bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
Esther 8
Esther 8
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 7
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 9 →
1
Guyyaa san mootichi Arxeeksis qabeenna Haama'aa maraa ka diinticha Ayihuudotaa mootittii Asteeriif kenne; Asteerillee Mardokiyoos isi'iif maal akka ta'e waan itti himtee turteef inni mooticha bira seene.
2
Mootichillee qubee Haamaa irraa baase Mardokiyoosii kenne. Asteerillee mana Haama'aa irratti Mardokiyoosiin muudde.
3
Achiin maayessa Asteer booya'aa luka mootichaa irratti kuftee ammallee waan hamaa Haamaan gosa Agaagii Ayihuudota irratti godhe kana mootichi akka kaasu kadhatteen.
4
Mootichillee ulee worqi'ii Asteeritti hiixate. Asteerillee kaatee mooticha afoo dhaabattee,
5
«Yoo mooticha ka gammachiisu ta'e, isa afo'ottillee yoo gaachena argadhee jiraadhe, wonti kunillee isa afo'otti yoo qajeelaa ta'e, anillee isa afo'otti yoo jaalatamee jiraadhe ilmi Hamadaatu'uu Agaagichi Haamaan biyya mootichaa maraa keessatti Ayihuudota jiran balleessu'uuf dharri inni barreesse akka gara galu haa barreeffamuu,
6
Ani waan hamaa banii kiyya irratti ta'u arga'aa attamitti cadhisuu danda'a? yookaan uduu baniin kiyya dhumu attamitti arga'aa cadhisa?» jette.
7
Achiin maayessa mootichi Arxeeksis mootittii Asteerii fi Mardokiyoosii Ayihuudichaan, «Kunoo waan hamaa Haamaan worra Ayihuudotaa irratti godheef akka jirma irratti isa fannisiisee fi qabeenna isaa maraa akka Asteerii kenne hin beekkama,
8
Wonti maqaa mootichaatiin barreeffamee fi ka qubee mootichaa irratti chaappeeffame waan hin jijjiiramneef isin garuu waan isinitti tole maqaa mootichaatiin waan Ayihuudotaa barreessaa'a, qubee mootichaatiin chaappeessaa'a» isaaniin jedhe.
9
Wonti kun ka ta'e jiini sadeesso'oo ka Niisaan jedhamee waamamu seenee guyyaa diddamii sadeesso'ootitti. Mardokiyoos barreessitoota mootichaa maraa waamee xalayaa Ayihuudotaafillee akka afaan isaaniitiin, bulchoota biyyoota Hindii haga Itoophiya'aa jiran biyyoota dhibba tokkoo fi diddamii torbaa bulchan, bulchoota biyyaatii fi worroota baallii qabaniif ergamu barreessisiise. Xalayoota afaan biyya maraatiif akka seera barreeffama Ayihuudotaatiif afaan isaaniitiin tooyatanii akka barreeffamu godhame.
10
Mardokiyoos xalayaa kana maqaa mootii Arxeeksisiitiin barreessisiise qubee mootichaatiinillee hin chaappeesse. Xalayaallee worra ergamtoota ka faradoo moonaa mootichaatitti dhalatan yaabbatan ka hujii mootichaa ariifachiisu'uuf filatamaniin erge.
11
Labsiin mootichaa Ayihuudonni qachattii keessa jiraatan maruu wol gayanii akka diina uf irraa ittisan, akkasuma worra isaan, haawwota manaa isaaniitii fi ijoollee isaanii maraa irra balaa buusan worra meeshaa woraanaa hidhate akka ajjeesan, akka balleessanii fi qabeenna isaanii maraa akka saaman isaanii eeyyame.
12
Kunillee ji'a Adaar jedhamu ji'a kudha lammeesso'oo guyyaa kudha sadeesso'ootitti biyya mooticha Arxeeksisii maratti guyyaa tokkotti akka raawwatamuuf.
13
Ayihuudonni diina ufiititti tarkaanfii fudhatu'uuf guyyaa san akka qophaayan garagalchi xalayichaa banii biyyoota san keessa jiran maraaf labsame.
14
Faradoo arreedan ka mootichaan akka tajaajilaniif filataman ajaja mootichaatiin yaabbatanii hollata'aa, ariifata'aa deemanii labsiin akka gimbii Suusa'aatitti himamu taasisan.
15
Mardokiyoos uffata ulfinnaa ka bifa bule'ee fi haarrii adi'iin hojjatame uffatee, kennaa worqi'ii guddaa godhatee, uffata laafaa, uffata diimaa dhiilgee irraa hojjatame uffatee mooticha biraa baye; qachaan Suusa'aallee gammaddee ililfatte.
16
Sababaa kanaaf Ayihuudotaa ifa, gammachuu, usheexu'uu fi ulfinnatu ta'e.
17
Biyyaa fi qachaa ajanyinii fi labsiin mootichaa gaye maratti Ayihuudotaaf gammachuu usheexxu'uu fi guyyaa affeerra'aa, guyyaa mishaa isaanii ta'e. Ayihuudota waan sodaataniif worra Yihuudii hin taane keessaa namoonni baay'een amantii Ayihuudi'ii fudhatan.
← Chapter 7
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 9 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10