bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
Joshua 11
Joshua 11
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 10
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 12 →
1
Mootiin Aasoorii Iyyaabiis haga waan kana dhagaye, gara mootii Maadoonii, gara mootii Yoobaabii, gara mootii shimroonii, gara mootii Asifiimii,
2
gara mirgaatiin gara biyya gaaraa, gara Keenereetii, gara bita'aatiin Araba, gammoojjii gara cinaa dhiyaatiin, gara worra tulluu Doorii jiranii,
3
Gara baya biiftu'uutii fi gara dhiyaatiin jiruu gara Kana'aanotaa, Amoorotaa, Keexotaa, Feerzotaa, Iyyaabusootaatii fi gara gadiitiin Eewwota gara Mitsipha'aatitti erge.
4
Kunniin maruu loltoota ufii baay'ee guddaa, worra fardaatii fi worra konkolaataa fardaa woliin bayan; laakkobsi banii bayeellee akka xidhacha daangaa galaanaa baay'ata ture.
5
Mootonni kunniin maruu wol gayanii Israa'eliin lolu'uuf dhufanii burqaa Maaroon laddatti quphatan.
6
Rabbi Iyyaasu'uun, «Boru hennaa akkanaa namoota maraa akka waan du'aniititti dabarsee ijoollee Israa'eliititti waan kennuuf isaan hin sodaatin; moorgaya luka faradoo isaanii hin kutta, konkolaataa isaanii ka fardaallee ibiddaan gubda» jedheen.
7
Achiin maayessa Iyyaasuun loltoota isaa maraa woliin gara ladda bisaan Maarooniititti isaanitti dhufee balaa isaanitti buuse.
8
Rabbillee harka Israa'eliititti dabarsee isaan kenne; isaanillee isaan dhayanii Siidoonaa gudditti'ii haga Maaseroonii baya biiftu'uutiin jirtu haga gara dhooqa Mitsipha'aa isaan ari'anii eennuunillee uduu hin hambisin isaan fixan.
9
Iyyaasuunillee akkuma Rabbi isa ajaje godhe, Moorgaya luka faradoo isaanii hin kukkute, konkolaataa isaanii ka fardaa ibiddaan gube.
10
Achiin maayessa Iyyaasuun deebi'ee qachaa Aasoorii qabatee mootii isi'ii guraade'een ajjeese; Aasoor asiin dura qachaa guddittii mootota tanaa turte.
11
Worra isii keessa jiru maraa tokkollee uduu hin hafin guraade'een fixanii sirima isaan balleessan, waan lubbuu qabu maraa hin hambifne, Aasooriin ibiddaan gube.
12
Akkuma garbichi Rabbii Muuseen Iyyaasuu ajaje qachoota mootota kanniinii mara, mootota isaanii maraa qabatee guraade'een isaan dhayee sirima isaan balleesse.
13
Israa'el qachoota goodda irra jiran maraa hin gubne; garuu Israa'el Aasooriin callaa gube.
14
Ijoolleen Israa'elii horii qachoota kanniin keessa jiru maraa hin booji'an; namoota maraa dhayanii guraade'een fixan; waan lubbuu qabu maraa womaa hin hambifne.
15
Akkuma Rabbi garbicha ufii Muusee ajaje, Muuseenillee Iyyaasuu ajajetti Iyyaasuunillee akkasuma godhe; waan Rabbi Muusee ajaje maraa keessaa tokkollee hin hambifne.
16
Iyyaasuun lafa san maraa, gaara, biyya Gosoomii, gammoojjii Arabaatii fi gaara Israa'elii ka lafa gammoojji'ii maraa qabatee,
17
haga gaara Seeyirii irraa ka'uu gaara Ermooniitii gadii jalqabee haga dhooqa Libaanosiin keessa jiruu mootota haga Algaadii jiran maraa dhayee isaan fixe.
18
Iyyaasuun bara baay'e'eef mootota kanniin maraa woliin wol lola'aa ture.
19
Eewwotaa Gabaa'ooniin keessa jiraataniin alatti qachattiin ijoollee Israa'elii woliin wolii galte tokkollee hin jirtu; Maraa lolaan qabatan.
20
Akkuma Rabbi Muusee ajaje akka isaan balleessanii fi gaachenallee akka isaan hin arganne sirima akka isaan balleessan, akka lapheen isaanii jabaatee Israa'eliin wol lolan Rabbi godhe.
21
Hennaa san Iyyaasuun dhaqee biyya gaaraa Keebroon, Daabeer, Aanaab, gaara Israa'elii, gaara Yihuuda'aatii achi ijoollee Eenaaqii ajjeesee qachoota isaanii woliin sirima balleesse.
22
Gaazaa, Geetii fi Azaaxoonitti namoonni hagoon hafan malee biyya Israa'elii keessatti ijoollee Eenaaqii keessaa homaa hin hafne.
23
Akkuma Rabbi Muuse'etti hime Iyyaasuun biyya maraa fudhatee worra Israa'eliitii fi akkuma gosa isaaniititti biyya maraa isaanii kenne, achiin maayessa lolli biyya maraa irraa dhaabate.
← Chapter 10
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 12 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24