bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
Joshua 5
Joshua 5
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 4
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 6 →
1
Mootonni worra Amoorotaa ka gara dhiyaatiin Yoordaanosiin gama jiran maruu, mootonni worra Kana'aanii ka galaana ladda jiran Rabbi ijoollee Israa'elii haga isaan laga Yoordaanosii ceeyanitti akka laga gosse haga dhagayan guddisanii nayan; waan ijoollee Israa'elii ka dhagayan saniif namni hin naayin tokkollee hin jiru.
2
Hennaa san Rabbi Iyyaasu'uun, «Dhagaa cabbi'ii ka qara qabuun ijoollee Israa'elii lammeessoo isaan gadoomsi» jedheen.
3
Iyyaasuun cabbii qara qabu qopheeffatee hulee, «Tulluu gadoomaa» jedhamutti ijoollee Israa'elii gadoomse.
4
Wonti Iyyaasuun banii gadoomseef waan worri dhiiraa ka biyya Misiriitii bayan maruu lafa gammoojji'iititti dhumaniif.
5
Baniin achii baye maruu gadoomee ture; garuu baniin biyya Misirii keessaa bayanii karaa irratti lafa gammoojji'ii keessatti dhalatan hin gadoomne ture.
6
Lafa aannanii fi damma baaftu ta Rabbi abboota keennaa kennu'uuf kakate san nuu kennu'uuf worra jecha isaa hin dhageenne ka biyya Misiriitii bayanitti lafa san akka isaanitti hin mudhifne duultonni sunniin maruu haga badanitti ijoolleen Israa'elii woggaa afurtamaa lafa gammoojji'ii keessa deema'aa turan.
7
Bikka isaanii ijoollee isaanii kaase; kunniinillee worra karaa irratti dhalatan worra hin gadoomne waan ta'aniif Iyyaasuun isaan gadoomse.
8
Baniin maruu gadoomanii haga fayyanitti ganduma ufii jiran san taa'an.
9
Rabbi Iyyaasu'uun, «Ani adha fafa biyya Misirii isin irraa gara galcheera» jedheen; kanaafuu maqaan hulee sanii haga adhaa Gelgelaa jedhamee waamama.
10
Ijoolleen Israa'elii Gelgela'atti quphatan; ji'uma san keessa guyyaa kudha arfeesso'ootitti galgala raasaa Iyyaariko'ootitti ayyaana faasika'aa ayyaanteffatan.
11
Ayyaana faasika'aa saniin maayessa haga bariite, sanyii biyya sanii, xorosho'oo fi qorsoollee nyaatan.
12
Haga bariite sanyii lafa sanii haga nyaataniin maayessa mannaan dura isaanii kennamu sun hin hafe; achiin maayessa ijoollee Israa'eliitiif mannaan hin dhufne; garuu baruma san sanyii biyya Kana'aanii nyaatan.
13
Iyyaasuun uduu Iyyaarikoo bira jiru ol yoo laalu nama tokko ka guraadee harkaa qabu ka isa afoo dhaabatu arge; Iyyaasuun gara isaa dhiyaatee «Ati gara keenna mo'o gara diintota keennaati?» jedheen.
14
Innillee «Miti, ani bulchaa duula Rabbii ta'ee amma dhufeera» jedhe; Iyyaasuunillee kallachaan lafatti kufee sagadee «Gooftaa kiyya wonti ati ana garbicha keetitti himtu maali'i?» jedheen.
15
Bulchaan duula Rabbiillee Iyyaasu'uun «Huleen ati dhaabatte sun woyyittii waan taateef kophee luka kee irraa baafadhu» jedheen; Iyyaasuunillee akkasuma godhe.
← Chapter 4
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 6 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24