bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
Esther 5
Esther 5
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 4
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 6 →
1
Guyyaa sadeesso'ootittillee Asteer uffata mootummaa ufii uffattee kolba teessoo kutaa mana mootichaa keessa dhaabatte. Mootichillee mana mootummaa ufii keessa kolba seensaa afo'oon taa'aa ture.
2
Mootichi mootittiin Asteer kolba seensaatiin ka dhaabatteertu hennaa arge isa afo'otti gaachena argatte. Mootichillee ulee worqi'ii ka harkaa qabu Asteeritti hiixate. Asteer dhiyaattee qaccee ule'ee tuxxe.
3
Mootichi, «Mootittii Asteer! maal na kadhatta? waan barbaaddu wodhakkaa mootummaa kiyyaallee yoo ta'e sii kennaa» jedheen.
4
Asteerillee mootichaan, «Yoo fedha kee ta'e affeerraa ani mootichaaf qopheesse irratti Haamaa woliin koottaa'a» jetteen.
5
Mootichillee, «Akkuma Asteer jette akka godhamu daddafa'aa Haamaa waamaa'a» jedhe. Mootichinii fi Haamaan gara affeerraa Asteer qopheessitee dhufan.
6
Mootichi affeerraa daadhii woyini'ii irra uduu jiru Asteeriin, «Wonti ati barbaaddu maali'i? sii kennamaa kadhaan kee maali'i? haga wodhakkaa mootummaa kiyyaallee yoo ta'e sii kennama» isi'iin jedhe.
7
Asteerillee deebiftee, «Kadhaan kiyyaa fi wonti ani barbaadu kana.
8
Mooticha biratti yoo gaachena argadhee jiraadhe akka kadhaan kiyya raawwatamu, waan barbaadullee akka godhu, yoo mooticha gammachiisee jiraadhe mootichinii fi Haamaan boru deebitanii gara affeerraa ani qopheessee akka dhuftan.» jette.
9
Guyyaa san Haamaan garaa ufii keessatti guddisee gammadee baye. Haa ta'uu ammo Mardokiyoos ka balbala mootichaa jiru ol ka'uu didu'uu fi sodaa malee akka taa'eeru haga arge, Haamaan Mardokiyoositti guddisee aare.
10
Haamaan garuu obsee gara mana ufii deeme. Nama ergee jaalalloota ufiitii fi haadha manaa ufii Zereshiin waamsise.
11
Haamaan ulfinna qabeenna ufiitii fi baay'inna ijoollee ufii, ulfinna mootichi isa ulfeesseen maraa, jaarsotaa fi worra baallii qaban ka mootichaa biratti akka kabajjeen isaanitti odeesse.
12
Haamaan, «Gara affeerraa mootittiin Asteer qopheessitee anaan alatti mooticha woliin eennuunillee hin waamne. Borullee mooticha woliin waamameera;
13
garuu Mardokiyoosiin Ayihuudichi balbala mootichaa taa'ee hennaa argu ulfinni kun maruu anaaf womaa hin fayyadu» jedhe.
14
Kanaafuu Haati manaa isaa Zereshii fi jaalalloonni isaa maruu «Jirma dheerinni isaa ciqilee shantamaa ta'u qopheessii boru akka Mardokiyoos itti fannifamu mootichatti himi; gammada'aa mooticha woliin gara affeerra'aa seeni» jedhaniin. Wonti isaan jedhan Haamaa gammachiise, jirmallee hin qopheesse.
← Chapter 4
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 6 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10