bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
Joshua 8
Joshua 8
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 7
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 9 →
1
Kanaan maayessa Rabbi Iyyaasu'uun, «Hin sodaatin, hin nayin, loltoota tee maraa qabadhuutii gara Gaayii dhaqii laalii mootii Gaayiitii fi banii qachaa sanii, biyya san maraa dabarsee sii kenneera;
2
akkuma Iyyaariko'oo fi mootii Iyyaariko'oo goote, Gaayii fi mootii kanallee hin goota, boojuu isi'iitii fi horii isi'ii garuu hin saamtan; qachattii duubatti loltoota dhossa'aan kaayi» jedheen.
3
Iyyaasu'uu fi loltoonni maruu gara Gaayii bawu'uuf ka'an; Iyyaasuun namoota jajjabaa kuma soddomaa filee halkaniin ergee,
4
«Qachaa duubatti dhokadhaa'a; qachattii irraa hin fagaatinaa'a; isin maruu qophaayaa'a;
5
Anii fi baniin na woliin jiru maruu gara qachatti'ii dhiyaannaa. Akkuma duraa nuun lolu'uuf yoo nutti dhufan isaan jalaa dheessina.
6
Akka duraan isaan jalaa dheessine sanitti waan isaan jalaa dheessinu seeyanii qachattii keessaa bayanii haga fagaatanitti nu faanaa deeman; nullee isaan jalaa dheessina.
7
Isinillee hulee itti riphxanii dhokattan sanii ka'aa'a; Rabbi Waandhi keessan qachattii san waan isinii kennuuf qachattii san qabadhaa'a.
8
Akkuma qachattii san qabattaniin ibiddaan gubaa'a; waan ani isin ajajeef akkuma dubbii Rabbii godhaa'a» jedheen.
9
Kanaan maayessa Iyyaasuun isaan erge, isaanillee gara hulee itti dhokatanii dhaqanii Gaayii fi Beeteeliin jidduu ladda Gaayii karaa bita'aatiin riphanii taa'an; Iyyaasuun garuu halkan san banii woliin bule.
10
Iyyaasuun ganamaan ka'ee banii hiriirse; inninii fi jaarsonni Israa'elii banii firrisanii gara Gaayii dhaqan.
11
Loltoonni isa woliin jiran maruu bayanii qachattii bira gayanii gara mirgaatiin Gaayiin biratti quphatan; isaanii fi Gaayiin jidduu dhooqatu jira.
12
Iyyaasuun haga namoota kuma shanii fuudhee Beeteelii fi Gaayiin jidduu karaa dhiyaatiin qachattii keessatti isaan dhosse.
13
Loltoota qachattii keessa karaa mirgaatiin kaaye maraa, banii qachattii keessa karaa bita'aatiin dhossan, Iyyaasuun galgaluma san gara dhooqaa dhaqe.
14
Mootiin Gaayii haga isaan arge worri qachattii keessaa ganamaan ariifatanii ka'an; inninii fi baniin maruu hennaa gabaabaa keessatti Arabaa afo'ootitti baniin maruu Israa'eliin lolu'uuf bayan; qachattii duubaan garuu akka loltuun dhokatee ripheeru hin beenne ture.
15
Iyyaasuunii fi worri Israa'elii maruu akka waan mooyatamaniititti isaan jalaa gara lafa gammoojji'ii dheessan.
16
Namoonni qachattii keessaa maruu isaan ari'u'uuf waamamanii Iyyaasuu uduu ari'an qachattii irraa akka fagaatan godhan.
17
Gaayii fi Beeteeliin keessatti namni Israa'eliin ari'u'uuf ka hin baane hin jiru; qachattii duwwaa dhiisanii worra Israa'elii ari'an.
18
Kanaan maayessa Rabbi Iyyaasu'uun, «Gaayiin dabarsee waan sii kennuuf sibiila harkaa qabdu itti qajeelchi» jedheen; Iyyaasuunillee sibiila harkaa qabu qachatti'itti qajeelche.
