bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
/
Deuteronomy 16
Deuteronomy 16
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
← Chapter 15
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 17 →
1
Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti ji'a «Abiib» jedhamu halkaniin biyya Gibxi'ii keessaa waan si baaseef, ji'a kana keessa Mootii Waan Maraa keetiif Jila Irra Dabaramaa jilifadhu.
2
Addee Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti akka itti waaqonfamuuf filatu sanitti, hoole'ee fi re'ee teeti keessaa yookiin loon keeti keessaa filiitii ciincaa Jila Irra Dabaramaa Mootii Waan Maraa Waaqa keetiif ciincessi.
3
Foon ciinca'aa san daabboo uukoo qadduun hin nyaatin. Ati ariiti'iin biyya Gibxi'ii keessaa waan baateef, bara le'ii teetii mara guyyaa biyya Gibxi'ii keessaa baate san akka qaabattuuf, guyyaa torba daabboo uukoo hin qanneen nyaadhu. Isiin daabboo rakkinnaa ti.
4
Guyyaa torba san keessatti lafa teeti mara keessatti uukoon hin dhaggamin. Foon ati guyyaa qaraa galgala ciincaa dhikeessite halkan san irraa hafee haga ganamaatitti hin turin.
5
Ciincaa Jila Irra Dabaramaa, qachoota Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti sii kennu keessaa tokko keessalle'etti hin dhikeessin.
6
Garuu addee Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti maqaan isaa akka waamamuuf filatutti, yennaa aduun seentu, saatii ati biyya Gibxi'iitii baatetti dhikeessi.
7
Addee Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti filatutti foon iffeeliitii nyaadhu; ganama gara dunkaanii teetii deebi'ii deemi.
8
Guyyoota jaa daabboo uukoo hin qanne nyaadhu; guyyaa torbeesso'oo Mootii Waan Maraa Waaqa keetiif yaa'iin woyyittiin godhantuu ti; guyyaa san hin hujin.
9
Guyyaa midhaan haamamiisa jalqabeen kaasiitii torbaan torba laakkowiisa jalqabi.
10
Achiin duuba akkuma Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti si eebbisetti, kennansa fedhii teetii dhikeessiisaan, jila torbaan torbaa Mootii Waan Maraa Waaqa keetiif jilifadhu.
11
Ati, ilmi keeti, intalti teeti, tajaajilaan keeti, tajaajiltuun teeti, worri Lewwootaa ka qachoota keeti keessa jiranu, worra alagaa, ijoollee haadhaa fi abbaa hin qannee fi dubartii haadhotii hiyyeessaa ta odduu teessan jiranu woliin addee Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti akka maqaan isaa itti waamamuuf filatutti, Mootii Waan Maraa duratti gammadi.
12
Atille dur biyya Gibxi'ii keessatti garba akka teete qaabadhu; seerata kana akka dansaa eegadhu.
13
Midhaan keeti eeddummee irraa, midhaan woynii teetiille addee itti cunfantu irraa galfatteen duuba, guyyaa torba jila gose'ee jilifadhu.
14
Atii fi ilmi keeti, intalti teetille, tajaajilaan keeti, tajaajiltuun teeti, Lewwooti, worri alaga'aa, ijoolleen haadhaa fi abbaa hin qannee fi haadhotiin hiyyeessaa ta qachoota keeti keessa jiranulle jila tanatti gammada'a.
15
Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti, midhaan keetii fi waan ati hujattu maraan waan si eebbisuuf, addee inni filatutti jila tana Mootii Waan Maraa Waaqa keetiif, guyyaa torba jilifadhu.
16
Dhiirti teeti marti addee Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti filatutti, wogga'atti yennaa sad Jila Irra Dabaramaa, Jila torbaan torbaatii fi Jila Gose'ee jilifatiisaaf wolitti qabamanuu ti. Isaan jilaaf yennaa dhufanu harka duwwaa Mootii Waan Maraa dura hin dhufin.
17
Nami martinuu akkuma Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti isa eebbisetti kennuu ti.
18
Qachoota Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti sii kennu mara keessatti akkuma gosa gosa teetiititti, abbootii mura'aatii fi bulchitoota fili. Isaan adoo wol hin caalchisin kolba'aaf muraa kennuu qaban.
19
Muraa hin dassin; nama woli hin caalchisin; safuun ila worra qaroole'ee balleessitee, dubbii worra balchoole'ee waan micciirtuuf, safuu hin fudhatin.
20
Ati akka jiraattuuf, lafa Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti sii kennulle akka dhaaltuuf, haqa, haqa qofa hordofi.
21
Addee ciinca'aa ta Mootii Waan Maraa Waaqa keetii biratti utubaa waaqa dharaa ta «Asheeraa» jedhantuu hin dhaabin.
22
Utuboota dhaka'aa ka Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti jibbulle hin dhaabin.
← Chapter 15
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 17 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28
29
30
31
32
33
34