bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
/
Deuteronomy 8
Deuteronomy 8
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
← Chapter 7
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 9 →
1
Akka Jiraattanuuf, akka bacattanuuf, lafa Mootiin Waan Maraa abbootii teessanii kenniisaaf kaku'uun waadaa galetti galtanee akka dhaaltanuuf, ifi eegadha'aatii ajaja ani adha isin ajaje mara eegadha'a.
2
Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti, akka ati gad jettuuf, gadhaa keeti keessa waan jiru, ajaja isaa akka ati eegattu yookiin hin eeganne beekiisaaf, haga si ilaaliisaaf jedhee, karaa inni goomolee keessa woggaa afurtama si sooresse qaabadhu.
3
Inni nami jecha afaan Mootii Waan Maraa keessaa bawuun malee, sagalee qofaan le'uu akka hin dandeenne si barsiisiisaaf, inni si beelessee gad si qabe; achiin duuba mannaa abbootiin teetii fi atille hin beenne si nyaachise.
4
Woggaa afurtama tana duudii keessatti woyaan teeti hin dhumanne; miilli keetille hin iitonne.
5
Nami ijoollee ifii akkuma adabu, Mootiin Waan Maraa Waaqi keetille akka si adabu gadhaa keeti keessatti beeki.
6
Karaa isaa irra deemiisaan, isa sodaatiisalle'een, ajajoota Mootii Waan Maraa ka Waaqa keetii mara eegadhu.
7
Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti, lafa dansaa ta bisaan yaa'uu fi baleessa bisaanii qaddu, ta maddi dhooqaa keessaa fi kooba keessa yaa'utti si hin galcha.
8
Latti sun lafa qamadi'i, lafa garbu'u, lafa muka woyni'ii, lafa muka harru'uu, lafa muka rumaanii, lafa muka ejersaatii fi lafa dammaa ti.
9
Latti sun ta sagaleen keessaa hin dhabanne, ta ati womaa keessaa hin dhanne, ta rassaan isi'ii sibiilaa, ta koobota isi'ii keessalle sibiila diimaa qottee baafattu.
10
Nyaattee yennaa quutte, lafa dansaa Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti sii kenne saniif isa leellifadhu.
11
Ajaja, seerataa fi seera ani Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti adha sii kennu eeguu dhabiisaan akka hin deene ifi eegadhu.
12
Yoo akkas hin te'in, yennaa nyaattee quuttu, yennaa manoota dadansaa ijaarattee keessa leetu,
13
horiin keetii fi hoole'ee fi re'een teeti yennaa sii horanu, meetiin, worqi'ii fi wonni ati qaddu martille yennaa sii bacattu,
14
koortee Mootii Waan Maraa Waaqa keeti ka garbummaa biyya Gibxi'ii jalaa si baase hin deeta.
15
Inni goomolee badhoo sodaachittuu keessa, lafa godduu bisaan hin qanne, goomolee dhudhuufa'aa fi makki keessa guutane san keessa si sooresse; rassaa jabaa keessaalle'ee bisaan sii baase.
16
Dhuma irratti wonni dansaan akka sii teetu, akka ati gad jettu haga si ilaaliisaaf, goomolee keessatti, mannaa abbootiin teeti ijjumaa nyaatanee hin beenne si nyaachise.
17
Ati, «Hunnaa fi jabeenna kiyyaan karra tana horadhe» hin jetta fa'a.
18
Ammoo Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti akkuma adha godhe kana gondooroo ifii ta abbootii teeti ta duriitiif kaku'uun gondoore jabeessiisaaf, akka ati karra tana horattu dandeettii waan sii kennuuf, isa qaabadhu.
19
Ati Mootii Waan Maraa Waaqa keeti deetee, waaqota dhibii hordottee yoo waaqonfatte, isaaniifille yoo sagadde, dhugumaan akka isin baddanu ani adha dhugaa isin irratti hin baya.
20
Akkuma gosa biyya adda addaa ta Mootiin Waan Maraa isin duraa balleessee, Mootii Waan Maraa Waaqa keessaniif waan hin ajajaminiif, isinille hin baddan.
← Chapter 7
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 9 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28
29
30
31
32
33
34