19
Worri riphanillee daddafanii hulee itti riphanii ka'an; akkuma Iyyaasuun harka ufii gara diinaa qabeen loltoonni isaa gara qachatti'ii seenanii isaan qabanii daddafanii qachattii san ibiddaan guban.
20
Namoonni Gaayiillee uf irra midhatanii hennaa aarri qachattii san keessaa gara sami'ii ol aaru argan; bita'aa fi mirgattillee dheessuu dadhabanii gara banii Israa'elii ka gara lafa gammoojji'ii keessa isaan ari'aaranitti gara galan.
21
Iyyaasuunii fi worri Israa'elii maruu akkuma worri riphaniiran qachattii qabaniin aarri qachatti'iillee gara sami'ii akka ol aara'aaru hennaa argan uf irra gara galanii namoota Gaayii ajjeessan.
22
Namoonni kuuwwanillee duubaan itti nam'an; qachattii keessaa baasan namoonni Gaayiillee banii jidduu ta'an, baniin Israa'eliillee isaan marsee namni tokkollee uduu hin hafne isaan fixan.
23
Mootii Gaayii garuu uduu hin ajjeefne qabanii gara Iyyaasu'uu fidan.
24
Namoonni Gaayii worri Israa'eliin fixu'uuf deeman maraa lafa raasa'aa gammoojjii keessatti haga fixaniin maayessa, haga isaan dhumanitti guraade'een haga fixaniin maayessa, worri Israa'elii maruu gara Gaayii deebi'an.
25
Guyyaa san namoonni Gaayii worri guraade'een dhuman dhiiraa fi intalti maruu haga namoota kuma kudha lamaa turan.
26
Iyyaasuun worra Gaayiin keessa jiraatan maraa haga guraade'een fixutti harka ufii gad hin deebifanne.
27
Garuu akkuma Rabbi Iyyaasuu ajaje, hori'ii fi boojuu qachattii sanii mara worri Israa'elii ufumaa saamanii fudhatan.
28
Iyyaasuun Gaayiin gubee haga adhaa qachattiin sun diiggamtee baraa haga bara baraa ona taasise.
29
Mootii Gaayii garuu haga galgalaa muka irratti fannisee haga aduun dhiite reeffa isaa akka muka irraa buusan ajaje; isaanillee reeffa isaa muka irraa buusanii akka balbala qachatti'iititti gatan godhe; reeffa isaa irrattillee dhagaa guddaa haga adhaa jiru tuulan.
30
Achiin maayessa Iyyaasuun gaara Geebaalii irratti Rabbii Waaqa Israa'eliitii hulee ciincaa itti ciinceessan hojjate;
31
akkuma garbichi Rabbii Muuseen ijoollee Israa'elii ajajetti, akkuma kitaaba seera Muuse'ee irratti barreeffametti huleen ciinca'aa dhagaa hin woqaramnee fi ka sibiilli hin tundhe irratti ciincaa ciincawu Rabbii dhiyeessan; ciincaa fayyumma'aallee hin ciinceessan.
32
Iyyaasuun uduma ijoolleen Israa'elii argan hulee sanitti dhagaa sanniin irratti seera Muuse'ee barreesse.
33
Akkuma garbichi Rabbii Muuseen ajaje, banii Israa'elii firrisanii akka eebbisan worri Israa'elii maruu, jaarsonni isaanii, bulchoonni isaanii, abbootiin murti'ii, ijoolleen biyyaa worri isaanitti galee isaan keessa jiraatu, gariin gaara Gaariizaanii afo'otti gariin gaara Geebaalii afoo dhaabatanii worra Leewwotaatii fi gadoota saanduuqa waada'aa ka Rabbii afoo, gamaa fi gamana saanduuqa waada'aa marsanii dhaabatanii turan.
34
Achiin maayessa akkuma kitaaba seeraa irratti barreeffame maraa jecha seeraa maraa, eebbaa fi abaarsa dubbise.
35
Iyyaasuunillee banii Israa'elii maraa, ijoollee intalaa, daa'imman worra isaanitti galanii isaan keessa jiraatan maraa afo'otti dubbise, waan Muuseen ajaje irraa jecha tokkollee hin hambifne.
← Chapter 7
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 9 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24