bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
Esther 6
Esther 6
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 5
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 7 →
1
Halkan san mooticha hirribni hin dide; kanaafuu kitaaba seenaa baraa akka isaa fidan ajaje. Isaanillee fidanii isaa dubbisan.
2
Worra baallii qaban ka mootichaa ka balbala mootichaa eegan keessaa lamaan Gabata'aa fi Taaraan mootii Arxeeksisiin ajjeesuu akka yaaliin taasifame akka Mardokiyoos dhossaa baase ka barreeffameeru argame.
3
Mootichillee, «Waan kanaaf Mardokiyoosiif ulfinna mishaa maaltu godhameef?» jedhe. Worri baallii qaban ka mootichaa, «Womaa hin godhamneef» jedhaniin.
4
Mootichillee, «Galma keessa eentu jira?» jedhe. Hennaa san Haamaan jirma qopheesse irratti Mardokiyoosiin fannisu'uuf mootichatti himu'uuf gara mana mootichaa gara galma diidaa seenee ture.
5
Worri baallii qaban ka mootichaallee, «Kunoo Haamaan galma keessa dhaabateera» jedhaniin. Mootichillee, «Seeni jedha'aan» jedhe. Haamaanillee hin seene.
6
Mootichillee Haama'aan, «Nama mootichi kabajjuu barbaaduu maaltu haa godhamu?» jedheen. Haamaan garaa ufii keessatti mootichi ana malee eennuun kabajjuu barbaada? jedhe.
7
Haamaan mootichaan, «Nama mootichi kabajjuu barbaaduu akkana haa godhamuu,
8
Uffata ulfinnaa ka mootichaa itti haa uwwisanii, fardi mootichi yaabbatu haa dhufuufii, gulloon mootichaallee mataa isaa irratti haa godhamuu.
9
Worra baallii qaban ka mootichaa ijoo keessaa tokkocha waamsiftee uffanni mootumma'aallee itti kennamee farda qophaayeef yaabbisanii afoo isaa deema'aa gara baya qachatti'ii baasanii ‹nama mootichi ulfeessuu barbaadee akkanatu ta'aaf› jedha'aa labsii labsa'aa haa dubbatuu» jedheen.
10
Mootichi Haama'aan, «Daddafii akkuma dubbatte uffataa fi farda fuudhii nama balbala mootichaa afoo taa'u Mardokiyoosii Ayihuudichaa waan dubbatte keessaa uduu womaa hin dhidhisin akkasuma godhiif» jedheen.
11
Kanaafuu Haamaan uffataa fi farda fuudhe. Uffata Mardokiyoositti uwwisee, farda irra kaayee, balbala baya qachatti'iititti afoo isaa deema'aa «Nama mootichi ulfeessuu barbaadu akkanatti kabajjan!» jedha'aa labsii labse.
12
Mardokiyoosillee gara balbala mootichaa deebi'e. Haamaan garuu gaddee fuulatti haguuggatee, daddafee gara mana ufii lixe.
13
Haamaan haadha manaa ufii Zereshii fi jaalalloota ufii maraa waan isa irra gaye maraa isaanitti hime. Worri ogeeyyiinii fi haati manaa isaa Zereshillee, «Ka afoo isaatitti kufuu jalqabde kun Mardokiyoosii gosa Ayihuudotaa yoo ta'e sirima afoo isaatitti hin mooyatamta malee hin mooyattuun» jedhaniin.
14
Uduma isatti hima'aaran, namoonni baallii qaban ka mootichaa hin dhufan; gara affeerraa Asteer qopheessitee haa dhufu'uuf Haamaa ariifachiisan.
← Chapter 5
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 7 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10