bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
/
Deuteronomy 27
Deuteronomy 27
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
← Chapter 26
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 28 →
1
Muuse'ee fi jaarsoleen Israa'elii, kolbaa ajajanee, inni isaan, «Ajaja adha ani isin ajaju kana mara eegadha'a.
2
Lafa Mootiin Waan Maraa Waaqi keessan isinii kennutti galiisaaf, laga Yordaanosii gamatti yennaa buutane, dhakoota gugurdaa dhaaba'aatii nooraa itti diba'a.
3
Akkuma Mootiin Waan Maraa Waaqi abbootii teetii waadaa sii galetti, lafa aananii fi dammaa, ta Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti sii kennutti galiisaaf, laga Yordaanosii gamatti yennaa buute, jechoota seera kanaa mara dhakoota san irratti barreessi.
4
Laga Yordaanosii gamatti yennaa buute, akkuma ani adha si ajajetti dhakoota kana gaara Ebaalii irratti dhaabiitii nooraa itti dibi.
5
Achitti Mootii Waan Maraa Waaqa keetiif, sibiilaan adoo hin tuqin addee ciinca'aa dhaka'aan ijaari.
6
Mootii Waan Maraa Waaqa keetiif, dhakaa hin bocaminiin addee ciinca'aa ijaariitii isii irratti ciincaa dhikeessi.
7
Achitti ciincaa tokkumma'aa dhikeessiitii, Mootii Waan Maraa Waaqa keeti duratti nyaataa gammadi.
8
Dhakoota san irratti jechoota seera kanaa mara akka mudhatu godhiitii barreessi» jedhe.
9
Achiin duuba Muuse'een, Lewwoota hayyoota woliin, kolbaa Israa'elii maraan, «Ee Israa'el, cadhisii dhage'i; ati adha kolbaa Mootii Waan Maraa Waaqa keetii teeteerta.
10
Tanaaf, Mootii Waan Maraa Waaqa keetiif ajajamiisaan, ajajaa fi seerata ani adha si ajaju kana eegadhu» jedhe.
11
Guyyuma san Muuseen, kolbaa Israa'elii ajajee,
12
«Laga Yordaanosii gamatti yennaa buutane, gosi Shimi'oonii, gosi Lewwi'ii, gosi Yihuda'aa, gosi Yisaakorii, gosi Yoseefiitii fi gosi Beniyaaminii kolbaa eebbisiisaaf, gaara Geriiziimii irra dhaabbatanuu ti.
13
Gosi Ruubenii, gosi Gaadii, gosi Asheerii, gosi Zebuloonii, gosi Daaniitii fi gosi Niftaalemii abaariisaaf gaara Ebaalii irra dhaabbatanuu ti» jedhe.
14
Worri Lewwootaalle qoonqoo ol qabatanee, kolbaa Israa'elii maratti lallabanee:
15
«Nami fakkii nama hujii harkaa beekuun hujante, ta Mootii Waan Maraa duratti jibbisiisaa teete qiriixee yookiin sibiila baqisiisee waaqa dharaa hujee, dhossa'aan dhaabu, ka abaarame te'uu ti» jedhane. Kolbaan marti, «Ameen» jettuu ti.
16
Nami haadha ifii yookiin abbaa ifii salphisu, ka abaarame te'uu ti. Kolbaan marti, «Ameen» jettuu ti.
17
Nami dhakaa meessa'aa ka ollaa ifii adde'ee munyuussu marti, ka abaarame te'uu ti. Kolbaan marti, «Ameen» jettuu ti.
18
Nami ballaa karaa dokonkoraatitti qajeelchu, ka abaarame te'uu ti. Kolbaan marti, «Ameen» jettuu ti.
19
Nami alagaa, ijoollee haadhaa fi abbaa hin qannee fi haadhotii hiyyeessaa haqa dhooggu, ka abaarame te'uu ti. Kolbaan marti, «Ameen» jettuu ti.
20
Nami niitii abbaa ifii haadiqqoo ifii woliin rafu, rifanoo abbaa ifii waan salphisuuf, ka abaarame te'uu ti. Kolbaan marti, «Ameen» jettuu ti.
21
Nami horii kamiiyyuu woliin rafu ka abaarame te'uu ti. Kolbaan marti, «Ameen» jettuu ti.
22
Nami intala abbaa ifii yookiin intala haadha ifii ta obboleettii isaa teetu woliin rafu ka abaarame te'uu ti. Kolbaan marti, «Ameen» jettuu ti.
23
Nami haadha sodda'aa ta ifii woliin rafu, ka abaarame te'uu ti. Kolbaan marti, «Ameen» jettuu ti.
24
Nami dhossa'aan nama ijjeesu marti, ka abaarame te'uu ti. Kolbaan marti, «Ameen» jettuu ti.
25
Nami nama yakkaa hin qanne ijjeesiisaaf, beesee fudhatu, ka abaarame te'uu ti. Kolbaan marti, «Ameen» jettuu ti.
26
Nami jechoota seera kanaa hin eeganne, ka abaarame te'uu ti. Kolbaan marti, «Ameen» jettuu ti.
← Chapter 26
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 28 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28
29
30
31
32
33
34