garuu dhugu'uuf taa'an.
← Chapter 2
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 4 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10