bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
Joshua 12
Joshua 12
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 11
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 13 →
1
Biyyi ijoolleen Israa'elii dhoofte dhooqa Aarnooniitii jalqabee haga gaara Armooni'eemii, Araba gara baya biiftu'uutiin jirtu, biyya laga Yoordaanosiitiin gama gara baya biiftu'uutii jiru, mootonni isaan dhaalan kanniin fa'a.
2
Haseboonii irraa jalqabee haga Aarnoonii haga daangaa dhooqa Aroo'eerii wodhakkaa gala'aadii laga Yaabooqii, haga daangaa ijoollee Amoonii,
3
Araba gara baya biiftu'uutiin jirtuu haga galaana Kineereetii, karaa Beetashimootii biraan haga galaana Arabaatii fi haga galaana Sooqiddaa gara bita'aatiin lafa qaccee gaara faasika'aatiin jiruu ka mootiin Amoorotaa Seewoon bulcheeti.
4
Akkasuma ka gosa Raaffaayimii irraa hafe mootii Baasaanii ka Aagii biyya Astirootiitii fi Eediraayii keessa jiraata'aa tureeti.
5
Gaara Armooni'eemii Saalkaan, Baasaanii haga Geeshurootaa haga daangaa Maayikatootaa mara, wodhakkaa Gala'aadiitii haga mootii Haseboonii, haga daangaa Seewoonii ka mootiin Aagii bulcha'aa tureeti.
6
Garbichi Rabbii Muuseenii fi ijoolleen Israa'elii hin dhayaniin; garbichi Rabbii Muuseen lafa dhaalan ijoollee Roobeeliitii, ijoollee Gaadiitii fi wodhakkaa gosa Minaase'eetiif lafa isaanii kenneef.
7
Iyyaasuunii fi baniin Israa'elii mootota laga Yoordaanosiitiin gama gara dhiya adu'uutiin jiran maraa mooyatan; lafti sun dhooqa Libaanosii ka Ba'aalgaadii jalqabee haga gaara Seeyirii, haga gaara Haalaakii ka Eedoomiin gara bita'aatiin jiruu gaya ture; Iyyaasuun lafa kana qoqqoodee gosa maraafuu kenne.
8
Gayeen lafa kanaa tulluuwwan gara dhiya adu'uutiin jiranii, dhooqa Yoordaanosiitii fi tulloota garaa jala jiran ka gara lafa dhooqaa ka gara baya biiftu'uutiin jiranii fi lafa gammoojji'ii ka gara bita'aatiin jiru maraa wolitti qabata ture; lafti kun dura lafa Keexotaa, Amoorotaa, Kana'aanotaa, Feerzotaa, Eewwotaatii fi ka Iyyaabusootaa ture.
9
Mootiin Iyyaariko'oo ka Beeteelii Gaayiin biraati,
10
mootiin Yerusaalemii, mootiin Keebroonii,
11
mootiin Yermuutii, mootii laakisoo,
12
mootii Adoola'aa, mootii Geezir, mootii Deebir, Geedir
14
mootii Heerma'aa, mootii Araadii,
15
mootii Libina'aa, mootii Adoolaamii
16
mootii Meqeeda'aa, mootii Beeteel,
17
mootii Taaphuuwa'aa, mootii Ofeerii, mootii Afeeqii, mootii Lashiroonii,
19
mootii Maadoonii, mootii Asoorii,
20
mootii Sheemiroon, Meeroon, mootii Asiif,
21
mootii Ta'inaakii, mootii Meeqidoo,
22
mootii Qaadees, mootii Yooqini'aamii ka Qarmeloosiin ture,
23
mootii Doorii ka tulluu Doorii irra ture, mootii Gelgela'aa ka worra ormaa,
24
mootii Tersa'aa, mootonni kunniin maruu wolitti qaba'atti soddomii tokko turan.
← Chapter 11
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 13 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24