bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
/
Deuteronomy 19
Deuteronomy 19
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
← Chapter 18
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 20 →
1
Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti gosa biyya adda addaa ta lafa isaanii ka sii kennu yennaa balleesse, qachoota isaaniitii fi mana isaanii dhaaltee achi keessa le'iisa yennaa jalqaddu,
2
lafa Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti akka ati dhaaltuuf sii kennu keessaa qachoota sad adda baafadhu.
3
Nami nama ijjeese tokko achitti akka baqatuuf, lafa Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti akka ati dhaaltuuf sii kennutti, karaa baasiitii lafa san addee saditti qoodi.
4
Nami tokko duraan diinummaa isaa adoo hin qabaatin, adoo hin beekin, nama tokko yoo ijjeese, qachoota kana keessaa gara tokkootitti baqatee lubbuu ifii hamburatuu ti.
5
Nami tokko muka muriisaaf, nama tokko woliin baddaa seenee, muka muriisaaf harka yennaa ol fudhatu, agaraan sukkeya keessaa bu'ee, nama isa woliin jiru san dhowee, nami sun yoo du'e, nami ijjeese sun qachoota san keessaa gara tokkootitti baqatee, lubbuu ifii hamburatuu ti.
6
Worri namicha du'ee, ka namicha ijjeese haluu baasiisaaf haajaa qabanu sun aaranee isa hin ari'an. Qachaan itti baqatanu sun fagoo yoo te'e, inni duraan namicha irraa haluu adoo hin qabaatin waan ijjeeseef, ka du'iisaaf hin malle te'ulle, worri namichaa reebee isa dhaqqabee hin ijjeesa fa'a.
7
Ani tanaaf akka ati qachoota sad adda baafattuuf si ajaje.
8
Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti lafa, «Ani isiniif kenna» jedhee abbootii teetiif kaku'uun waadaa gale mara sii kennee lafa teeti yoo sii badhise,
9
ati ajaja inni adha si ajaju mara yoo eegatte, Mootii Waan Maraa Waaqa keeti yoo jaalatte, guyyaa mara karaa isaa gula yoo deente, qachoota dur adda baafatte sanitti qachoota dhibii sad itti dabalattee adda hin baafatta.
10
Lafa Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti sii kennu keessatti, dhiigi nama yakkaa hin qannee akka hin dhangalaane, dhiiga dhangalu'uufille akka itti hin gaafatanne tana godhi.
11
Ammoo nami tokko nama haluu irraa qabu tokko riphee eegee, dhowee ijjeesee, lubbuu ifii hamburatiisaaf qachoota kana keessaa tokkochatti yoo baqate,
12
jaarsoleen qachaa isaa nama itti erganee achii isa fichisiisanee, akka inni du'uuf dabarsanee fira dhiiga baafatutti isa kennanuu ti.
13
Ati ila mararti'iitiin isa hin ilaalin. Nageenni akka si'iif te'u Israa'el keessaa nama dhiigi nama yakkaa hin qannee dhangalaase ijjeesi.
14
Lafa Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti akka ati dhaaltuuf sii kennu keessatti, meessaa ollaa keetii ka worri durii dhaabe hin dhiibin.
15
Yakkaa yookiin cubbuu nami tokko huje mirkaneessiisaaf, afaan dhugaa baatota lamaa yookiin sadiitiin malee afaan nama tokkochaatiin itti hin mirkaneeffamu.
16
Nami dharaan dhugaa bayu tokko ka'ee nama tokko dharaan yoo himate,
17
jarri wol himatane sun lamaanuu fuula Mootii Waan Maraa duratti, hayyootaa fi abbootii mura'aa ta bara sanii dura dhikaatanuu ti.
18
Abbootiin mura'aa dubbii san gad fageennaan qorqoranuu ti; namichi dharaan dhugaa bayu sun obboleessa ifii irratti dharaan dhugaa bayee yoo jiraate,
19
waan inni obboleessa ifii irratti tolchiisaaf yaadate san isa irratti tolchi. Maarre akkanaan waan hantuu odduu teessanii balleessitan.
20
Worri hafanelle waan kana dhage'anee hin sodaatan; itti deebi'anee waan hantuu akkasii odduu teessanitti hin godhanu.
21
Ati ila mararti'iitiin hin ilaalin. Lubbuun lubbu'uun, ilti ilaan, ilkaan ilkaaniin, harki harkaan, miilli miilaan haluun baafantuu ti.
← Chapter 18
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 20 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28
29
30
31
32
33
34