bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
Joshua 13
Joshua 13
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 12
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 14 →
1
Iyyaasuun umuri'iin nama guddaa ta'ee jaare; Rabbillee «Ati jaartee nama guddaa taateerta; biyyi hin booji'amne ammallee baay'e'etu hafe.
2
Biyyoonni hafan kanniin; biyyi Filisxeemiitii fi biyyi Geeshurootaa maruu,
3
Laga shihoorii ka biyya Misirii afoo jiruu jalqabee haga daangaa biyya Kana'aanii taate Gaazaa, Azaaxoon, Asqaloonaa, Geetii haga Aqaroonii jajjaboonni shanan worri gara bita'aatiin jiranillee
4
Worri Eewwotaa, worri biyya Kana'aanii maruu, Ma'aaraa worra Siidona'aatii haga daangaa Amoorotaa haga Afeqii,
5
worri biyya Gebaalotaa, Algaadii gara baya biiftu'uutiin gaara worra Armoonotaa jirtuu jalqabee haga seensa hamaatii, Libaanosiin maruu,
6
worri gaara irra jiraatan maruu Libaanosii jalqabee haga Maaseroonii, Siidoonaan maruu, kanniin maraa afoo ijoollee Israa'eliitii ari'a; akkuma ani si ajaje lafa isaanii worra Israa'eliitii qoodiif.
7
Ammallee lafa tana gosa sagaliifuu, wodhakkaa gosa Minaase'eetii qoodi︀ » jedheen.
8
Akkuma garbichi Rabbii Muuseen isaanii kenne, Minaasee, ijoollee Roobeeliitii fi ijoollee Gaadiitii ka Muuseen laga Yoordaanosiitiin gamatti lafa isaanii kenne fudhatan.
9
Qachaa daangaa dhooqa Aarnoonii jirtu ta dhooqa Aaro'eerii jiddu'uu jalqabee haga raasaa Meediba'aatii haga Diboonii gaya;
10
qachoonni mootiin Haseboonii irratti mooyee haga daangaa ijoollee Amoonii,
11
Gala'aadiin, Geeshurootaa fi haga daangaa Maayikootaa mara, Gaara Armooni'eemii baasanii,
12
haga Saalka'aa jiru mootii Astaroona'aa ka Edraayitti mooye, mootii Aagii mara inni ka Raaffaayimiin irraa hafe, kunniin ka Muuseen ari'ee isaan yaasee ture.
13
Ijoolleen Israa'elii garuu Geeshurootaa fi worra Maayikootaa uf keessaa hin baafne; isaan haga ammaa isaan woliin jiraata'aaran.
14
Muuseen garuu gosa Leewwi'iitii lafa hin kennine; akkuma inni isaanitti dubbate ciincaan ibiddaan Rabbii Waaqaaf dhiyaatu gayee isaaniiti.
15
Muuseen ijoollee Roobeeliitii akkuma gosa isaaniitiin lafa kenne.
16
Daangaan isaaniillee dhooqa Aarnooniitii daangaa Aro'eerii jidduu jirtuu jalqabee haga
17
raasaa Midiba'aa maraa Haseboon, qachoota isii keessa jiran maraa, Dibooniin, Baamoota'aal, Beetiba'aalmi'oon,
18
Yaahiis, Qideemooti, Meefi'aati,
19
Qiryaataarim, Seebaamaa'a. Phexishaar ta gaara dhooqa keessa jirtuu,
20
Beetafaagoor, lafa gaara faasika'aatii gad jirtuu.
21
Beetiyaashimoot, qachoonni raasaa keessa jiran maruu, mootiin Amoorotaa ka Haseboonitti mooye, mootonni Seewoonii maruu mootii Hasebooniitii gibira kenna'aa turan. Muuseen isaa fi abboota murti'ii ka lafa Seewoonii keessa jiraatan, bulchoota Miidiyaamii Eewiin, Roqoom, Suuriin, Huuriin Riibaa fa'a dhaye.
22
Worra ajjeesan kaawwan woliin ilma Bi'oorii morticha worra gosa Israa'elii Bala'aamiinillee guraade'een ajjeesan.
23
Daangaan ijoollee Roobeelii haga laga Yoordaanosii ture; lafti ijoollee Roobeelii qachootaa fi gandoonni akkuma gosa isaaniitiin kanniin ture.
24
Muuseen ijoollee gosa Gaadiitii akkuma gosa isaaniitiin lafa isaanii kenne.
25
Daangaan isaaniillee qachaa Iyyaazeeriitii fi qachaa Gala'aadii maraa, haga lafa wodhakkaa ijoollee Amoonotaa Barabaatiin afoo jirtuu haga Aro'eerii, Haseboonii jalqabee,
26
Haga Raamaatii Mitsipha'aa haga Beexoonimii Mahaanaayimii haga daangaa Daabeerii,
27
Beetihaaramii dhooqa keessaa, Beetinimiraa, Suukooti, Tsafoon, mootii Hasebooniitii fi mootii Seewooniitii ta hafte ture; daangaan isaaniillee Yoordaanosii gara cinaa baya biiftu'uu Yoordaanosiin gama daangaa galaana Kineereetii ture.
28
Lafti ijoollee Gaadiitii fi gandinii fi qachaan isaanii akka gosa isaaniitiin kanniin.
29
Muuseen wodhakkaa gosa Minaase'eetii lafa kenne. Lafti ijoollee Minaase'ee akka gosa isaaniitiin kana ture.
30
Daangaan isaanii Manaayii jalqabee haga mootii Baasaanii Aagii, Baasaan, gandoonni Iyyaa'irii ka Baasaaniin keessa jiran, qachoonni jahaatamaa maruu wodhakkaan gala'aadii.
31
Mootonni Aagii ka qachoota Baasaanii keessa jiran, Astaarootii fi Eediraayi; Kunniin ilma Minaase'ee ka ijoollee Maakiriiti; lafti ijoollee Maakirii akka gosa isaaniitiin kana ture.
32
Lafti Muuseen uduu karaa baya biiftu'uu Iyyaarikoo afoo raasaa laga Yoordaanosiitiin gama raasaa moo'aabii jiru qoode kana.
33
Muuseen gosa Leewwi'iitiif lafa hin kennine; lafti isaanii akkuma Rabbi Waandhi isaanii jedhe; Rabbi gayee isaaniiti.
← Chapter 12
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 14 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24