bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
Joshua 1
Joshua 1
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 2 →
1
Garbichi Rabbii Muuseen haga du'een maayessa Rabbi gargaaraa Muuse'ee ilma Nawwe'ee Iyyaasu'uun akkana jedhe,
2
«Garbichi kiyya Muuseen du'eeraa ka'iitii atii fi baniin kun gara lafa ani ijoollee Israa'eliitii kennuu Yoordaanosiin gama ceeyaa'a.
3
Akkuma Muuse'ee waadaa galetti lafa luka teessaniin ejjattan maraa isinii kenneeraa.
4
Libaanosii kana irraa jalqabdanii haga lafa gammoojji'ii laga guddaa Efraaxisii lafti Keexotaa maruu haga dhiyaa, haga galaana gudda'aatitti daangaa keessan ta'a.
5
Bara jireenna keetii maraa eennullee si hin danda'u; akkuma Muusee woliin ta'e si woliinillee hin ta'a; si hin gatu; si hin dhiisu.
6
Lafa abboota keessanii hin kenna jedhee isaanii kakadhe banii kana waan dhaalchiftuuf cimi; guddisii jabaadhu.
7
Seera garbichi kiyya Muuseen si ajaje maraa eegii raawwadhu. Karaa deemtu marattuu akka sii qajeelu seera kana irraa bita'aa fi mirga hin jedhin.
8
Seerri kitaaba kanaa afaan kee keessaa hin dhabamin! waan barreeffame maraa eeddee akka gootu halkanii guyyaa yaadi; yoo san karaan kee sii qajeela; wonti maruu sii ta'a.
9
Karaa deemtu marattuu Rabbi Waandhi kee waan si woliin jiruuf cimi; jabaadhu! hin sodaatin! hin nayin! jedhee si hin ajanyee?» jedheen.
10
Achiin maayessa Iyyaasuunillee bulchoota bani'iitiin, «Gandoota keessa lufaa'a; bani'iinillee gara biyya Rabbi Waandhi keessan lafa dhaalaa godhee isinii kennuu haga guyyaa sadihii Yoordaanosiin ceetanii dhaalu'uuf itti galtaniif dhalee keessan qopheeffadhaa'a jedha'aa isaan ajajaa jedhee isaan ajaje.› »
12
Iyyaasuun ijoollee Roobeelii, ijoollee Gaadiitii fi wodhakkaa gosa Minaase'ee akkana jedhee isaanitti hime.
13
«Jecha garbichi Rabbii Muuseen isin ajaje yaadadhaa'a; Rabbi Waandhi keessan hara isin baafachisa; lafa tanallee isinii kenna.
14
Haawwonni manaa teessan, ijoolleen teessanii fi horiin keessan lafa Muuseen Yoordaanosiin gamatti isinii kenne keessa haa jiraatanii; isin garuu worri jajjabaan maruu hiriira'aatii obboleewwan keessan afo'otti ceeya'aatii isaan gargaaraa'a.
15
Akkuma Rabbi hara isin baafachiise akkasuma haga obboleewwan keessan hara baafachiisuuf isaanillee akkasuma lafa Rabbi Waandhi keessan isaanii kennu haga dhaalanitti lafa garbichi Rabbii Muuseen gara baya biiftu'uutitti isinii kennetti deebitanii dhaaltan» isaaniin jedhe.
16
Isaanillee akkana jedhanii Iyyaasu'uu deebisan; «Waan ati nu ajaje maraa hin goona; gara ati nu ergitu maraa hin deemna.
17
Akkuma waa maraanuu Muuse'ee ajajamne, siillee akkasuma hin ajajamnaa; garuu Rabbi Waandhi Muusee woliin ture sun akkasuma si woliinillee haa ta'u.
18
Namni ajaja kee mormu maruu, ka waan ati ajajju hin dhageenne inni haa ajjeefamuu; ati garuu jabaadhu!»
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 2 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24