bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
/
Deuteronomy 20
Deuteronomy 20
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
← Chapter 19
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 21 →
1
Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti ka biyya Gibxi'iitii ol si baase waan si woliin jiruuf, ati diina keeti loliisaaf yennaa baate, fardo'oo fi garreettaa fardo'oon harkifamu, loltoota loltoota teeti caaltu yennaa dhaggite, isaan hin sodaatin.
2
Gara addee lolaatitti yennaa dhikaattane, hayyichi gara duraa dhufee loltootaan,
3
«Ee, kolbaa Israa'elii dhage'a'a! Adha isin diina keessan loliisaaf, bira geettaneertan; hin corisina'a; hin sodaatina'a; hin sheephisina'a; hin bararaqinaalle'e.
4
Akka isin injifattanu, diinota keessan isinii loliisaaf, ka isin woliin deemu Mootii Waan Maraa Waaqa keessan» jedhuu ti.
5
Achiin duuba qondaaltoti loltootaan, «Isin keessaa nami mana haareya ijaarratee, eebbisiifatee itti hin qubatin jiraa? Inni lola keessatti du'ee, nami dhibiin eebbisiifatee akka itti hin qubanne, gara mana ifii deebi'uu ti.
6
Nami muka woyni'ii dhaabbatee, midhaan isi'ii irraa hin nyaatin jiraa? Inni lola keessatti du'ee nami dhibiin midhaan isi'ii akka hin nyaanne, gara mana ifii deebi'uu ti.
7
Nami durra kadhatee adoo isii hin fuudhin jiru jiraa? Inni lola keessatti du'ee, nami dhibiin akka isii hin fuune, inni gara mana ifii deebi'uu ti» jedhanuu ti.
8
Qondaaltoti ammalle loltootaan, «Nami soda'aan guutamee coriseeru jiraa? Akkuma gadhaa ifii gadhaa worra dhibi'iille akka hin sheephisiinne, inni gara mana ifii deebi'uu ti» jedhane.
9
Qondaaltoti tana kolba'atti dubbataneen duuba, ajajjooti sooressitoota isaaniif filanuu ti.
10
Qachaa lolaartutti yennaa dhikaatte, nageyumaan akka harka kennatanu itti dhaami.
11
Isaan deebii nageyaa sii deebisanee karra ifii yoo si duraa banane, namooti qachaa san keessatti dhaggamanu hujii hunnaatiin si tajaajilanuu ti.
12
Isaan si woliin nageya buusuu didanee, yoo si lolane ammoo, ati qachaa san marsi.
13
Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti qachaa san harka keetitti dabarsee yennaa kenne, dhiira achi keessaa mara shallaaga'aan ijjeesi.
14
Garuu dubartootaa fi ijoollee, hori'ii fi waan qachaa san keessaa maralle, waan qachaa san keessaa booji'amu maraayyuu ifiif fudhadhu. Waan diina keeti irraa booji'ame ka Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti sii kennelle nyaadhu.
15
Qachoota si irraa fago'oo, ka gosa biyya adda addaa ka gosa sitti dhikoo jiranu kanaa hin te'in maralle akkasuma godhi.
16
Te'uu malee, qachoota gosa biyya adda addaa tanaa ka lafa akka ati dhaaltuuf, Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti sii kennu keessatti, waan lubbuu qabu tokkolle lubbu'uun hin hamburin.
17
Worra Heetotaa, Amoorotaa, Kana'aanotaa, Pheriizotaa, Hiiwotaatii fi Yibusootaa akkuma Mootiin Waan Maraa si ajaje ijjumaa balleessi.
18
Yoo akkas hin te'in, waan battii isaan hujanu waaqota ifii sagadiisaan godhanu akka isin hordottanu isin barsiisan; isinille Mootii Waan Maraa Waaqa keessan irratti cubbuu hujjan.
19
Qachaa tokko fudhatiisaaf, qachaa san lolaa marsitee yennaa hedduu yoo turte, muka qachaa sanii murtee hin balleessin. Midhaan isaanii nyaadhu malee, mukoota san murtee hin jissin; akka si'iin marfamanuuf, mukooti badda'aa namaa ree?
20
Mukoota midhaan isaanii akka hin nyaatane ati beettu qofa murtee jissitee balleessitee, haga qachaan si woliin lolu sun jigutti, hujii isa marsiisaatiif ittiin ijaarata.
← Chapter 19
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 21 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28
29
30
31
32
33
34