bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
Joshua 23
Joshua 23
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 22
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 24 →
1
Bara hedduun maayessa akkana ta'e; haga Rabbi Israa'eliin diintota naannoo isaanii jiran maraa irraa isaan hara baafachiiseen maayessa, hennaa Iyyaasuun nama guddaa ta'ee jaaretti,
2
Iyyaasuun worra Israa'elii jaarsota isaanii, bulchoota isaanii, abboota murti'iitii fi worra isaan bulchan maraa ufitti waamee, «Ani nama guddaa ta'ee jaareera;
3
isin waan Rabbi Waandhi keessan waan keessanii fi banii ormaa irratti godhe maraa argitaniirtan; Waan keessaniif ka isinii lole Rabbii Waaqa keessan kana;
4
kunoo akkuma ani worra ormaa maraa balleesseen laga Yoordaanosiitii jalqabee haga galaana guddaa gara dhiyaatiin jiruu, gosa keessaniif akka ta'u lafa worra ormaa kanniin maraa hixa'aan isinii qoodeera;
5
Rabbi Waandhi keessan isaan afoo keessanii hunna ufii jaba'aan ari'ee isaan bittinneessa; akkuma Rabbi Waandhi keessan isinitti dubbate lafa isaanii hin dhaaltan.
6
Kanaafuu waan kitaaba seera Muuse'ee keessatti barreeffame akka eeddanii raawwattan guddisa'aa jabaadhaa'a; kana irraa bita'aa fi mirgaa hin gorinaa'a.
7
Gara worra ormaa ka jidduu keessanitti hafaniiranii hin seeninaa'a; maqaa waaqa tolfamaa isaanii hin waaminaa'a, isaan hin kakatinaa'a, hin waaqeffatinaa'a, hin sagadina'aafille'e.
8
Akkuma haga adhaa godha'aa turtan sanitti gara Rabbii Waaqa keessanii dhiyaadhaa male.
9
Rabbi orma gugurda'aa fi jajjabaa isin afo'oo ari'ee baaseera; kanaaf haga adhaa eennullee isin hin dandeenne.
10
Akkuma Rabbi Waandhi keessan isinitti dubbate ka isinii lolu isa waan ta'eef isin keessaa namni tokkochi nama kuma ari'a.
11
Kanaafuu isin Rabbii Waaqa keessan akka jaalattan guddisa'aa uf eegaa'a.
12
Isin garuu yoo duubatti deebitanii worra ormaa ka isin jidduu jiru sanitti siixxanii isaan irraa fuutan, isaanillee yoo isin irraa fuudhan Rabbi Waandhi keessan haga isin biyyattii michuu tana keessaa baddanitti kufaati'ii fi sakaallaa, qilee isin itti kuftan dirra keessaniif akka shabbeena nama madeessuu, ija teessanitti akka qoree nama woraanuu isinitti ta'an malee,
13
Rabbi Waandhi keessan ammaa achi orma kanniin sirima isin afo'oo ari'ee akka hin baafne beekaa'a.
14
«Ani amma isin biraa gara garaa lafaa deema'aara isinillee waan Rabbi waan keessan waan mishaa jedhe maraa keessaa tokkollee akka hin hafne lubbuun teessanii fi onneen teessan haa beettuu; wonti isiniin jedhan maruu isinii raawwatameera; sanniin keessaa tokkollee hin hafne.
15
Rabbi Waandhi keessan akkuma wonti mishaan inni dubbate maruu isinii ta'e akkasuma biyyattii michuu tana keessaa haga isin balleessutti waan badaa maraa isinitti fida.
16
Yoo ajaja Rabbi Waandhi keessan isin ajaje diiddanii waaqolee tolfamaa biraa waaqeffattanii sagaddaniif, yoma san lolli Rabbii isin irratti bu'a; biyya michuu inni isinii kennu irraallee daddaftanii baddan» isaaniin jedhe.
← Chapter 22
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 24 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24